Walitti bu’iinsi Israa’eel fi Paalestaayin gara Weesti Baankitti bal’ate

Lolli hamaan loltoota Israa’eel fi Paalestaayin gidduu Gaazaa keessatti guyyootaaf taasifamaa erga turee booda gara Weesti Baankitti babal’atee jira.

Wal-dhabdee Weesti Baankitti mudate kanaan yoo xiqqaate lammiileen Paalestaayin 10 yoo du’an, dhibbaan kan lakkaa’aman lubbuu dhabanii jiru.

Humnoonni Israa’eel gaazii imimmaanessu, xiyyitii sobaafi rasaasa kallattiin kan fayyadaman yoo ta’u, gama Paalestaayiniin boombii boba’arraa hojjetame darbachaa turani.

Lolli Weesti Baankitti ka’e kun wal-dhabdee hamaa waggoota dheeraan booda naannichatti mudatedha.

Waraanni Wiixata darbe eegalame kun wal-dhabdee guyyoota sanaan dura bakka amantaa Musliimonniifi Ayihuudonni kan keenya jedhanii itti wal-falmanitti eegaluun, Hamaas akeekkachiisa Israa’eloonni akka achii ba’aniif kenne kabajamuu didnaan rookkeettii yoo dhukaasu, Israa’eelis haleellaa xiyyaaraan deebii kennite.

Amma yoonaatti Gaazaa keessatti yoo xiqqaate namoonni 126 du’aniiru. Gama Israa’eeliinis namni saddeet ajjeefameera.

Magaalota Weesti Baanki keessa jiran keessatti mormiiwwan aariin guutaman Jimaata kaleessaa kan taasifaman yoo ta’u, hawaasni idil-aadunyaas tasgabbiif waamicha akka taasisu godheera.

Akka gulaalaan BBC dhimmoota Arbaa Sebaastiyaan Asher jedhutti, waraanni kun loltoota Israa’eel fi dargaggoota Paalestaayin waan torbee darbe keessa ta’aa tureen aaran gidduutti waan geggeeffamaa jiru fakkaata.

Gama biraatiin, lammiileen Libaanoos fi Joordaan Jimaata kaleessaa Paalestaayin deeggaruun mormiif ba’aniiru. Dhukaasa poolisii Israa’eeliin namni tokko ajjeefamuus TV’n biyyaalessaa Libaanoos gabaaseera.

Oppereeshinii halkan taasiseen, neetworkii Hamaas laf-jalee ‘‘the metro’’ jedhamu barbadeessuufi loltoonni isaanii tasumaa Gaazaa akka hin seenne, Waraanni Israa’eel beeksiseera.

Rookkeettiiwwan 220 ta’an Kamisa galgalaafi Jimaata ganama gidduu Gaazaarraa akka dhukaafamanis dabalataan ibseera.

Kibba Israa’eelitti, maanguddoo ganna 87 gara da’annoo boombii dhiyeenya bakka Ashdood jedhamtutti deemaa turan kufanii lubbuun dabartee jirti. Naannoleen akka Ashkeloon, Beershebaa fi Yaavnee jedhamanis bakkeen aggaammataman keessaayyu.

Akka Ministeerri Fayyaa Gaazaa jedhutti, namoota ajjeefaman keessaa 31 daa’immani. Siiviilonni hedduunis lubbuu dhabaniiru. 950 kan ta’anis madaa’aniiru. Israa’eel warreen ejjeefaman hedduun isaanii hidhattoota jetti. Namoonni nagaa ajjeefaman ammoo rookkeetti Hamaas irraa akka hin taanetti dhuka’aniin akka ta’e himti.

Lammiileen Paalestaayin 10,000 ta’an lola kana baqachuun qe’eerraa akka godaanan UN jimaata kaleessaa ibseera.

Jilli US lola Israa'eel fi Paalestaayin tasgabbeessuuf garasitti imale

Jilli US lola Israa’eel fi Paalestaayin gidduu taasifamaa jiru tasgabbeessuuf haasaa taasisuuf Teel Aviiv seenee jira.

Haadii Amri anga’oota Israa’eel, Paalestaayini fi UN waliin abdii dhukaasa dhaabuu qabachuun haasawa kan taasisan ta’a.

Sanbata Duraa ganama kana Israa’eel haleellaa xiyyaaraa Gaazaa keessatti kan taasifte yoo ta’u, Hamaas gamasaatiin rookkeettiiwwan gara Israa’eelitti dhukaasaniiru.

Abba Amri gara gara Israa’eel kan imalan yaa’ii mana maree nageenyaa UN Dilbata boruu taasifamu dursee yoo ta’u, Embasiin US Israa’eel keessa jiru akka jedhetti, kaayyoon imala isaanii ‘‘tasgabbii waaraa fiduuf hojiin irra deebiin akka eegalamu taasisuufi.’’

Haata’u malee, yaaliiwwan anga’oota Israa’eel fi Paalestaayin haasofsiisuun dhukaasa dhaabuuf taasifaman hanga yoonaatti hin milkoofne.

Haleellaan xiyyaaraa Israa’eel Gaazaa keessatti taasifte, dhimmi Giddu-gala Bahaa ajandaa Baayidan keessa akka seenu taasiseera. Bulchiinsi Baayidan bakka ambaasaaddarri Israa’el hin muudamnettillee, yeroo osoo hin balleessin gara hojiitti akka seenuuf isaan dirqisiiseera.

Abba Amri diippiloomaatii sadarkaa giddu-galeessaa yoo ta’an, akka anga’oota bulchiinsota duraanii keessa turaniitti muuxannoo ciccimaa hin qabani, akka Baarbaraa Pleet Asher BBC’f gabaastetti.