Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el haala karoorfameen buldoozeriin gamoowwan Gaazaa barbadeessaa jirti
Waraanni Israa'el haleellaa Gaazaatti raawwachaa jirutti dabalataan dhootuu, buldoozeraataafi iskaavaateroota gargaaramuun gajjigsuun lafa walqixxeessaa jira.
Diigumsa karoorfame kanaan gamoowwan guutummaan guutuutti diiganii qulqulleessuuf Ameerikaarraa buldoozeroota D9 jedhaman argateera.
Hojii kanaaf ammoo kontiraakteroonni qacaramanii gamoowwan Gaazaa gara biyyeetti akka dabalan taasifamaa jira.
Ministirri muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu haasaa walga'ii cufaatti miseensota paarlaamaatiif taasiseen humni ittisaa Israa'el "manneen baayyee barbadeessaa jira; bakka Filisxeemota itti deebisan hin qaban," jechuun dubbachuusaa sabaa-himaaleen biyyattii bal'inaan gabaasaniiru.
Gochaan Israa'el yeroo waggaa lamatti siqaa jiruuf Gaazaa keessatti taasisaa jirtu ija addunyaa jalaa kan dhokatan miti.
Yeroo gamoowwan gara caccabaatti jijjiiraman addunyaan kallattiin argee taajjabeera.
Yunivarsiitiiwwan, masgiidonni, waldaaleen Kiristaanaa, hospitaalonni Gaazaa keessa jiran diigamanii biyyeetti jijjiiramaniiru.
Israa'el waliigalteen dhukaasa dhaabuu hamaas waliin taasifame ji'a Bitootessaa booda karoorfattee hojii gamoowwan diiguu raawwachaa kan jirtu yoo ta'u, tarkaanfii kanaan gamoowwan kumaan lakkaa'aman barbadaa'aniiru.
Manneen jireenyaafi magaalonni akka hin jirre ta'aniiru.
Gamoowwan jireenyaa lammileen Filisxeem kuma baayyeen keessa jiraachaa turan torbanoota muraasa darban keessa diigamanii akka lafa waliin walqixxaatan taasifamaniiru.
Waraanni Israa'el, "to'annoo oppereeshinii jala" godheera kan jedhu Gaazaa keessatti mancaatiin olaanaa akka qaqqabeeru suuraawwan saatelaayitaarraa argaman ni mul'isu.
Gamoowwan diigaman kunneen kan Israa'el ta'e jettee karoorfattee raawwatudha.
Diigumsi ta'e jedhamee itti karoorfamee raawwatamaa jiru kun bakkeewwan yeroo darbe haleellaa meeshaalee waraanaa ciccimoofi haleellaa qilleensarraan miidhamaniiniifi gamoowwan hin tuqamiin turan dabalata.
Diigumsa Israa'el raawwachaa jirtu hangam cimaa akka ta'e karaa magaalaa daangaa Masiriirraan jirtu Raafaah irraan sirriitti mul'ata.
Torbanoota dhiyoo as waraanni Israa'el fi kontiraakteroonni gamoowwan Raafaah diiganii lafa walqixxee taasisaniiru.
Humni waraanichaa dhootuuwwan, iskaavaaterootaafi buldoozeroota gargaaramuun ture gamoowwan biyyeen waliin makaniiru.
Viidiyoo BBCn mirkaneeffate humni waraanaa Israa'el gamoowwan jireenyaa, manneen barnootaafi bu'uraalee misoomaa biroo lafaan walqixxeessuuf kan taasifamu diigumsa kanaan dho'insawwan yeroo uumaman ni mul'atu.
Israa'el bu'uraaleen misoomaa bakka humnaan qabaman keessa jiran akka hin mancaafneef kan dhorku Jeneva Konvenshin cabsuun yakkawwan waraanaa raawwachuu akka dandeessu ogeessonni seeraa baayyeen BBC Verify'tti mirkaneessaniiru.
Dubbi-himaan Humna ittisaa Israa'el gamasaatiin akkaataa seera idil-addunyaatiin hojjechaa jirra jedha.
Dubbi-himaan kun akka jedhutti, Hamaas "meeshaaleen waraanaa" manneen jireenyaa namoota nagaa keessa waan dhokseef "gamoowwan kunneen diigamuun isaanii barbaachisaa waraanaatiif kan ta'u yoo ta'e qofaadha," jedha.
Filisxeemota Gaazaa keessa jiraatan hunda buqqisanii kutaa kibbaatti kaampii qophaa'utti galchuudhaaf karoorri akka qophaa'u ministeerri ittisaa Israa'el waraanaasaatiif ajaja kenneera.
Magaalaa Raafaah diigamerratti "magaalaa namoomaa" hundeessuudhaaf akka barbaadan kan dubbate ministirri ittisaa Iziraa'el Kaatiz, kunis jalqaba kaampii Filisxeemonni kuma 600 keessa turan ta'a jedheera. Filisxeemonnis kaampicha keessaa bahuun akka hin hayyamamne dubbateera.
Karoorri kun baayyee kan balaaleffatame yoo ta'u, ministrii muummee duraanii Israa'el Hihud Oolmart, "kaampii keessatti nama ugguran waliin wal fakkaata jedhamee hiikni itti kennama" jechuun BBCtti dubbatan.
Magfaalaa Raafaah keessatti kan argamtu Tel Al Sulxaan safaroota mimmiidhagoo beekaman keessaa tokko turte. Daandiiwwan namootaan guutaniifi hospitaala tokkicha wiirtuun haadhotiin itti da'aniifi daa'imman maatii isaanii dhabaniifi gataman itti kunuufamanidha.
Haleellaa boombiifi meeshaa waraanaa gurguddaa Israa'el raawwatteen safaroonni hedduun barbadaa'anillee gamoowwan baayyeen haleellaa sana dandamatanii hafuu danda'anii ture.
Haata'u malee, guyyoota muraasaan durarraa kaasee gamoowwan kunneen diinguun cimee itti fufeera.
Gamoowwan miidhaan irra gahee hafan dabalatee gamoowwan safara sana jiran hundi diigamanii akka gara biyyootti jijjiiraman taasifamaniiru.
Gamoowwan hafan qubaan lakkaa'aman keessaa tokko hospitaaladha.
Haaluma walfakkaatuun ollaa sana kan jiru safarri Sa'udii waraana Israa'eliin gara dhukkeeetti jijjiirameera.
Safarri sun kanaan dura bakka masgiidi magaalattii guddichi itti argamu, akkasumas wiirtuuwwan manneen barnootaa baayyees ture.
Viidiyoo BBCn mirkaneeffate tokko taankiin daandii Faaraah irra osoo socho'uufi iskaavaateriin daandii qarqara dhaabatee osoo qotuu agarsiisa.
Israa'el gocha diiguu kana kan raawwachaa jirtu Faaraah keessatti qofa osoo hin traane bakkawwan biroo Gaazaa keessatti argaman keessatti raawwachaa jirti. Bakkeewwan kunneen haleellaa boombii Israa'el hanga tokko dandamachuu danda'anii ture.
Isaan keessaa tokko daangaa Israa'elirraa fageenya kiiloomeetira 1.5 irratti kan argamtu magaalaa qonnaa taate Kuuzaah tokkodha.
Magaalattiin waraamnicha dursa Filisxeemota kuma 11 oliti keessa jiraata ture. Safarri lallistuu ta'uun beekamtu timaatima, qamadiifi wayiraan baayyinaan itti margudha.
Suuraawwan ji'a Caamsaa dura fudhataman gamoowwan baayyee magaalattii keessa dhaabbatanii akka turan mul'isu.
Haata'u malee, ji'a Waxabajji walakkeessaarra garuu bakkawwan baayyee Kuzaahaa loltoota Israa'eliin akka mancaafaman taasifamaniiru.
Humni ittisaa Israa'el Kuuzaah keessatti gamoowwan 1,200 diigeera kan jedhe yoo ta'u, isaanis kan Hamaas bulchuufi qaama "bu'uuraalee misoomaa shorrokeessuuti" jedheera.
Dhiyootti kan argamtuufi bakka jireenyaa Filisxeemotaa kuma 27 taate magaalaan Abaasaan Alkaabiraas humna waraanaa Israa'eliin diigumsa wal fakkaatuti irrartti raawwatame.
A L I Caamsaa 23 hanga Adoolessa 1, 2017tti guyyoota jiran keessatti suuraawwan kaafaman akka agarsiisanitti guyyoota 38 kutaan bal'aa magaalattii akka qulqullaa'u taasifameera.
Israa'el kutaawwan Gaazaa bal'aa "qxanaawwan nageenyaa" fi koriidariiwwan jechuun kutaalee Gaazaa biroorraa adda baasuun kutaalee kanneeniifi irtti dhiyoo jiranirraa gamoowwan hedduu diigdeetti.
Jalqabbii waraanichaarrattis Israa'el naannoo daangaatti dhiyoo jiranirraa gamoowwan diiguun "zooniiwwan ittisaa" bal'aa kan jedhu safara uummachuuf yaalaa akka turte xiinxaltoonni ni dubbatu.
Haata'u malee, tokko tokko gara biyyootti kan jijjiiraman safarawwan gara Gaazaatti seenaniinidha.
Daangaa Israa'elirraa kiloomeetira 7 fagaatee argamutti Kuwiizaan Abu Raashiwaan kan jedhamu safarri qonnaa A L I Caamsaa 9, 2017 irraa kaasee gamoowwan dhaabbatanii turan guutummaan guutuutti akka diigaman taasifamaniiru. Gamoowwan manneen jireenyaafi daldalaa baayyee dho'insaan akka barbadaa'an taasifamuusaanii viidiyoo BBCn morkaneesse ni mul'isa.
BBCn tokkoo tokkoo gamoo diigee dhiyeessuun kana gochuu isaatiif sababii waraanaa akka kennuuf humna ittisaa Israa'el gaafatee ture. Haata'u malee, sababa kennuun hin danda'amne.
"Hamaas fi dhaabbileemn shororkeessitootaa biroo bakkeewwan ummanni itti baayyatu keessatti meeshaaleen waraanaa akka dhokfatan bal'inaan gabaafameera," jecuun dubbata dubbi-himaan humna ittisaa Israa'el dubbate.
"Humni ittisaa bu'uuraaleen misoomaa shororkeessotaa gamoowwan ykn bakkawwan biroo jiran adda baasuun diiga," jedheera.
Quuqamtoonni mirga namoomaa baayyeen diigumsa Israsa'el gaggeessaa jirtu yakka waraanaa ta'uu akka danda'u BBCtti dubbataniiru.
Bu'uura Jenevaa Konvenshinii Afraffaatiin yeroo waraanaa namoota nagaaf eegumsa gochuu jedhuun wanti gochaa jiru sababa quubsaa hin qabu, ogeessi seeraa olaanaa wiirtuu jaarmiyaa idil-addunyaa Diyaakon Yerusaalemitti argamuu Eeyitan Diyaamoond ni ibsa.
"Seerri namoomaa idil-addunyaa yeroo waraanaa bifa dirqama ta'een sababiin waraanaa yoo hin jiraanne akka kanaa bifa to'atameen qabeenya namoota nagaa barbadeessuu dhorka," jedha ogeessi seeraa kun.
"Yaaddoo gara fuula duraatti faayidaarra ooluu danda'a jedhuun ykn tilmaamawwan haala addaa kaa'ame kanaan addadha," jedhu.
Oksifoorditti dhaabbata naamusaa, seeraafi walitti bu'iinsa meeshaa waraanaatiin deeggaramnuutti daarektara kan ta'e piroofeesara Jaaniina Diil gamasaatiin humna weerares taanaan kutaawwan bulchiinsaa faayidaa ummataa waliin bifa wal simuun bulchuu qabu malee, "bulchiinsa sana gara jiraattotaaf hin mijannetti jijjiiruufi ona taasisuun adeemsa loltumma waliin kan wal hin simnedha," jedheera.
Haata malee, xiinxaltoonni tokko tokko gamasaaniitiin diigumsa waraanni [Israa'el] gochaa jiru sirrii ta'uu isaa ibsuuf yaalaniiru.
Raayyaan ittisa biyyaa diigumsa kana kan taaise gamoowwan hedduun meeshaalee gurguddaafi haleellaa qilleensarraan kan diigamanidha jedha Piroofeesar Itaan Shaamir Wiirtuu qorannoofi ministeera dhimmoota tarsiimoo 'Beesaa' jedhamurraa.
Gamoowwan kuneen jiraattonni deebiyanii yoo itti galan, "rooba gannaan carraa isaani jiguuf qaban olaanaa waan ta'eef" yaaddoo nageenyaa akka qaban dubbatu.
Piroofeesarichi sababiin biraa dhiyeessan yaaddoo taaktikaati.
"Naannicha qaxanaa lolaati. Humni waraanaa Israa'el gamoo tokko seenee erga qulqulleessee booda shororkeessitoonni yeroo baayyee deebiyanii boombii awwaalu ykn dhokatanii isaanirratti dhukaasu."
Israa'el gocha diiguu dhaabuu ammallee mallattoon agarsiisu hin mul'atu.
Humni ittisaa Israa'el buldoozeroota D9 jedhaman Ameerikaa irraa akka fudhatan sabaa himaaleen Israa'el torban darbe gabaasaniiru. Buldoozeroonni kunneen bulchiinsi Baayiden Israa'eliif kennuuf kan karoorsedha.
Dabalataan BBCn gareewwan Feesbuukii Israa'el Gaazaa keessatti diigumsa gaggeessuuf beeksisawwan kontiraakteroota baayyee gaafatan argeera. Beeksisawwan hojii diiguu kunneen Caamsaa irraa kaasee warra qacaraniin qoodaniiru.
Beeksisawwan hedduun isaanii diiguun kan gaggeeffaman Gaazaa keessa ta'uu kan ibsan yoo ta'u, fakkeenyaaf "Koriidarii Filaadelfii" fi "Ze Mooraag Aksiis" eeramaniiru. Bakkawwan lamaanuu to'annoo humna ittisaa jala kanneen jiranidha.
BBCn kontiraaktera tokko deebii yeroo gaafatetti arrabsoon kan deebise yoo ta'u, BBC qofa osoo hin taane Gaazaallee bifa fokkisaa ta'een arrabseera.
Hojii diiguu humni ittisaa Israa'el raawwachaa jiru " dhaabbataan to'achuu" kan danda'u "zoonii nageenyaa" hundeessuuf ta'uu akka danda'u barsiisaan mana-barumsaa Seeraa Ruutgars kan ta'e Adiil Haak ni ibsa.
Xiinxaltoonni biroon gamasaaniitiin diigumsi kun kan raawwatmaa jiruuf diigumsa Faaraah keessatti hundeessuudhaaf kan yaadame "Magaalaa Namoomaatiif" lafa qulqulleessuu ta'uu danda'a.
Pirezidantiin dhaabbata Tarsiimoofi nageenyaa Yerusaalem Efireem Inbaar gamasaatiin, Filisxeemonni Gaazaa keessaa dhaabbataadhaan buqqa'anii akka ba'aniif taasisuuf ta'uu akka danda'u eereera.
Warra Gaazaatiif balleessaan irratti raawwatame hamaadha.
Jiraataa Teel Al Sulxaan kan ture Mohaataaz Yusuuf Al Abisii manni isaa Israa'eliin akka jalaa diigame dubbata.
"Osoo waraanni kun hin jalqabamiin waggaa tokko dursee ture mana kanatti kanan seene. Baayyee gammachuun qaba ture. Jireenyikoos abdiin kan guutame ture. Amma sun guutummaan guutuutti manca'eera," jedha.
Israa'el bara 1948 akka biyyaatti yeroo hundeeffamtu Filisxeemota kuma dhibbaan lakkaa'aman kan buqqaaste yoo ta'u, kanas, "Naaqibaa" [dhumaatii Guddicha] jechuun waamu.
Yeroo ammaa kanas Filisxeemonni kun deebiyee mudachuu danda'a jechuun sodaa keessa jiru.
Filisxeemonni qe'ee isaaniirraa buqqa'an hedduun Gaazaa qubatan.
Jiraattota yeroo ammaa Gaazaa jiran keessaa afur keessaa harka sadii kan ta'an dhala dhalaa warraa yeroo sana buqqa'aniiti.
Kanneen biroo kuma 900 ta'an ammoo amma bakka amma Israa'el humnaan qabatte West Baank keessa jiraatu.
Yeroo ammaa kana Filisxeemonni miliyoona 3.4 ta'an ammoo Yordaanos, Sooriyaa fi Libaanos keessa akka jiraatan odeeffannoon dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ni mul'isa.