Sochii salphaa garuu dhiibbaa dhiigaa hir'isuuf qixxee hin qabne lamaan kana beektuu?

Sochiiwwan qaamaa keessaa dugdaan keenyanitti hirkatanii koomeerra duubaan quuphanuuf aggaamuu (wall Squats), akkasumas fuulduraan irree ofiirratti hirkatanii miilaafi dugda qajeeltootti diriirsuun (plank) dhiibbaa dhiigaa hir'isuudhaaf kan itti qixxaatu hin jiru jedha qorannoon tokko.

Qajeelfamni sochii jabeenya qamaaf taasifamu amma hojiirra jiru kan adda durummaan deemsa miilaa, fiigichaafi bishkileetii ofuurratti xiyyeeffatu fooyyaa'uu qaba jedhan qorattoonni UK.

Xiinxalli The British Journal of Sports Medicine irratti maxxanfame akka agarsiisutti, yaaliiwwan namoota16,000 hirmaachise gaggeeffameen sochiin qaamaa hunduu dhiibbaa dhiigaa haa hir'isuuf ni gargaaru.

Haata'u malee, dugdaan keenyanitti hirkatanii duubaan gadi quuphanuuf aggaamuun (wall Squats) fi irree ofiirra hirkatanii gara fuulduraatti miilla diriirsanii (plank) daqiiqaa lamaaf turuun sochiiwwan ispoortii kamiyyu caalaa dhiibbaa dhiigaa hir'isa.

Sochiiwwan qaamaa jifuu jifuurratti (isometric) ta'an kunneen sochii maashaafi manyee malee jabina qaamaa horachuuf kan yaadamanidha.

Sochiin irree ofiirratti hirkachuun taasifamu 'puush-appii' waliin walfakkaata.

Ciqilee ofii lafarra godhachuun irree ciqilee gadii ammoo kallattii qolee ofiin waltarree kaawwatu. Miilaan ammoo duubatti sirriitti diriirfatu.

Kun maashaa karaa garaan jiru ni cimsa.

Dugdaan keenyanitti (girgiddaatti) hirkatanii duubaan koomeerra kuphanuuf gadi aggaamuun hanga sarbaan jilbarratti dabe lafa waliin waltarree ta'utti gadi sigigaachuudha.

Giddu-galeessaan miilli keenya keenyanirraa 60cm fagaata.

Sochiiwwan qaamaa biroo (aerobics) caalaa sochiin kunneen lamaan (Isometrics) qaamarratti dhiibbaa baayyee adda ta'e fida jedhu bareessaan qorannoo kanaa Dr Jaamii O'Diriskool

"Daqiqaa lamaaf shaakalaa yeroo turanitti maashaa keessatti muddamni akka dabalu taasisu.

''Kun ammoo yeroo dhiigni akka saffisaan deemu taasisa. Kun dhiigni deemu dabalu taasisa, garuu harganuu yaadachuu qabdu," jedhu Dr. Jaamiin.

Dhiibbaan dhiigaa cimaan jiraachuun ammoo ujummoowwan dhiigaa keessa, onnee keessaafi qaamota biroo keessatti muddama uumuun balaa onneen hojii dhaabuufi dhiigni sammuu keessatti dhangala'uu akka guddatu taasisa.

Wallaansi dhibeewwan kanaa yeroo baay'ee qoricha gaafata garuu namoonni dhibee kana qaban nyaata fayyalessa akka nyaatan, alkoolii akka xiqqeesaniifi tamboo aarsuu akka dhaaban, akkasumas yeroo hunda sochii qaamaa akka taasisan gorfamu.

Namoonni umuriin isaanii waggaa 40 ol ta'e ammoo waggaa shan shanitti dhiibbaa dhiigaa isaanii ilaalamuu qabu.

Dhiibbaan dhiigaa arterii keessa jiru miiliimeetira merkuriitiin (mmHg)'tiin safarama.

Dhiibbaan dhiigaa 130/85mmHg fayyaalessa yoo ta'u, 140/90 mmHg ammoo guddaadha akka qorannoon agarsiisutti.