Bulchiinsi Somaaliyaa haaraa loltoonni biyyattii waraana Itoophiyaa keessatti hin hirmaanne jedhe

dubbi-himaa Pireezidant Hasan Sheeyik Mohaammad

Madda suuraa, SOMALI NATIONAL TV

Bulchiinsi Pireezidantii Somaaliyaa haaraa Hasan Sheeyik Mohaammad, loltoonni biyyattii Ertiraatti leenjii fudhachaa turan, walwaraansa Itoophiyaa keessatti hin hirmaanne jedhe.

Amma dura Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii - UN fi humnoonni Tigraay, loltoonni Somaaliyaa waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti humnoota mootummaa Itoophiyaa wajjin hiriiruun hirmaataniiru jechaa bahan.

Haatahu malee bulchiinsi mootummaa Somaaliyaa duraanis tahe kan ammaa, loltoonni biyyasaanii waraana kaaba Itoophiyaa keessatti tasumaa hin hirmaanne jedhaniiru.

Mootummaan Itoophiyaas himannaa loltoonni Somaaliyaa waraana Tigraay keessatti hirmaataniiru jedhu kuffisuusaa wayita sana Bloomberg gabaasee ture.

Guyyaa Kibxataa dubbi-himaan Pireezidant Hasan Sheeyik Mohaammad ibsa miidiyaaleef kennaniin, loltoonni Somaaliyaa waraana Itoophiyaa keessatti hirmaataniiru kan jedhamu odeeffannoo hin mirkanoofnedha jedhan.

Abdikarim Alii Kaar waan jedhan: ''Jette jettee malee, loltoonni Somaaliyaa waraana Itoophiyaa keessa hirmaataniiru waan jedhu ifatti dubbatamee agartanii?'' jechuun gaafatan.

Loltoota Somaaliyaa Ertiraatti

Waggoota sadan dabran siyaasa Somaaliyaa keessa dhimmoota falmisiisoo tahanii turan keessaa, dhimmi loltoota Somaaliyaa kumaatamatti Ertiraatti ergamanii jiru jedhaman isa tokko ture.

Loltoonni Somaaliyaa kunniin yoomiifi haala akkamiin gara Ertiraa dhaqan kan jedhu adoo hin ibsamin tureera.

Achiis daawwannaa Pireezidant Hasan Sheeyik Mohaammad hordofee, mootummaan Ertiraa Adooleessa keessa, loltoonni Somaaliyaa ganna sadiif leenjii waraanaa fudhachaa turan eebbifamaniiru jedhe.

Qeeqxoonni Pireezidantii duraanii Farmaajoo, loltoota kanniin waraansa waliinii Itoophiyaa keessa hirmaachisaniiru jechuun qeeqaa turan.

Maatiin loltootaas haala ijoolleen isaanii keessatti argaman baruuf mootummaa muddanii turan.

Dubbi-himaan Abdikarim Alii Kaar ibsa guyyaa Kibxataa kennaniin, loltoonni isaanii Ertiraa keessa kan turan, Somaaliyaan maallaqa irraa eegamu baasuu waan dadhabdeef, loltoonni kunniin akka wabiitti qabamaniitu kan jedhamus dhara jedhanii kuffisan.

''Kun sobadha. Loltoonni kun akka wabiitti hin qabamnes, qaamni isaanirraa maallaqa qabus hinjiru.

Biyyoonni hedduun kanneen akka Tarkii, Yugaandaa fi Itoophiyaa loltoota Somaaliyaa leenjisu. Maallaqaaf miti kan leenji'an, humnaan qabamaniis hin jiran,'' jedhan Aabba Kaar.

Dabaluunis loltoonni isaanii 5,000 Ertiraa keessa jiran hunduu akka jiran himanii, mootummaan isaanis biyyatti deebisuuf hojjechaa akka jiru himan.

'Ijoolleen keenya eessa jiru?'

Gabaasaaleen loltoonni Somaaliyaa waraana Tigraay irratti hirmaataniiru jedhan bahuusaanii hordofee, maatiin ''ijoolleen keenya eessa bu'an? Nuuf deebisaa!'' jechuun hiriira mormii bahaa turan.

Loltoonni kunniin 2019 keessa Ertiraatti ergamuu isaanii gabaasaaleen kan eeran oggaa tahu, loltoonni kun Somaaliyaa dhiisanii bahuusaaniin dura, Waancaa Addunyaa biyyi Qataar qopheessitu irratti eegumsaan akka hojjetan itti himameetu ture jedhu.

Abbaan loltuu Rooyitars dubbise Alii Jimaak Dudii jedhaman, ilmisaanii biyyaa kan bahe Waancaa Addunyaa Qataaritti gaggeeffamu irratti hojii eegumsaan qacaramuuf jedhamee itti himame jechuun dubbatanii turan.