Haamaas hidhannoo hiiksiisuun Gaazaa deebiisanii ijaaruun danda'amaa?

Loltoonni Haamaas wal dhabdee Israa'eel waliin qabaniin wal qabatee agrsiisa loltummaa rookkeettiiwwan fageenya dheeraa imalan, misaa'eloota, xiyyaaroota nama-maleessoo xixiqqoofi loltoota hidhannoo guutuu qabanii Gaazaa keessatti taasisaniiru.

Hamaas kan biyyoota akka Ameerikaa, Israa'eel, Gamtaa Awuroppaa fi biyyoota kaaniin akka garee shoroorkeessatti ilaalamus gochaawwan haleellaa irra deddebbiin ni raawwata.

Deeggarsa hawaasni addunyaa jiraattoota Gaazaaf taasisuu danda'utti danqaa olaanaa akka ta'e baayyeen ni ibsu.

Ittigaafatamaan dhimmoota alaa UK, Domiiniikaa Raab dhiyeenya wayita Yeerusaalamiifi Weesti Baankii dowwataniitti, deeggarsa hawaasni addunyaa taasisuu bittaa meeshaa waraanaa Hamaasiif oolchu osoo hintaanee ummata Filisxeeme rakkataa jiru irraa oolchuu baayyee murteessaadha jedhanii ture.

Gareen hidhatee Gaazaa bulchaa jiru Hamaas ammoo Israa'eel naannicharratti mirga kamuu akka hinqabne cimsee amana.

Ragaan motummoonni gamtooman baasee akka mul'isuutti, sababii walitti bu'iinsa dhiheenya umameetiin Gaazaatti manneenkuma 16 ol kan barbadaa'an yoo ta'u, manneen barnootaa 58 fi jiddugalli leenjii diigamaniiru.

Kana malees hospitaaloota sagaliifi dhaabbilee misooma bu'uraa irras miidhaan qaqabeera.

Raayyaan Ittisa Israa'eel gama isaatiin, haleellaan hanga ammaa raawwadheen eddoowwan hidhattoonni itti fayyadaman kuma tokkoo ol irratti xiyyeeffadheera jedheera.

Hallellaa Gaazaatti qaqabeen maatiiwwan kumaatama mana malee hafan keessaa maatiin Kaaliid isaan tokko.

Xiyyaaroonni waraanaa Israa'eel wayita mandarsaanii irratti xiyyeefachuun haleellaa raawwataniitti manasaanii dabalatee kanneen naanawasaanii hundi barbadaa'u himu.

''Meeshaan xabaa mucaa kiyyaa qaruuraa cacabeen waraanameen arge. Miidhaa qaqabee yoon yaadadhu baayyeen bo'e,'' haatii ammaan tana ijoolleefi abbaa warrashee waliin fira birratti dahattee jirtu Waad Al-Kaaliid.

''Tarii lolli dhaabatee ta'a, haata'u malee nuti deebiifnee akka ijaarannuuf maallaqa hinqabnu. Mana keenya baayyee bareedu sana keessatti deebiinee jiraachu barbaadna'' jetti.

UN akka jedhuutti, sababii lola Filisxiimootaafi Israa'el jidduutti torbanootaaf gaggeeffameen yoo xinnaate Gaaazaa keessatti namoonni 256 kan ajjeefaman yoo ta'u, gama Israa'eeliin ammoo lubbuun namoota 13 darbeera.

Raayyaan Ittisaa Israa'el gamasaatiin namoota ajjeefaman keessaa kanneen 200 ta'an hidhattoota Hamaas ta'u kan beeksiise yoo ta'u, Hamaas garuu hidhattoota 80 qofaatu na jalaa ajjeefamee jedha.

Sababii dhorkaa sochii lafaafi bishaan irra Israa'eeliifi Masriin kaa'aniitiin, Gaazaa deebiisanii ijaaruun ulfaataa akka ta'u asumaa achi tilmaamaeera.

Biyyoonni lamaanis dhorkaa kana kan kaa'an bara 2007 irratti wayita Hamaas aanga'oota Filisxeem irraa naannawa bal'ina xiqqoo fudhachuun to'achusaa hordofe ture. Waaggaan booda ammoo garichi filannoo mo'achuun ifatti Gaazaa bulchu eegale.

Hamaas Chaartarii hundeeffama isaarratti keewwata ''osoon hindadhabne Israa'eel balleessuuf nan hojjadhu'' kan jedhu kaa'eera.

Haamaas kaayyoo lamaan hundeeffame. Tokko gama waraanaatiin Israa'eel waraanuu yoo ta'u, lammaaffan ammoo Filisxeemootaaf tajaajila hawaasummaa dhiyeessuudha.

Bara 2005tti Israa'eel loltootaafi qubbattoota Gaazaa wayita baafteetti, Hamaas siyaasa Filisxeem keessatti hirmaannaa kallattii taasisuu eegale.Filannoo waggaan booda gaggeeffameen ammoo sagalee olaanaa argachu dadna'e ture.

Loltoonni Hamaas Israa'eel waliin lolawwan sadii gaggeessaniiru. Garee waraana Hamaas Israa'eel, Ameerikaa, Gamtaa Awuroppaafi UKn akka garee shororkeessatti farajameera.

Dhorkaan ka'amees dinagdee naannichaa haalaan kan miidhee yoo ta'u, kaayyoon tikaa biyyoonni kunneen fiixaan baasu danda'an garuu xiqqaadhaa. Kaayyoo dhorkaa inni duraa meeshaan waraanaa gara Gaazaa akka hingalleefi garicha dadhabsiisu ture.

Haleellaa guyyoota 11f tureen loltoonni Israa'eel Gaazaarraa rookkeettiiwwan 4,300 gara magaaloota adda addaatti natti dhokaafameera, kanaanis manneeniifi bu'uuraaleen misoomaa hedduun barbadaa'aniiru jedha.

Walitti bu'iinsa walfakkaataa bara 2014tti mudateenis tarkaanfii Israa'el fudhatteen Filisxeemoonni 2,251 kan ajjeeffaman yoo ta'u, isaan keessaa 1,461 namoota nagaati jedhameera.

Israa'el gama isheetiin loltoonni 67 fi namoonni nagaa jaha du'u ibsite jirti.

''Deebiisanii ofiisaanii ijaaruun dura rookkeettiiwwan fegeenya dheeraa imalaniifi meeshaalee waraanaa gurguddaa hidhataniiru'' jedha loltuun duraanii Israa'eel Birgaadar Janaraal Maayikil Heerzoog.

Bara 2014tti tarkaanfii yaa'aawwan Masriin rookkeettiiwwaniifi misaa'eelootti dhoksaan gara Gaazaa ittiin galchiturrattu fudhatameen bu'uuraaleen misoomaa heddhuub barbadaa'eera.

Meeshaaleen waraanaa olaanoon Iraan irraa Gaazaa galanis haalaan hir'atanii ture.

Dhiiheenya keessa ammoo Hamaas meeshaa Iraan irraa galchuurra oggeessoota Iraan fichisiisuun meeshaalee omishuurratti xiyyeeffatee ture. Kanaanis rookkeettiiwwan hedduun kan omishaman achuma Gaazaa keessatti.

''Yeroo hunda rakkoon oggumaa dhala. Hamaasa meeshaa galchuuf rakkoonni mudannaan meeshaalee achumatti omishuu akka filmaataatti fudhate,'' jedha janaraarri duraan.

Israa'el meeshaa waraanaatiin alattis kanneen akka simintoo, dhakkaa, ujjummoo fi kkf kan Hamaas rookkeettii omishuuf itti fayyadamu gara Gaazaa akka hingallee ni dhorkite.

Masriinis wantoota gocha akkasiitiif olan irratti dhorkaafi kootaa keessee jirti. Ta'ulleen garichi ammallee rookkeettiiwwan omishuun dhokaasaa jira.

Gareewwan lamaan baatii darbee waliigaltee dhukaasa dhaabuu wayita taasisaniitti hedduun gammadanii ture.

Erga dhukaasa dhaabuun hojiirra oolfameen boodas Filisximoonni baayyeen gammachusaanii ibfachuuf daandiirratti kan bahaniii turan yoo ta'u aanga'aan Hamaas tokko ''ammas meeshaa keenya akkuma nyaachiifneetti jirra'' yoo jedhan dhagahamaniiru.

Qaamooleen lamaanu lolichaan injifachuu labsaniiru. Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan ammoo waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun ''jijjiramaaf carraa kan kennuudha'' jedhanii turan.

Kaabiineen Israa'ee yaada dhukaasa dhaabuu sagaee guutuun deegaru ibse. ''Gareen siyaasaa keennya ittifufiinsa duulichaa kan murteessu haala qabatamaa lafarra jiruutiin'' jechuun ibsan.

Ministirri Ittisaa Israa'el Biinii Gaantis haleellaa Gaazaan ''bu'aaleen hinyaadamiin ittiin arganneera'' jechuu fuula tiwiitarii isaaniirratti barreessaniiru.

Aanga'aan Haamaatooko APtti akka himaniitti Israa'eel dhukaasa dhaabuu ishee akka injifannootti kan lakkaa'ufi MM Israa'eeliif mo'amuudha jedheera.

Haata'u malee mana maree Hamaasiitti sabaa himaa idil-addunyaa kan ta'an Baaseem Naayim dhukaasa dhaabuun kun kan itti fufuu ta'usaarratti shakkii kan qaban ta'u BBCtti himaniiru.