Ajandaa guddaan walgahii qondaaltota TPLF seeraan ala jedhamee maal ture?

Pirezidantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Geetaacho Raddaa walgahii ‘‘beekkamtii mootummaa malee waamame’’ jedhaniin irratti kaadireewwan TPLF ajandaa duraan qabame irratti osoo marii hin gaggeessin adda galuun dhagahame.

Haata’u malee dhuma walgahii torban darbe gaggeeffameerratti kaadireewwan paartichaa ibsa ejjannoo abbaa qabxii jahaa baasuu saanii, TPLF toora hawaasummaa isarratti beeksiiseera.

Kunis hoggansa TPLF olaanoo jidduutti garaagarummaa yaadaa kan uume yoo ta’u, miseensi koree jidduugaleessaa fi walitti qabaan bulchiinsa yeroo, waligahichi akka hin gaggeeffamneef tarkaanfiin fudhatan "kan adeemsa dhaabichaa hin hordofneedha" jechuun ture paartichi kan qeeqe.

Obbo Geetaachoo Raddaa ammoo ibsa Sambata darbe kennaniin, walgahichi kan mootummaan hin beeknefi seeran ala kan jedhan yoo ta’u, aanga’oonni godinaalee tokko tokkoo irrattis tarkaanfiin fudhatamuu dubbatanii ture.

Haalli kunis naannichatti taatee hin baramne waan ta’ef hedduun ‘maaltu umame?’ jechuun yoo gaafatan, kaan ammo TPLF jidduutti qoodiinsi jiraachuu kaasaa turan.

TPLF ibsa kaleessa toora miidiyaa hawaasaa isaa irratti baaseen, walgahichi bulchiinsa yeroo naannichaatiin deebii garii argachuu baatulleen, kaadireewwan paartichaa olaanoo keessaa parsantaan 82 kan ta’an walgahii ‘‘haala seera qabeessa dambii dhaabbatichaatiin waamameedha’‘ jedheen irratti hirmaachuu beeksiise.

Obbo Geetaachoo Raddaa garuu dhuma toban darbee irratti ibsa kennaniin, rakkoo naannicha mudate furuu irra walgahiidhaaf gara Maqalee imaluun walgahii bulchiinsi naannichaa hin beekne gaggeessuun kaayyoonsaa ifa miti jechuun, kan hojmaata mootummaa diiganiidha kanneen jedhan irratti tarkaanfii fudhachu ibsaniiru.

‘‘Hirmaattoonni walgahichaas irra jiraan itti gaafatamtoota ijaarsa ummataa sadarkaalee garaa garaa irratti argaman yoo ta’an, kanneen itti gaafatamummaa ummataafi mootummaan itti kenname hin bahin irratti tarkaanfin fudhatameera,’’ jedhanii ture.

Obbo Geetaachoo Raddaa bulchiinsa yeroo Tigraay kan waliigaltee nagaa Afriikaa Kibbaa Pirtoriyaatti mallatta’uun waraanaa cimaa wagga lamaaf gaggeeffame turetti dhuma godheetiin hundeeffame hogganaa jiru.

Bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay ji’oota lakkoofsisees qaamoolee garaa garaafi kaadireewwan TPLF olaanoo irra mormiin mudataa akka jiru dubbatama.

Kaayyoon walgahichaa maal ture?

Wal dhabdeen dhiheenya keessa mul'atanis aanga’oota olaanoo jidduutti rakkoon aangoo barbaachaa akka jiru qaamooleen haala siyaasa naannichaa itti dhiheenyaan hordofan ni dubbatu.

Obbo Geetaachoon waltajjiiwwan gara agaraa irratti waraanaa waggoota lamaan darban keessa gaggeeffamanii fi miidhaawwan qaqqaban irratti hoogganis ofiisaa xinxaluun itti gaafatamummaan jiraachuu akka qabaatu, ‘‘qalbii diddirachuun’’ barbaachisaa akka ta’e sirna yaadannoo miseensoota waraanaa naannichaa dhiheenya qophaa’ee irratti dubbachuunsaanii ni yaadatama.

Kunis hooggansa TPLF duraan naannicha hogganaa turanii fi kanneen adeemsa waraanichaa keessatti hirmaatan akkasumas kanneen waggaa soddoomaan oliif mootummaa federaalaafi naannootti hirmaatan ilaallata.

Obbo Geetaachoon bulchiinsi yeroo baatiiwwan Jahan darban keessa hojiiwwan irraa eegamu raawwachuuf gufuuwwan jiraachu kan ibsan yoo ta’u, bulchiinsi isaanii aanaaleefi godinaalee keessatti miila gadi fageeffachuu akka hin dandeenye akkasumas aanaleen tokko tokkoos qaama bulchiinsa yeroo ta’uu akka hin fudhannee kan taasisuu ‘‘sochii qindaa’aan’’ jiraachu dubbatanii ture.

TPLF kan Obbo Getaachoon miseensa itti ta’eefi Dr Dabrastiyooniin durfamu, walgahii dhuma torban darbe irratti waamame irratti Obbo geetaachoon bulchiinsa yeroo ajandaa mummee gochuudhaaf yaadamee akka ture nageenyaa isaaniif jecha maqaasaanii himachu kan hin barbaannee keessa beekoon BBC’tti dubbatan.

‘‘Walgahiin kaadiree waamamee bulchiinsa yeroo fi keessattuu hoggansa Obbo Geetaachoo Raddaa xinxalu irratti kan xiyyeeffatee fi aangoo bulchiinsa yeroo gutummaa gutuutti to’achuu irratti kan xiyyeeffate ture,’’ jedhan.

Bulchiinsi yeroo gama isaatiin ofiisaafi hoggansa nageenya naannichaa dabalatee, haala naannicha jiru xinxalamu qabaata ejjannoo jedhu kan qabate yoo ta’u, gareen kaadiree TPLF gara biraa garuu kana hin fudhatan.

Garee TPLF Obbo Geetaachoo waliin wal dhabdee keessa seene, TPLF paartii bulchaa naannoo akka ta’e fi bulchiinsi yeroo gubbaan ta’e xinxaluu fi to’achu akka barbaadu madden ibsaniiru.

Garaa garummaa ejjannoo aanga’oota paartichaa jidduu jiru hambisuuf qaamoolee tokko tokkoon yaaliin kan taasisame ta’ulleen, kaadireewwan garuu ajjandaa qabameerratti osoo hin mari’atiin akka adda galan odeeffannoon argannee ni mul’isa.

Ajandaawwan lamaan kanaa fi dhimmoota biroo walgahii qondaaltota TPLF xumura torbeerratti hin kaafamne guyyoota 10 hanga 15 keessatti mariii gaggeffamurratti irratti mariyachuuf beellamni qabameera.

Ibsi qondaalonni TPLF kennan akka agarsiisutti, paaarticha keessa hanqinoonni hedduun akka jiran madaalliin qulqullaa’uu akka qaban kan agarsiisu.

Roobii darbe halkanirraa anga’oota TPLF’f waamichi dhiyaachuun falmisiisaa kan ture yoo ta'u, qondaaltonni zoonii walgahii bulchiinsi yeroo "seeraan alaa" jedhamerratti hirmaatan kunneen Kamisa darberraa eegale aangorraa buufamuu Obbo Geetachoo Raddaa himaniiru .

Tarkaanfiin kun kan ittifufu ta’uu kan akeekkachisan Obbo Geetaachoon, akka maddeen BBCtti himanitti, hoggantoonni olaanoo TPLF bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay keessa jiran aangoorraa kaafamuu hin oollle jedhaniiru.

Obbo Geetaachoon Jimaata darbe ibsa gaazexeessitootaaf kennaaniin, "warri namoota kakaasan kun gurmaa'anii rakkoo qabatamaan mul’atan hawaasa gurmeessanii itti duuluu caala Maqaleetti walitti qabamuun isaanii ifa miti" jedha.

Waggoota 32 oliif olaantummaan Tigraay kan bulche TPLF, lola hamaa waggoota lamaaf gaggeesse hordofee dhalattoota Tigraay hedduu rraa mormiin cimaan isa mudachaa jira.