Gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaa Gaanfa Afrikaatti ijoo dubbii ta'e

    • Barreessaa, Ameyu Etana
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad baatii Onkololeessa keessa Itoophiyaaf dhimmi ulaa galaanaa argachuu ‘’dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti’’ jechuun miseensota Mana Maree Ummataaf ibsaniiru.

Erga dubbiin MM Itoophiyaa Abiy Ahmad kun dhagahamee booda Ertiraan waamichi marii dhimma ulaa galaanaa gaafatu ‘’qixa kan darbe’’ fi ‘’kan itti dhiheenyaan hordofaniif hibboo’’ ta’uu himte.

Deebii Ertiraa booda biyyoonni biroo maqaan isaanii MM Abiyyiin ka’an; Somaaliyaafi Jibuutiinis, waa’ee fedhii ulaa galaanaa Itoophiyaa deebii gaarii hin kennine.

Gaaffiin ulaa galaanaa biyya walitti bu’iinsa keessa jirtuuf maal akeeka? Biyyoonni Gaanfa Afrikaa akkamiin ilaalu? Amma maaliif ifa ta’e? Warri Lixaa gammachuu qabuu?

------------------------------------------------------------------------------------------------

Biyyoota Afrikaa gurguddoo keessaa tokko kan taate Itoophiyaan ulaa galaanaa kan dhabde waggoota 30 dura Ertiraan walabummaa ishee labsachuu hordofeeti.

Erga yeroo sanaatii kaasee biyyattiin daldala biyya alaafi gara biyyaa seenaniif buufata biyya ollaa xiqqoo taate, jabuutiitti, fayyadamaa jirti.

Garuu, ulaa malee lakkoofsi ummata Itoophiyaa dabalaa deemuufi fedhiin guddinaa biyyatiin qabdu fuula duratti madda waldhibdee ta’uu akka maluu MM Abiy dubbatani.

Amma maaliif?

Waa’een dhimma ulaa galaanaa akkana miidiyaa biyyaalessaan ifa taasifamuu dura keessoon baatii muraasa darbe dhimmi kuni hasa’amuu gabaafamaa ture.

Garuu ifatti kan dhagahame garuu dubbii MM Abiy miseensota Mana Maree Itoophiyaaf taasisaniifi dhimmicharratti ifatti dubbachuun akka barbaachisu yeroo dhaamanittidha.

Bulchaan Itoophiyaa yaadi isaanii kan galmaan ga’u karaa nagaan qofa ta’u ibsaniis, dhimma ulaa yookiin karra galaanaa kuni madda dhibdee ta’u mala yaaddoo jedhu uumeera.

Haasaan MM Abiy kuni kallattiin Ertiraa irratti kan fulleeffate ta’uu baatus, hedduun garuu walitti dhufeenya biyyoota lamaan waggoota darban keessa fooyya’ee ture balleessuu mala jechuun sodaa akka qaban ibsaa jiru.

Xiinxalaa Gaanfa Afrikaa kan ta’an Abduraahimaan Sayiid Abu Hashiim ‘’yeroo ammaa rakkoo siyaasaafi dinagdee biyyattii [Itoophiyaa] waliin dhahuufi,’’ jedhu.

Sababa isaaniis yoo ibsan ‘’MM Abiy rakkoo biyyattii keessatti dhalateef deebii waan hinqabneefi akkaataa furanirratti dadhabina ifa ta’e waan mul’isaniif dhimma biraatti jijjiiruufi’’ jedhu.

Yunivarsitii Finfinneetti digirii isaanii sadaffaa hariiroo idil-addunyaarratti kan hojjataa jiran Nagaraa Guddataa gama isaaniin hamma tokko yaada xinxalaa kanaan waliigalu.

Tilmaama sadii kaa’u. ‘’Inni tokkoffaan namoonni waa’ee waraanaa yaaduu dhiisanii dhimma alaa, waan biyya walitti fidu [hawwii biyyaaf qabu akka dadammaqsu] akka yaadan.

‘’Inni lammaffaan Itoophiyaan rakkoo akkanaa kana keessaa bahuuf ammayyuu ofitti amanamummaa qabdi [ergaa jedhu] dabarsuufidha.

‘’Inni sadaffaan immoo xiyyeeffannoo jijjiiruudha. Dhimma biyya keessaarraa gara dhimma naannawa [Gaanfa Afrikaa],’’ jedhanii himu.

Itoophiyaan waggaa dura waraana Kaaba Itoophiyaa ture waliigalteen xumurtuus Naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti ammallee walitti bu’iinsi itti fufeera.

Yaaddoo biyyoota ollaa

Abdurraahimaan Itoophiyaan biyyoota ollaa ishee waliin hariiroo gaarii akka qabdu himu.

‘’Mombaasaa, Moqaadishoo, Barbaraa, Jibuutii, Asabiifi Matsawwaa hanga Port Sudaanitti filmaatawwan fayyadamuu dandeessu qabdi,’’ jedhu.

Itoophiyaan carraawwan kana fayyadamuu osoo qabduu dubbiin Ministira Muummee Abiy ‘waraana akka labsuutti’ fudhatama jechuun yaaddoo ibsu.

Hayyuun hariiroo idil-addunyaa Nagaraa gama isaaniin dhimmi amma Itoophiyaan kaafte abbummaa malee itti fayyadama akka hintaane ibsu.

Dabaluunis, Itoophiyaan ummata bal’aa, waraana hedduu, akkasumas dippiloomasiin biyya dhiibbaa guddaa uumuu dandeessu taatee ulaa galaanaa nan barbaada yoo jettu biyyoota kana yaaddeessuu akka malu amanu.

Keessumaa Gaanfi Afrikaa bakka ‘’wal shakkii guddaa’’ jiruufi kana dura biyyoota gidduu wal waraanuun waan tureef yaaddoo kana akka cimsu himu.

’’Yeroo seeraan to’atamuu dhabee Itoophiyaan Somaaliyaa, Jibuutii, Ertiraa duukaa wallooludha deemti. Naannoo sana gara wal waraansaatti geessuu danda’a.

‘’Ammaaf muddamumadha kan inni kaasu,’’ jechuun ibsu.

Biyyoonni kunneen yaada Itoophiyaa kana fedhii daangaa babal’ifannaa waliin wal qabsiisanii akka ilaaluu malaniifi kanas akka yaaddootti akka hubatan dubbatu.

‘’Garuummoo dhimma kana isaaniis inuma beeku. Itoophiyaan gara fuulduraatti gaaffii kana kaasuu akka dandeessu ni beeku,’’ jechuun waan haaraa dhalatee akka hintaane ibsu.

Hayyuun kuni Itoophiyaan ulaa galaanaa waan hinqabneef ‘’ugguramtee jirti,’’ jechuun ibsu.

Jibuutiin Itoophiyaa waliin hariiroo diinagdee jabaa qabdi.

Garuu Itophiyaan gaaffii ulaa galaanaa dhiheessunimmoo biyya 90% ol karra galaanaa irraa fayyadamtu, Jibuutii, akka yaaddessu amanu.

‘’Galiin biyyaalessaa [kan Jibuutii] 70% qaraxa itoophiyaan kanfaltudha. Itoophiyaan gaafa akkas gootu fedhii dinagdee Jibuutiidhaaf balaadha jechaadha.’’

Somaaliyaafis yaadi Itoophiyaa akka yaaddessu hayyuuleen ibsu.

‘’Somaaliyaaf ergaa sodaa qabu kan dabarsu. Biyyoonni naannoo sana keessa jiraatan Itoophiyaa akka impaayeriitti ilaalu,’’ jechuun waraana irra-deddeebiin kana dura mudate ibsu.

Bulchiinsi Somaalilaand akka biyyaatti of ilaaltu ammoo beekamtii idil-addunyaa hinqabneef garuu akka waan gaariitti ilaalamuu mala.

‘‘Sana fayyadamanii walabummaa isaaniif beekkamtii argachuu danda’u waan ta’eef isaaniif carraa gaarii fiduufi danda’a,’’ jedhu.

Fedhii gama tokkoo?

Ministirri Muummee Abiy dubbii isaaniin Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf qajeeltoo ‘’kennanii fudhachuu’’ akka hordoftu ibsaniiru.

Waan Itoophiyaan kenniti jedhaniis ibsaniiru. Kanaanis, qooda Hidha Abbayyaa, Daandii Qilleensa Itoophiyaa ykn Itiyoo Telekoom kennuu akka dandeessu himan.

Kunneen dhaabbilee yookiin pirojektii ijoo biyyattiin qabdudha.

Abduraahimaan Sayiid MM Abiy Itoophiyaan ummata miiliyoona 120 waan qabduuf ‘’dirqama ulaa galaanaa qabaachuu qabdi’’ jechuun isaanii ergaa gaarii hintaane dabarsa yaada jedhu qabu.

‘’Yaadichi wal taanee waliin fayyadamna osoo hintaane fedhii gam-tokkee kan ibsudha. Kunimmoo balaa hamaa hordofsiisuu mala,’’ jedhu.

Obbo Nagaraan Konvenshiniin seera bishaanii UN biyyoonni ulaa galaanaa qaban kanneen hinqabneef karra banuu qabu jedha jechuun ibsu.

Ta’us, kuni kan raawwatu walta‘umsa bu’uura godhatee akka ta’e himu. Wal ta’umsaan dalaguun waan kana durallee barame ta’uu dubbatu.

‘’Biyyoonni lamaan fedhii qabaatani jennaan Itoophiyaan fayyadamuu ni dandeessi. Fedhii hin qaban taanaan immoo rakkisaadha.’’

Itoophiyaan waggaa waggaan kiraayii buufata doonii Jibuutiif gara dolaara biiliyoona lamaa kanfalaa akka jirtuufi kanaan ‘’itti fufuu hindandeessu. Ummanni ni dabala. Kanaafuu yaaddoo guddaadha,’’ jedhu.

'Isaantu miidhama'

Yaada MM Abiy dhiheessan biyyoonni sodaatuu malu kan jedhan Obbo Nagaraan, wanti Itoophiyaan dhiheessite ‘’raawwatamuu dhabuu danda’a.

‘’Lammaffaa Itiyoo Telekoom, hidha Abbayyaa yookiin waan biraa keessaa 20% yoo fudhatan isaaniif faayidaa hin qabu.

‘’Itoophiyaanimmoo ulaa galaanaa argatte jechuun waan guddaa irraa argatti. Osooma akkana ta’eyyuu isaantu miidhamoo ta’a,’’ jedhu.

Galaanni Diimaa yookiin Garba Guddaa Hindiitti ulaa argachuun faayidaan Itoophiyaaf qabu maallaqa kan caalu ta’uu ibsu.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad dubbii isaaniin biyyoonni gurguddoo gara Gaanfa Afrikaa dhufanii buufata waraanaa ijaaruu eeraniiru.

Itoophiyaanis qabeenya qabdu qabattee sababni itti gaaffii kaasuu hindandeenyeefi hin qabdu jechuun ka’umsi isaas ‘’guddina biyyaaf’’ ta’u ibsan.

Xiinxalaan Gaanfa Afrikaa Abdurraahimaan ‘’biyyoonni gurguddoo birmadummaa biyyoota naannichaa kabajaniiru. Dabalataan waan itti fayyadamaniifi kennan qabu.

‘’Haa ta’u malee, ‘nuuf mala, daangaan keenya hanga Galaana Diimaati’ dubbiin jedhan waliigalteetti kan geessu miti,’’ jedhu.

Itoophiyaan waan feete argachuuf dippilomasiifi gama hawaasa idil-addunyaan dhiibbaa gochuu akka qabdu Obbo Nagaraan gorsu.

Dhimma Ertiraa 'hin guduunfamne'

Aburraahimaan dhimmi Itoophiyaan ulaa galaanaa fedhuu gama Ertiraa shakkiin akka ilaalamu ibsu.

Sababni isaas gaaffiifi fedhiin kuni Ertiraarratti kan fulleeffate fakkaata jechuun ‘’kunis lammiileen Ertiraa xiyyeeffannoon deebii akka itti kennan taasisaa jira,’’ jedhu.

Hayyuun hariiroo idil-addunyaa Obbo Nagaraan Ertiraan Itoophiyaarraa yeroo walabummaashee argattu dhimmi ulaa galaanaa deebii akka hin arganne ibsu.

‘’Itoophiyaa ulaa galaanaa argachuu dandeessii, Ertiraan maal fudhatti [kan jedhu] waliigalteen akkasii hinturre.

‘’Waliigalteen namoota qabsoo hidhannoo keessa jiran gidduun malee dhaabbata bu’uura godhachuun hinraawwanne.

‘’Inni lammataa yeroo hundumaa Ertiraan Itoophiyaatiin akka sodaatti kan ishiin ilaaltu,’’ jechuun kunis dhibdee daangaarratti mudateen akka walqabatu ibsan.

Fedhii biyyoota Lixaa

Sababa teessuma lafaan bakkeen Gaanfa Afrikaa sarara daldala idil-addunyaa ijoo jedhaman keessaa tokko waan ta’ef xiyyeeffannoo biyyoota jajjaboo dhabee hinbeeku.

Biyyoonni gurguddoo addunyaa keessumaa biyya ollaa Jibuutii, akkasumas biyyoota Gaanfa Afrikaafi Baha Afrikaa birootti buufata waraanaa ijaaraniiru.

Qorataan hariiroo alaa Nagaraan ‘’Itoophiyaan ulaa galaanaa argatte jechuun gama siyaasa naannoon cimtuu taati jechuudha. Maaliif? Uggura jala kan jirtu, amma daangoftee jirti.

‘’Baha galaanaa hinqabdu. Biyyoonni dhufanii achi buufatan sun Itoophiyaarratti dhiibbaa [fedhii biyyaalessaa isaanii] godhu jechaadha,’’ jechuun himu.

Gama kaaniin fedhiifi ilaalchi biyyoota lixaa maal ta’u akka malu Abdurraahimaan akkanaan ibsu.

Ertiraan Raashiyaafi Chaayinaa waliin ta’un biyyoota Lixaa yoo balfitu, Itoophiyaan garuu biyyoota Lixaa waliin hariiroo cimsachuu feeti.

Gama biyyoota Lixaa [Ministirri Muummee Abiy] fedhiin isaanii akka guutamu imaammata hordofuu qaban lafa kaa’uu danda’u.

Kana keessaa tokko Ertiraa dhaabsisuu ta’u akka danda’u Abdurraahimaan tilmaamu.

Akkaatuma kanaan, biyyoonni Lixaa Itoophiyaan guddina isheetiif ulaan galaanaa akka ishee barbaachisu ‘’jajjabeessaniiru’’ ta’a jedhu.

Qorataan PhD Nagaraa gama isaaniin adeemsa Itoophiyaan biyyoonni Lixaa osoomallee harki isaanii keessa jiraachuu baate osoo hin gammadiin hin hafan jedhu.

‘’Harka keessaa qabaachuu yoo baatanis gammachuu hindhabani. Itoophiyaan naannoo sanatti humna cimaa yoo qabaatte nageenya daldala galaanaa kabachiisuu keessatti isaan gargaaruu dandeessi.

''Haaluma wal fakkaatuun isaan yaaddessuu danda’a. Maaliif? Waan kuni waldhabdee yoo kaasa ta’e ba’aa guddaa kan itti kaasu ta’a,’’ jechuun walitti bu'iinsi godaansa gara Awurooppaa akka dabalu ibsu.