Seenaa Israa'el: Hundeeffamarraa hanga har'aatti taateewwan ijoo

Waa'een gamessa Biriiteen Artaar Baalfoor kitaabilee barnootaa UK irratti muraasa, garuu barattoonni Israa'el fi Filisxeem waa'ee nama kanaa bareechanii ibsu. Innis waan har'a itti jiraniif ka'umsa waan ta'eef.

Waliigalteen Baalfoor (Balfour Declaration) Sadaasa 2, 1917 mallattaa'e biyyoota lameen keessatti akkaataa garaagaraatti barsiifamee hubatameera.

Boqonnaa haaraa, jalqabbii lola Arabaa fi Israa'el (Arab-Israel Conflict) ta'e waliigalteen kun.

Kallattii bahaan handaara galaana Meeditiraaniyaaniitti kan argamtu Israa'el biyya Yihuudotaan (Jewish) dhuunfatameedha.

Erga biyya taatee hundooftee as biyyoota arabaa ishee marsanii jiran waliin nagaan jiraattee hin beektu, inumaa firri ishee warra lixaatti.

Akkaataan hundeeffama Israa'el fi hariiroon isheen biyyoota Arabaa waliin qabdu akkaan walxaxaadha. Mee taateewwan ijoo muraasa haa ilaallu.

Labsii Baalfoor- Jalqabbii lola Arabaa fi Israa'el

Bara 1917 Biriiteen warra Otomaan harkaa Filisxeem baafatan. Filisxeem keessatti uummata Yihuudaatti mana ijaaran. Kun karaa labsii Baalfoor (Balfour Declaration) raawwate.

Labsiin kun jechoota jahatama (60) qofaan birmadummaa fi walabummaa Yihuudotaa akka mirkaneesse seenaa keessatti beekamaadha.

Cinaatti ammoo ''gochi mirga siivilii fi amantii hawaasa Yihuudotaan ala ta'anii sarbu kamiyyuu raawwatamuu hin qabu,'' sarara jedhu labsii kanatti dabalan.

Labsiin Ministira dhimma Alaa yeroo sanaa Biriiteen- Aartar Baalfoor nama jedhamuun mirkanaa'e kun, xalayaa nama yeroo sana warraaqsa Ziyoonizim jedhamu gaggeessaa turetti ergame keessatti dabalameera.

Sochiin Ziyoonizimii hiree murteeffannaan uummata Yihuudaa, dacheesaanii galaana Meeditiraaniyaanii irraa kaasee hanga qarqara baha Laga Jordaanitti jiru keessatti akka mirkanaa'uuf gaggeeffamaa ture. Dacheen sun garuu kan Filisxeem ta'uutu mirkanaa'e.

Labsiin kun akka ibsutti mootummaan Biriiteen ''uummanni Yihuudaa dachee Filisxeem keessatti qe'ee ijaarratanii ollaa tokko uummataa jiraachuu akka qaban,'' tumsaa ture.

Labsiin kun uummata Filisxeem, ''uummata Yihuudotaan ala ta'an,'' jechuun ibse malee maqaasaaniiyyuu hin eerre.

Warri Filisxeem ganamuu hubatan, biyyoota Arabaa yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaa Otomaan Tarkii jala turaniif deeggarsa siyaasaa fi humna waraanaa taasisuuf waadaan galame eessa akka bu'e wallaalan.

Impaayera Otomaan jalaa biyyasaanii, Baha Giddugaleessaa guutummaatti haguugu, akka walaba baafataniif akka deeggartu Biriiteen Arabootaaf waadaa seentee turte.

Biyyoonni Arabaa sochiin kun Filisxeemis akka dabalatu hubatu turan, garuu waadaa galame keessatti maqaan Filisxeem hin eeramne.

Egaa dhaloonni amma jiru Biriiteen uummata Filisxeem irratti akka yakka hamaa hojjettetti hubata.

Filisxeem biyya of dandeesse taatee akka beekamtii argattuuf hoji maneen bara 1920 Biriiteeniif kenname, garuu lakkoofsi Yihuudota gara Filisxeem godaananii jaarraa 19ffaa keessa dabalaa ture, ittuma fufe.

Bara 1939 Biriiteen lakkoofsi uummata Yihuudaa waggaatti gara Filisxeem godaananii kuma 10 akka hin caalle murteessite, yoo rakkoo addaa ta'e malee.

Bara 1940 ajjeechaa suukanneessaan Nazi Holocust jedhamuun beekamu Yihuudotatti wayita hammaatu baay'inaan gara Filisxeem godaanuu eegalan.

Yoona kana uummanni Yihuudaa biyya of dandeesse hundeeffachuuf aanga'oota Biriiteeniinitti boo'uu, loluu eegalan.

Dubbiin wayita hammaatu bara 1947 Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) Filisxeem kan Arabootaa fi kan Yihuudotaa jedhamuun akka qoodamu yaada dhiheesse.

Magaalaan Yerusaalam fi naannawi ishee ammoo aboo idiladdunyaa jala akka galtu eeruun.

Walabummaa (1948)

Yeroon hawaasi Yihuudotaa Biriiteen jalatti abboomaman bara 1948 wayita obba'u Israa'el biyya of dandeesse taatee UN seente.

Walabummaan Israa'el labsamnaan waraanni yogguma sana eegale. Sababa waraana kanaan lammiileen Filisxeem kumaatamaan lakkaa'aman qe'eesaaniirraa ari'aman.

Waraanni Israa'el ifatti yeroo jalqabaaf kan gaggeeffame bara 1948- 1949 ture.

Booda waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra ga'ameen, Israa'el lafa UN qoodeef caalaa fudhatte, lixa Yerusaalam dabalatee.

Jordaan ammoo West Baank fi baha Yerusaalam yoo qabattu Masriin Gaazaa fudhatte.

Filisxeemota yeroo sana miiliyoona 1.2 ta'an keessaa kuma 750 kan caalan dhiibamanii qe'eesaaniirraa ari'aman.

Bara 1949 hanga 1960oota keessaatti baqattoonni Yihuudaa fi godaantonni biyyoota Arabaa kaanii miiliyoona tokko ta'an akkasumas Yihuudonni haleellaa Holocust baqatan kuma 250 ta'an Israa'el qubatan.

Burjaajii Suwiiz- Lola Israa'el fi Masrii

Biyyi amma Israa'el, Jordaan fi Masrii gidduutti dhiphatteetti. Warri Filisxeem roorroodhaan manca'an.

Israa'el erga walabummaashee labsattee gadi hin teenye, qaamaan Araboota gidduu, hojiidhaan gama lixaa jirti.

Bara 1956 fi 57 Biriiteen fi Firaansitti hidhattee Masrii weeraruuf kaate.

Kaayyoonshee bo'oo Suwiiz dooniisheef banuu fi Filisxeemonni karaa gammoojjii Sinaay akka haleellaa irratti hin raawwanne gochuudha.

Baruma kana keessa UN gidduu galuun Gaazaa fi Sinaayitti daangaa godhe.

Dooniiwwan Israa'el karaa bo'oo Suwiiz seenuu eegalan.

Kun otoo kanaan jiruu bara 1966 keessa wayita Firaansi Isaa'eliif meeshaa waraanaa dhiheessuu dhaabdu, Ameerikaan ammoo heddumminaan itti gurguruu eegalte.

Kun Israa'eliif humna guddaa waan ta'eef lola biraa eegalte.

Waraana Guyyaa Ja'aa (1967)

Masriin tumsa biyyoota lixaan olaantummaa fi milkaa'ina Israa'el argatte tole jettee hin fudhanne.

Daangaa UN Sinaay keessatti daangesse cabsitee seenuu, dooniiwwan Israa'elitti ulaa Tiraan cufuu fi qoccoluu ittuma fufte Masriin.

Kanaaf Israa'el bara 1967 haleellaa tasaa irratti bante. Siiriyaa fi Jordaanis waraana sanatti makaman.

Waraana guyyaa ja'aaf ture kanaan Israa'el injifannoo argatte. Yerusaalam Bahaa, Guutummaa Wes Baank, Gaazaa, Goolan Haayit fi Sinaay walitti qabdee fudhatte.

Waggoota itti aanan iddoowwan kunneen keessatti qubsumni Yihuudotaa ni heddummaate.

Waraana bara 1967 sana booda Israa'el kaartaa Baha Giddugaleessaa akka haaraa fi isheef tolutti tolchite.

Bara 1973 Masrii fi Siiriyaan qindoomuun Israa'eloota Sinaay fi Goolan Haayit weeraranii jiran dagachiisanii haleelan.

Lolli kun waraana Yom Kippur yookiin Waraana Onoloolessaa jedhamee beekama.

Israa'el erga miidhaa hamaa dhamdhamtee booda of barte.

Osoo hin qophaa'in waraana eessaa dhufteensaa hin beekamne keessa seente, adda waraanaa lamaan ofirraa qolachuutti gadi teesse.

Humnoonni Israa'el suduudaan gurmaa'uu eegalan. Osooma ofirraa qolatanii bakka qabatan.

Garuu inni haala salphaan waraana 1967 irratti injifatan seenaa ta'ee hafe, isa 1973 irratti hin hojjenne.

Waraanni 1973 gabaabaa ture, garuu waraana addunyaa mara jijjiireedha.

Waliigaltee Kaamp Deeviid

Gama dippiloomaasiitiinis yoo ilaalle Masriin dhiibbaa Yuuniyenii Sooviyetii jalaa ba'uun Ameerikaatti michoomte.

Dhumarratti gammoojjii Sinaayi deebifatteetti, garuu adeemsa dippiloomaasiin argatte malee waraanaan miti.

Erga dhukaasi dhaabbatee waggoota muraasa booda dura taa'ummaa Ameerikaatiin waliigaltee nagaa Israa'el waliin mallattteessuun lafa kana deebifatte Masiriin.

Waliigalteen Kaamp Deeviid (Camp David accord) milkaa'ina dippiloomaasii waraana 1973 booda argame isa guddaadha.

Bara 1977 Sadaasa keessa Pireezidantiin Masrii Jerusaalam daawwachuun sochii dippiloomaasii eegalan.

Boodarra Masriin Sinaay deebifachuun, Israa'el biyya ta'uu beekamtii akka kennitu waliigalteen mallattaa'e.

Waliigalteen Israa'el fi Masrii gidduutti bara 1978 mallattaa'e kun Waliigaltee Kaamp Deeviid (Camp David Accord) jedhama.

Weerara Libaanan

Dhibdeen Israa'el biraan Libaanan waliini. Bara 1982 Israa'el hoogganaa Dhaabbata Bilisummaa Filisxeem (PLO) adamsuuf jecha Libaanan weerarte.

Sababni ammoo gareen Filisxeem muraasi Landanitti Ambaasaaddara Israa'el irratti yaalii ajjeechaa raawwachuudha.

Kana hordofee mooraa baqattoota Filisxeem Beeruut keessa jiran Sabra fi Shatila jedhaman keessatti Filisxeemonni jumlaan ajjeefaman.

Kan ajjeese Kiristaanota Israa'el. Komishinii mootummaa Ministira Ittisaa kan turan Eeriyaal Shaaroon itti gaafatamaa godhe, aangoorraas kaase.

Bara 1984 filannoo Adoolessa keessa Israa'el keessatti gaggeeffame booda paartileen Likud fi Labour qindoomina uumuun Ministirri Muummee Shimoon Peereez biyyattii bulchuu eegalan.

Waxabajjii 1985 Israa'el humnashee Libaanan keessaa baaste, garuu daangaarra qubachiiste.

Fincila Arabootaa jalqabaa, hundeeffama Hamaas

Fincila Arabaa inni jalqabaa bara 1987 eegale, Muddee keessa fincilli Intifaadaa jedhamu iddoowwan Israa'elootaan qabamanitti eegale.

Kun ka'umsa hundeeffama Hamaas ta'e, Hamaas osoo baayyee hin turin Israa'el irratti haleellaa suukanneessaa gaggeessuu eegale.

Bara 1991 Amajjii keessa Iraaq waraana kana keessatti hirmaatte. Waraana Galoo Galaanaa jedhame.

Iraaq waraanichi sadarkaa naannawa Baha Giddugaleessaatti akka guddatu feeti, Israa'el garuu ajaja Ameerikaatiin deebii kennuurraa of qusatte.

Iraaq misaa'eloota 39 Israa'el irratti dhukaaste.

Onkoloolessa keessa US fi Sooviyeet waliin ta'uun erga bara 1949 as yeroo jalqabaaf Israa'el, Libaanan, Siiriyaa, Jordaan fi Filisxeem magaalaa Maadiriiditti walitti fiduun haala hariioosaanii fooyyessan irratti mari'achiisan.

Dursaan paartii Labour Yitzhak Shamir dhiibbaa US tuffachuun hirmaachuu waan dideef hirmaannaan mootummaa keessaa qabu gadi bu'e.

Bara 1992 paartiin Labour wayita aangootti deebi'u, Ministirri Muummee Israa'el Yishaaq Rabiin, sagantaan qubsuma babal'ifannaa akka dhaabbatu gochuun paartii warra Filisxeem- PLO waliin dubbachuu eegalan.

Aab Rabin fi dureen PLO Yaasir Arafaat waliigaltee walabummaa Filisxeem mirkaneessuu akeekee fi warraaqsa jalqabaa Intifaadaa goolabu Oslootti mallatteessan.

Waliigalteen bara 1993 mallattaa'e kun Waliigaltee Osloo (Oslo Declaration) jedhama.

Garuu gareen Filisxeem waliigaltee Osloo kana hin fudhanne, mormiisaanii itti fufan.

Israa'el bara 1994 Caamsaa hanga Adoolessaatti lafa Gaazaa fi West Baank gara caalu gadhiistee baate, kun ammoo Yaasir Arafaat magaalaa Tuunis irraa biyya galuun Bulchiinsa Biyyaalessaa Filisxeem akka hundeessu karaa saaqe.

Onkoloolessa keessa ammoo Israa'el fi Jordaan waliigaltee nagaa mallatteessan.

Hojii nageenya buusuu hojjetan kanaan Yishaak Rabiin, Yaasir Arafaat fi Shimoon Peereez Muddee 1994 Badhaasa Noobeelii Nageenyaa badhaafaman.

Garuu Caamsaa 1995 waan hamaan keessoo Israa'el mudate, finxaaleyyiin Yihuudotaa Teel Aviiv keessatti Yishaak Rabiin ajjeesan.

Wayita kana Aab Shimoon Peerez aangoo ministira muummee qabatan. Baayyee osoo hin turin paartiin Likud Beenjaamin Neetaanayaahuun durfamu aangootti deebi'e.

Bara 1999 mootummaan qindoominaa paartii Labour Aab Ihuud Baraak jalatti bulu aangoo qabate, Filisxeem fi Siiriyaa waliin marii nagaa akka itti fufu waadaa gale.

Weeraramuu Gaazaa

Muddee 2008 Israa'el fi Hamaas gidduu lola hamaatu ture. Israa'el ji'a guutuu duula Gaazaa weeraruu gaggeessite.

Israa'el Gaazaa cufattee weerara gaggeessuun biyyoota Arabaa guddoo dheekkamsiise.

Guraandhala 2009 paartiin Beenjaamin Neetaanayaahuu filannoo mo'achuun erga mootummaa uummatee quubsuma Yihuudotaa babal'isuu itti fufe.

Gaazaa keessatti walitti bu'iinsi yeroo hunda jira, bara 2012 garuu Israa'el loltoota ishee bobbaasuun torban tokkoof Hamaas irratti oppireeshinii waraanaa gaggeessite.

Dhimmi qubsuma Israa'el Gaazaa keessatti gaggeessituu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin fudhatama hin arganne.

Muddee 2016 Israa'el biyyoota 12, seera faallaa ijaarsa qubattoota Yihuudaa Gaazaa fi West Baank keessatti gaggeessitu deeggaran, waliin akka hin hojjenne ibsite.

Adeemsa fagalee kennuu sana keessatti Ameerikaan yeroo jalqabaaf hin hirmaatin hafte.

Paarlaamaan Israa'el bara 2017 ji'a Guraandhalaa keessa West Baank keessatti dachee warra Filisxeem irra uummata Yihuudaa qubsiisuuf labsii baase.

Hojiin yihuudota qubsiisuu waggaa 25f turus bara sana Waxababajjii keessa eegale.

Muddee 2017 Pireezidantiin duraanii US Doonaald Tiraamp wayita aangoo qabatu Yerusaalam magaalaa Israa'el ta'uushee beekamtii kenne, kun biyyoota Arabaa fi biyyoota lixaa michuuwwan US ta'an hedduu dallansiise.

Bara 2018 ji'a Sadaasaa keessa Masriin UN waliin ta'uun waliigalteen dhukaasa dhaabuu yeroo dheeraaf Israa'el fi Hamaas gidduutti akka mallattaa'u dhiibbaa guddaa uumanis hin milkoofne.

Waggaasaatti ammoo US qubsumni Israa'el West Baank keessa jiru seeraan ala kan jedhamu akka hin fudhanne ifatti dubbatte.

Kun osoo kanaan jiruu lolli hamaan Israa'el fi Filisxeem bara 2021 dhohee addunyaa yaaddesse.

Haleellaa Israa'el guyyaa 11f walitti aansuun gaggeessiteen namoonni 250 caalan du'anii, manneen daldalaa 1,000 caalan barbadaa'an.

Lolli kun jaarsummaa Masriin tasgabbaa'us ergasiis haleellaan qilleensaa fi walitti dhukaasuun karaa lafoo gaggeeffamu hin dhaabanne.

Haleellaa Sambata darbe (Onkoloolessa 07, 2023) waggaa 50ffaa waraana Yom Kippur (Waraana Sadaasaa) irratti Hamaas raawwateen Filisxeem fi Israa'el goolama hamaa keessa seenaniiru.

Israa'el- Biyya Yihuudota (Jewish)'n dhuunfatamte

Addunyaarratti biyyi akka Israa'el lakkoofsa uummata yihuudota hedduu qabdu hin jirtu.

Waggoota 50 darbaniif qubsuma West Baank fi Baha Jerusaalamitti ijaarte keessa yeroo ammaa yihuudota kuma 600 caalantu jiraatu.

Seera idiladdunyaatiin qubsumni kun seeraan ala. Kun ejjennoo Mana Maree Nageenyaa UN fi mootummaa UKti, biyyoonni addunyaa hedduun ejjennoo kana qabanis jiru.

Kana jechuun lammiileen Israa'el kunneen seeraan ala qubatanii jiru jechuudha.

Israa'el garuu kana fudhattee hin beektu, fudhachuus hin feetu.

Waa'een qubattoota Israa'el fi baqattoota Filisxeem yoomuu madda qoccolloo biyyoota lameenii fi addunyaati.

Waliigalatti Egereen lammiilee Filisxeem, waa'een qubattoonni Yihuudaa West Baank keessaa kaafamuu, waa'een Yerusaalam, hundaa ol ammoo waa'een Filisxeem biyya of dandeesse ta'uu madda qoccolloo ijoodha.

Bal'ina lafaa kiilomeetir iskuweerii 20,770 kan qabdu Israa'el biyyoota Arabaa kanneen akka Masrii, Jordaan, Siiriyaadhaan marfamtee handaara galaana Meeditiraaniyaaniirratti argamti.

Magaalaa guddoon ishee Yerusaalam ta'uu himatti, garuu kun beekamtii idiladdunyaa muraasa qaba.

Uummanni Israa'el miiliyoona 9.6, afaan Hibruu irratti dabalataan afaan Arabaas ni dubbatama.