Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartootaafi dhiirootaaf maaliif yeroo sochii ispoortii garaagaraa akka qabaatan gorfama?
Sochii qaamaa (ispoortii) taasisuun fayyaa namaaf gumaachuu keessatti gahee akka qabu ogeessoonni ni himu.
Haata'u malee, sochiilee qaamaa raawwannu keessaa akka bu'aa qabatamaa argannuuf ammoo yeroo sochii qaamaa itti hojjannuu hubannoo keessa galchuun murteessaadha.
Qorannoon dhiheenya kana bahee tokko akka ifa taasiseetti, yeroo dubartoonniifi dhiiroonni itti sochii qaamaa taasisan caalaa bu'aa qabeessoota isaan taasisuu akka danda'u mirkaneesseera.
Akka qorannichaatti, dubartoonni ganama keessa yoo sochii qaamaa taasisan kuufama cooma qaamasaanii keessatti argamu balleessuu danda'u.
Dhiiroonni ammoo caalaa bu'a qabeessa kan taasisuu kan ta'an galgala keessa ispoortii hojjachuudha.
Dhiiraafi dubartoota jidduutti garaa garummaan hormoonii, sa'aatii hirriibaa fi caasaan uumama qaamasaanii kanneen adda addummaa fidan keessaa ta'u qorannichi ibseera.
Qorannoon dubartoota 26 fi dhiiroota 30 kanneen umuriinsaanii waggaa 25-55 jidduutti argamuufi haala fayyina gaarii irratti argaman hirmaachise kunis, torbanoota 12'f gaggeeffame.
Hirmaattonni qorannoo torbanoota kanaas gosawwan sochiilee ispoortii saffisa, ciminaafi utaalchoo isaanii cimsan irratti hirmaataa turan.
Gareen dubartootaa ganama sa'aatii 2:30 irraa kaasee sochiiwwan ispoortii kanneen akka hojjatan kan taasifaman yoo ta'u, gareen dhiirootaa ammo galgala sa'aatii 12 hanga halkan sa'aatii lamaatti akka hojjatan taasifaman.
Kana malees hirmaattonni qorannoo garee lamaaniitu, nyaatawwan haala addaatti qophaan irratti akka hirmaatan taasifamaniiru.
Hirmaannaa sochiilee kanneen torbanoota 12'f taasisaa turan kunneen irrattis, qorattoonni haala sochii dhiigasaanii, amma baay'ina cooma qaamaa, gahumsa qaamaa akkasumas wantoota biraa galmeessaa fi wal dorgomsiisaa turaniiru.
Bu'aan qorannoo jalqabarratti ifa taasisan hundi, hirmaattonni qorannichaa yeroo garaa garaatti sochii ispoortii taasisanis hunduu jijjirama qaamaa gaariidha jedhamu galmeessaniiru jedha.
''Sochii qaamaa taasisuuf sa'aatii filachuun barbaachisuu dhiisuu danda'a. Garuu ammo gama dubartootaafi dhiiraatiin yoo ilaalamu ammo, sa'aatii itti sochii isoortii hojjannuutti saffiisa bu'aa argannuu fi bu'a qabeessummaa isaatiin garaagarummaa qaba'' jedhu hogganaan qorannichaa Dr. Pool Arseeroon.
Haaluma qorannichaatti hanga cooma qama keenya keessatti argamu hir'isuufi dhiibbaa dhiigaa keenya gadi buusuuf dubartoonni barbaadan, ganamarra sochii ispoortii osoo taasisanii caalaa bu'aa qabaachu dubbatu Dr Pool.
Gama biraatiin ammo dubartoonni maashaasaanii guddisuufi cimsachuu barbaadan gara galgalaa keessa sochii qaamaa yoo taasisan filatamaa ta'u mul'isa qorannichi.
Dhiiroonni haaluma qorannichaatiin ganamaafi galagala sochii qaamaa yoo taasisan gahumsaa qaamaasaanii waliigalaa dabaluu kan danda'an yoo ta'u, kanneen fayyina onneessaanii eeguufi fooyyeessuu akkasumas fayyaa sammuusaanii fooyyeessuu barbaadan ammo gara galgalaa keessa sochii qaamaa yoo taasisan gaariidha jedha.
Dhiiroonnii fi dubartoonni sa'aatii garaagaraatti sochii ispoortii taasisuun isaanii maaliif adda addummaa akka fidu qorattoonni hanga yoonaatti irra hin qaqqabne.
Haata'u malee qorannoon dabalataa akka barbaachisu himaniiru.