Israa'el-Gaazaa: MM Israa’el Benjaamin Netaniyaahuu haleellaa Gaazaa 'cimsinee itti fufna' jedhan

Ministirri Muummee Israa’el Benjaamin Netaniyaahuu lola waraanaa torban dura eegaleen, haleellaa rokkeetii irra ga’uuf “humnaan akka deebisan’ dhaadate.

Dilbata ganama haleellaa qilleensaa Israa’eliin Gaazaa keessatti yoo xiqqaate lammileen Paalastaayin sadii du’uu isaanii qondaaltootni fayyaa himaniiru.

Hidhattoonni Paalastiin rokkeettii gara Tel Aaviivitti yemmuu dhukaasan, namootni baqatanii da’oo boombii galaniiru.

Hawaasni addunyaa waldhabdeen kun akka dhaabbatuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Pirezidaantiin US Joo Baayiden Sambata yaaddoo haalicha irratti qaban ibsuuf bilbilaan MM Israa’eel Netaniyaahuu fi Pirezidaantii Paalastiin Maahmuud Abbaas waliin haasa’aniiru.

Manni Maree Nageenyaa UN dhimma kanarratti har’a Dilbata marii gaggeessa jedhamee eegama.

Wiixata erga lolli kun eegalee as Gaazaa keessatti yoo xiqqaate namootni 148 ajjeefamuu isaanii anga’oonni Paalastiin ni himu, Israa’el ammoo daa’imman lama dabalatee namootni 10 du’uu isaanii himteetti.

Israa’el namoota Gaazaatti ajjeefaman keessaa hedduun isaanii hidhattoota akka ta’an himti, qondaaltonni fayyaa Paalastiin garuu kanneen du’an keessaa 41 daa’imman akka ta’an himu.

Haasaa Sanbata TV’n darbe irratti, Netaniyaahuu haleellaan kun “hanga barbaachisaa ta’etti” itti fufa jechuun, haleellaa kanaan lammileen nagaa akka hin miidhamneef hanga danda’ametti of eeggannoon taasifamaa jira jedhaniiru.

“Waldhabdee kanaaf qaamni balleessaa qabu nu miti, isa nu haleelaa jirudha,” jedhan MM Netaniyaahuu.

Gareen hidhattootaa Paalestiin kan Gaazaa bulchu Hamaas, rokkeettii dhukaasuu kan eegale naannoo isaanii irraa Israa’eel akka gadhiistuuf erga akeekkachiise boodadha, kun ammoo deebiin haleellaan qilleensaa akka raawwatu taasiseera.

Guyyaa Sambataa maaltu tahe?

Haleellaa rokkeetii Israa’el kaampii baqattootaa lixa magaalaa Gaazaatti argamu irratti gaggeessiteen maatii tokko keessaa miseensootni kudhan ajjeefamaniiru.

Erga harmeen isaa, obbolaan isaa afurii fi durbiin isaa afur ajjeefamnii booda kan lubbuun oole daa’ima umurii ji’a shanii Omaar Al-Hadidii qofadha.

Abbaan daa’ima kanaa Mohaammad Al- Hadidi yeroo haleellaan kun gaggeeffametti mana hin turre.

“As rokkeetiin hin jiru, dubartootaa fi ijoollee qofa, rokkeettii miti, ijoollee nagaa Iida kabajaa turan qofa. Maal balleessineeti kun kan nurra ga’u?” jechuun Reuters’tti himeera.

Ogeessi fayyaa daa’ima kana wal’aanaa jiru “haala hamaa keessa ture. Lafeen sarbaa isaa cabeera, iddoo hedduurra madaa’eera. Ta’us garuu wal’aansa isa jalqabaa booda amma haala foyya’aarra jira,'' jedhe.

Humni Ittisaa Israa’el (IDF) akka jedhutti hidhattoonni Paalastiin rokkeettii 278 Gaazaa irraa dhukaasaniin, magaalota kibbaa Ashdood, Beershiibaa fi Sideerot keessatti manneen rukutamaniiru.

Dabalataan rokkeettoota gara Israa’elitti dhukaafaman keessaa “hedduun” isaanii sirna ittisa haleellaa qilleensaa Iron Dome jedhamuun rukutamanii kufaniiru jedha IDF.

Rokkeetiin tokkichi Tel Aviiv naannoo Ramat Gan jedhamurra bu’e nama tokko ajjeeseera. Namni kun mana isaa keessa utuu jiruu foxxoqa rokkeetii kanaan rukutamee lubbuun isaa akka darbe gabaafameera.