Obbo Taayyeen MM Abiy fi Rediwaan dhaddacharratti akka dhiyaatan iyyatan

Madda suuraa, Dire Dawa City
Hokkara kakaasuufii farreen nageenyaa deeggaruun akkasumas labsii meeshaa waraanaa cabsuun kan himataman Deetaa Ministeera Nagaa kan turanfii miseensi Caffee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda’aa, himatawwan irratti dhiyaatan sadi keessaa lamaan bilisa jedhaman.
Dhimmi isaanii Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti dhaddacha tokkoffaa kan yakkoota heeraafii sirna heeraa irratti raawwataman ilaaluun ilaalamaa kan jiru Obbo Taayyeen himatawwan irratti saaqame sadi keessaa lamaan bilisa jedhamaniiru.
Angawaan duraaniifii miseensi Caffee Oromiyaa kun, Seera Yakkaa ALI Bara 1996 bahe keewwata 251/C fi keewwata 257/E akkasumas labsii meeshaa waraanaa cabsuuni kan himataman.
Abbaan Alangaas himatawwan jalqabaa lamaan irratti ragaalee sanadaa sadi Tajaajila Odeeffannoofi Tika Biyyaalessaarraa barreeffaman kan dhiyeesse yemmuu ta’u, dhimma meeshaa seeraan alaa mana jireenyaasaaniitii argame jedhamerrattimmoo ragaaleen namootaa lama jecha akka kennan taasisee ture.
Haaluma kanaan Manni Murtichaa ragaalee namaafii sanadaa Abbaan Alangaa dhiyeesse ilaalee jalamurtii laachuuf hara’a ALI Adoolessa 30, 2016’tti beellama qabatee ture.
Himatawwan lamaan bilisa jedhaman
Abbaan Alangaa, Obbo Taayyee Danda’aa miidiyaa hawaasaafii miidiyaa idileetti fayyadamuun ergaawwan hookkara kakaasan akkasumas kaayyoo “qaamolee farreen nageenyaa ABO-Shanee fi Faannoo” milkeessan dabarsaniiru jechuun himatawwan lama irratti banee ture.
Kana malees meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii argamaniiru kan jedhus himata sadaffaadha.
Obbo Taayyeen gama isaaniitiin gochaalee eeraman raawwachuu amananis balleessaa akka hinraawwanne yookiin yakka akka hin dalagne jechasaanii kennanii turan.
Barreeffamoonni miidiyaa hawaasaarratti qoodan hookkara kan kakkaasan osoo hintaanee waamicha nagaa ofkeessaa kan qaban ta’uu himuun himata irratti dhiyaateef deebii laatanii ture.
Kana malees dhimma meeshaa waraanaa mana isaaniitii argame jedhame ilaalchisee meeshaa waraanaa barbaadanii akka hidhatanfii booda heeyyamni akka kennamuuf itti himamee, meeshicha erga hidhatanii booda heeyyama osoo hinargatin yeroo gabaabaa keessatti to’atamuusaanii himaniiru.
Manni Murtichaas dhaddacha har’a taa’een ergaawwan Obbo Taayyeen gama toora miidiyaa hawaasaafii miidiyaa idileetiin dabarsan hookkara kan kaasanmoo miti, galma “ABO-Shanee fi Faannoo” milkeessuuf kan qoodamanmoo miti akkasumas hamilee uummataa kan tuqufii mirga nama biraa kan sarbanmoo miti kunneen jedhan qorachuu himeera.
Kanuma bu’uura gochuunis himatawwan lamaan hookkara kakkaasuufii gareelee farreen nageenyaa deeggaruu jedhan ofirraa ittisuun osoo irraa hineegamin bilisa jedheera.
Haa ta’u malee himata sadaffaa labsii meeshaa waraanaan walqabatu akka ofirraa Ittisan jalamurtii kenneera.
Obbo Taayyeenis himata kanarratti ragaa ittisaa akka dhiyeeffatan dubbataniiru.
‘Ministirri Mummee Abiy fi Ambaasaaddar Rediwaan yaa gaafataman’
Dhaddachawwan kanaan dura turanirratti abukaatoowwansaaniirratti doorsifni qaqqabaa jiraachuu mana murtiitti iyyatanii kan turan Obbo Taayyeen hara’s abukaatoo malee qofaa isaanii dhaddacharratti argaman.
Dhaddacha har’aa irrattis “Tajaajilli Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa wanta seenaa keessatti godhamee hinbeekne, abukaatoon akka naaf hin dhaabbanne, kan dhaabbatanis dhiisanii akka deeman taasiseera” jechuun komatan.
Itti waamamni tajaajilichaa Ministira Mummeef waan ta’eef Daayrektarri Olaanaan tajaajilichaa Ambaasaaddar Rediwaan Huseen fi Ministirri Mummee Abiy Ahimad dhaddachatti dhiyaatanii akka gaafataman iyyataniiru.
Gama biraatiin himata lamaan bilisa jedhamuusaanii hordofee mirgi wabii akka eegamuuf Obbo Taayyeen mana murtichaa kan gaafatan yemmuu ta’u Abbaan Alangaa garuu mormeera.
Manni Murtichaas dhimmicharratti jalamurtii laachuuf waaree booda sa’aa 8:00 irratti beellama qabateera.












