Wal-dhibdee iddoowwan qulqulluu (amantaa) Jerusaalam waraana kaasa jedhamee sodaatamu

    • Barreessaa, Yolande Knell
    • Gahee, BBC News, Jerusalem

Gareen Israa'el 'right-wing nationalist' jedhaman dallansuudhaan gara magaalaa umrii dheeraa qabduu fi seena qabeettii taate Jerusaalem keessaa giddugala Muslimaatti imaluuf wayita jedhan poolisiidhaan ittifamaniiru.

Gareen kun alaabaa halluu adii fi cuquliisa urjii ofirraa qabu baachuun tuutaan garas imaluuf wayita jedhu dhorkame.

Gareen amma aariidhaan hookkara kaasuuf yaalu kun yeroo tokko deeggaraa Ministira Muummee biyyattii Naftali Bennet turan, amma garuu ministirri muummee kunis akkuma namootaa kaanii waan ta'uuf jiru taa'anii eegaa jiru.

Gareen kun hiriira gaafa Roobii darbe Ebla 20, 2022 ba'an irratti ministira muummee kanaan ''Gara mana keetti deebi'i'' jechaanii turan.

Hiriirtota keessaa tokko Matan kan jedhamu, ''Har'i ayyaana walabummaa keenyaa waan ta'eef as dhufne. Magalaan kun keenya, kan saba Israa'el ta'uu agarsiisuuf dhufne,'' jedhe.

Wanti amma biyya amantii fi saboota hedduu hammattee jirtu Israa'el keessatti mul'ataa jiru to'annoon ala ba'uuf deema, Aab Bennet waldhibdee tibbana Jerusaalam keessatti mudate dabalatee hookkara jiru to'achuu hin dandeenye.

Kufaatiin Aab Bennet kun dursaa paartii mormituu 'far-right' kan ta'e Itamar Ben Gvir'f oduu gaarii ta'ee argameera.

Rakkoo mudate yeroon furuu dhabuun kufaatii mootummaa Bennet agarsiisa jechuunis dubbate.

Aab Bennet paarlaamaa keessatti teessoo mootummaa hundeessuuf ga'aa ta'e hin arganne, miseensonni isaaniillee waliin hin hojjennu jechuun paarlaamaa keessaa dhiisanii ba'an.

"Ajaja Ministira Muummee osoo hin taane aangoon kan mootummaa qindaa'aati,'' jedha Matan.

"Naftali Bennett warri jew gara iddoo qulqulluu fi eebbifamaa jedhamu 'Temple Mount' jedhamu akka seenan hin eyyamne" jedhe Matan.

Bakki kun hawaasa Mulimaa biratti Haram al-Sharif jedhamee beekama, mooraan Masjid al-Aqsaa asitti argama.

Bakka qulqulluu garuu dhiigni hedduun itti dhangala'u.

Israa'el keessatti kan hin baratamne mootummaan qindoominaa bara darbe waraana lammiilee Paalastaayin waliin guyyoota 11f Ulaa Gaazaatti (Gaza Strip) gaggeeffame booda eegalame.

Haalli kun yoo akkanaann itti fufe ammas waraanni ka'uun, mootummaan qindoominaa uumame kunis diigamuu danda'a.

Tibba kana sirnoonni amantii hedduun waan jiraniif, ayyaana du'aa ka'uu fi sooma Ramadaanaa, sababa kanaan namoonni heddumminaan wayita walitti dhufan rakkoon hammaachaa deema, rakkoon kun yeroon furamuu dhabuun ammoo waraana dhiiga dhangalaasutti geessa.

Jimaata darbe walitti bu'iinsi mooraa al-Aqsaa keessatti mudate namoota hedduu miidhe.

Haleellaan salaata Subii booda raawwate kun viidiyoodhaan waraabamuun erga miidiyaa hawaasummaarratti qoodamee booda biyyoota Arabaa keessatti mufii guddaa uumeera.

Poolisoonni Israa'el mooraa al-Aqsaatti seenuun lammiilee Paalastaayin dararaa, kaan hidhaa akka turan akkasumas namoonni 150 caalan akka madaa'an viidiyoon kun ni agarsiisa.

Warra Paalastaayin keessaa kan ta'e Mohammad Qasqas ''Akkan yaadutti warri Israa'el nageenya buusuurra waraana kaasuu barbaadaa jiru,'' jedhe.

"Kun hunda keenyaaf yaaddoo ta'eera, yaaddoo hamaa. Rabbii ofii kadhachuuf mirga dhabuu, nageenyi dhibuu caalaa wanti hamaan hin jiru.''

Muslimoonni Paalastaayin iddoon qulqulluu-mooraan al-Aqsaa, qoqqoodamuun warra Jew'f ni hirama sodaa jedhu qabu, wayita ayyaana warra jew wanti odeeffamaa ture Muslimootatti yaaddoo uume.

Warri jew bakka kanatti deebi'uun sirna kadhannaa fi aarsaa bara durii, osoo warri Roomaa galma amantii isaanii hin barbadeessin dura gochaa turan raawwachuuf jedhu oduun jedhu jira.

Gareen mankaraaristootaa Jew nama gocha kana raawwateef hanga doolaara 3,000 ni kaffalla jechuun feesbuukiisaarratti maxxanse, poolisiin Israa'elis erga manasaanii keessatti re'ee aarsaaf qophoofte argee booda namoota gocha kana keessatti hirmaachuuf jedhan jedhee shakke hidheera.

Torbee kana guyyuu walitti bu'iinsi al-Aqsaa fi naannawasaatti ni mudata, poolisoonni Israa'el hedduun moora al-Aqsaa seenuun muslimoota xaraganii baasuun warra Jew seensisuuf yaalaa jiru.

"Kun waggootaaf waan raawwatamaa turedha. Har'a wanti jijjiirame (haaraan) hin jiru. Kanuma duriiti,'' jedha Kantiibaa Itti Aanaan Jerusaalam, Fleur Hassan-Nahoum.

Hidhattoonni Paalastaayin al-Aqsaan yaaddoo keessa jira jechuun waraanatti cichan, lammiileen nagaa Ulaa Gaazaa garuu waraana akka hin feene deddeebisanii dubbatu.

Keessattuu wayita iidii sooma Ramadaanaaf qophaa'aa jiranitti waraanni osoo ka'uu baatee fedhu.

Biyyoonni akka Masrii fi Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii walitti bu'iinsi hammaatee gara waraanaatti akka hin geessine birmachuu qabu jechuunis gaafatan.

Ministirri Haajaa Alaa US Israa'elii fi Paalastaayin ''waraana deddeebi'ee gidduusaaniitti mudataa jiru kana'' akka dhaaban gaafateera, qondaaltota biyyoota kanneenii fi biyyoota biroo dhimmi kun isaan ilaallatu dubbisuufis dippiloomaatota isaa gara West Bank fi Israa'el akkasumas gara Jordaan fi Masrii ergeera.

Paalastaayin garuu US'n alatti hawaasi idil-addunyaa hedduun akka dhimma kana keessatti hirmaachuun rakkoo kanaaf furmaata barbaadu feeti.

Mootummaan Mahmuud Abbaas keessa seentummaan US addunyaa burjaajesseera jechuun komatan.

"Abdii kutataa jirra. Xiyyeeffannaan addunyaan waraana Yukreeniif kenniteefi kan Paalastaayiniif kennite wal hin argu. Loogii hamaatu jira,'' jedha qondaalli Paalastaayin tokko.

''Haalli as jiru akkaan hammaataadha. Yeroo kamittuu waraanni dhohuu danda'a.''