TPLF paartilee mormituu Tigraay keessa socho'an akeekkachiise

Madda suuraa, DT
Naannoo Tigraay kan harkaa qabu TPLF paartileen mormituu naannicha keessa socho'an qabsoo uummata Tigraay "akka hin gufachiisne" akeekkachiise.
Ibsa TPLF baase eeruun TVn naannichaa akka gabaasetti, paartileen mormituu naannicha keessa socho'an tokko tokko "sochii qabsoo uummataa gufachiisu tokko tokkotti jiru," jedhe.
Ibsi kun kan dhagahame paartileen mormituu sadi naannicha keessa socho'an Saalsaay Wayyaanee Tigraay, Paartii Walabummaa Tigraay fi Baayitoonaa Abbaay Tigraay dhimmoota waraana naannichaa keessa tureefi bulchiinsa naannichaan wal qabatu irratti ibsa waloo baasuu isaanii hordofeeti.
Paartileen sadan ibsa baasaniin naannicha keessatti bulchiinsi cehumsaa hunda hirmaachisu akka ijaaramu gaafatanii turan.
TPLF naannoo Tigraay bulchuu irratti gaaffii seera qabeessummaa kaasu paartileen sadan.
Waraana waggaa lama guutuuf baatileen muraasni hafanitti xumura gochuuf marii mootummaa federaalaa waliin godhamu irratti TPLF Tigraay bakka bu'ee hirmaachuus ta'e, naannicha kophaa bulchuu hin danda'u jedhu.
Ibsi TPLF baase "paartileen mormituu haarsaa qabsaa'onni duraanii uummataaf kafalaa jiran haala xiqqeessuun, mootummaa Tigraay irratti himannaa dhageessisaa jiru," jedha.
Itti dabaluunis paartileen kunneen "waraana uummataa uummanni Tigraay itti jiru gufachiisuuf yaalaa jiru" jechuun yakke.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
TPLF filannoo mootummaa federaalaan fudhatama hin arganne gaggeessuun 'seera duratti fudhatama' argadheera jechuun aangoo isaa cimsachuun dogoggora kan jedhan paartileen mormituu naannichaa, waraana naannicha keessa tureen booda TPLF aangoorraa buqqifamee ture jedhu.
Kanaafis ammatti naannicha bulchuuf fudhatama seeraa hin qabu jedhu.
TPLF sochii paartileen kunneen eegalan kanaaf amma booda obsa hin qabu jedheera.
"Mootummaan Tigraay of sirreessu jedhee obsaan eegaa turullee, qabsoo keenya gufachiisuurraa of hin qusanne," jedha ibsi Biiroon Komunikeeshinii Tigraay baase.
Heerri naannoo Tigraay akkasumas sirni heera naannichaan ijaarame kufeera, kanaaf mootummaan cehumsaa ykn waloo haa ijaaramu jechuun isaanii "qabsoo uummata Tigraay gufachiisa" jedhe.
Paartileen kunneen TPLF mootummaa federaalaa waliin mari'achuu hin danda'u jechuu isaanii eeruun, "isin gahe jedhamuu qabu, uummatni Tigraay adaba isaan qabsiisuu qaba" jedhe ibsichi.
Waraana baatilee 20f TPLF fi mootummaa federaalaa jidduutti adeemaa jiru mariin xumuruuf qaamoleen garagaraa waamicha dhiyeessaa turan.
Qaamoleen wal-waraanan lamaanuu garee marii irratti hirmaatu kan ijaaran yoo ta'u, mootummaan federaalaa Itoophiyaa marichi Gamtaa Afrikaan, TPLF ammoo mootummaa Keeniyaan akka durfamu gaafatan.












