Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arabootni Israa'eel eenyu, dhibdeen mootummaa waliin qaban maali?
Walitti bu'iinsi Israa'eel tibba kana keessummeessaa jirtu haleellaa Paalestaayinoota Weestibaank yookaan ammoo Gaazaa jiran waliin haleellaa raawwatamu osoo hin taane, achuma Israa'el keessatti dhibdee Araboota Israa'eelii fi mootummaa biyyattii gidduu jiru.
Ofii Arabootni Israa'eel eenyu?
Tibba kana dhukaasa hidhataan Paalestaayin tokko magaalaa Tel Aviiv irraa achi bahee lafa hordoftootni amantaa Ortodoksii itti heddummaatanitti baneen poolisiin Israa'eel tokko yoo ajjeefamu kumootni hedduun awwaalcha isaarratti argamaniiru.
Poolisiin ajjeefame kun Araba Israa'eel kan amantaa Kiristaanaa hordofudha. Haati warraan isaa ''goota Israa'eel'' jettee isa jajji.
Poolisiin maqaan isaa Khoury jedhamu kun lammiilee Israa'eel Araba ta'an miiliyoona 1.9 ta'u jedhaman keessaa tokko ture.
Garuummoo Bitootessa 22 achuma Israa'eel Beersheebaatti hidhataan lammiilee Israa'eel biroo afur itti dhukaasee ajjeeses Arabuma Israa'eelidha.
Guyyoota shan boodas akkasuma magaala Hadeeraa jedhamutti hidhattootni lammiilee Israa'eel Araba ta'an poolisoota biyyattii lamatti dhukaasanii ajjeesaniiru.
Arabootni Israa'eel biyyattii waldhibdee Israa'eliifi Paalestaayiin keessatti iddoo addaa qabu, garuu isaan eenyu?
Seenaa Araboota Israa'eel
Israa'eel biyya warra Jiiw akka taate beektu ta'a garuu biyya warra Jiiw hin taaneetis.
Arabootni Israa'eel biyyattii keessatti gosa lakkoofsaan xiqqaa hidda dhalootaa Paalestaayiin qaban garuu ammoo lammummaa Israa'eel qabaniidha.
Israa'eel uummata miiliyoona sagal caalan kan qabdu keessaa harki tokko shanaffaan Araboota Israa'eel kanadha.
Bara 1948'tti biyyi Israa'eel jedhamtu daangaa lafaa mataa ishee qabaattee yeroo hundooftu, uummata Paalestaayiin daangaa Israa'eel sana keessatti hafanii walhorantu amma Araboota Israa'eel jedhamee beekama.
Bara sana waraana gaggeeffame hordofee Paalestaayinootni 750,000 baqataniiru yookaan humnaan buqqifamaniiru jedhamee amanama.
Kanneen bara sanatti Israa'el keessaa baqatanis, daangaa Israa'eliin Weest Baankiifi Gaazaa keessa kan qubatan yoo ta'u, kan hafan ammoo naannichatti bakkeewwan garaa garaatti kaampiiwwan keessatti dahatan.
Kanneen daangaa Israa'el keessatti hafanis, Araboota Israa'el, Paalestaayinoota Israa'eel ykn Paalestaayinoota ofiin jedhu.
Irra jiraan Araboota Israa'el amantaan isaanii Islaamadha. Akkuma hawaasa Paalestaayinootaa kanaa Kiristaannoonni Israa'el keessaa baay'inaan sadarkaa lammaaffaarratti argamu.
Qondaaltonni Hamaas ajjeefamuu hordofuun Israa'eel rookkeettiin tumamaa jirti.
Lolli Israa'el-Palestaayiin cimaa jiru waraana hamaatti ce'a jedhamee sodaatamaa jira.
Araboonni Israa'el erga filannoo jalqabaa Israa'el kan Ammajjii 25, 1949 gaggeeffamerraa kaasee mirga filachuu ni qabu. Haata'u malee, ammoo haala harka lafa jalaatiin barootaaf loogiif saaxilamoo akka ta'an himu.
Walitti makamuu
Sababii Covid-19 dhiheenya uumameen waliin hojjechuuf walitti makamanilleen yeroo baayyee hawwaasni Arabaafi Yihudootaa jireenya hawaasaa waliin hin qooddatan.
Bakkeen walitti itti makaman tokko sirna kunuunsa fayyaa biyyaaleessaa lafa dhukkubsattoonni Yihudootaafi Arabootaa waliin hospitaaloota, wallaansaafi hakiimoota itti argatan isa tokkodha.
Dhibba keessaa doktaronni harki 20, narsoonni harki 25 fi ogeessoonni faarmaasii harki 50 Araboota Israa'eel.
Haata'u malee, eenyummaa biyyaaleessaa lammiilee Arabootaafi Yihudoota Israa'el walitti hidhu adda baasuun baayyee rakkisaadha.
Sababii Covid-19 dhiheenya uumameen waliin hojjechuuf walitti makamanilleen yeroo baayyee hawwaasni Arabaafi Yihudootaa jireenya hawaasaa waliin hin qooddatan.
Bakkeen walitti itti makaman tokko sirna kunuunsa fayyaa biyyaaleessaa lafa dhukkubsattoonni Yihudootaafi Arabootaa waliin hospitaaloota, wallaansaafi hakiimoota itti argatan isa tokkodha.
Fakkeenyaaf, waraanni hawaasa Israa'el keessatti gahee olaanaa baha. Lammiilee Yihudootaatiif tajaajilli loltummaa dirqama.
Araboonni garuu kana keessaatti hin hammatamne.
Loogii
Akka dubbatamutti yoo ta'e Arabootni Israa'eel jeewishoota waliin mirga qixxee qabu, haata'u malee irra deddeebiin loogiin sirna bu'uureffate biyya isaanii keessatti irra gahaa akka jiru komatu.
Hawaasni kun waggoota dhiyoo keessa meeshaa waraanaa seeraan alaa, rakkoo maatii fi garee kashlabbootaan walqabatee yakkaaf saaxilamaniiru.
Ajjeechaan biyyattii irra hedduun kan raawwatamu hawaasa kana keessatti. Poolisiin rakkoo kana furuuf fedha hin qabu jechuunis komatu.
Akka barruun Haaretz kan bara 2021 maxxanfame agarsiisutti ajjeechaan warra Arabootaa irratti raawwate dhibbeentaan 23 qofti haqa yeroo argatu kan warra Jiiw dhibbeentaa 71 dha.
Poolisiin biyyattii gama isaan komii irratti dhiyaatuuf deebii yoo kennu, hawaasa Arabaa kana irratti baasii hedduu baasuus qorannoo gochuuf deeggarsa akka dhabuufi rakkoon wal-amanuu jiraachuu hima.
Araboonni Israa'el ammoo mootummaan lafa isaan bara dheeraaf qabatan akka jalaa saamuufi baajata biyyaaleessaatiinilleen beekaa akka isaan irratti loogii taasisu himatu.
Seerri biyyattii keessatti gareewwan lamaaniif hojjatus akkasuma garaa gara.
'Lammii lammaffaa biyya tokkoo'
Fakkeenyaaf, seerri biyyattii dhimma lammummaa ilaallatu warra Yihudootaaf kan loogudha. Kanaanis Yihudoonni bakka fedhanii yoo dhufanilleen battalumaan paasportii Israa'el argachuu danda'u.
Paalistaayinoonni hari'atamaniifi ijoolleen isaanii garuu mirga kana dhorkamaniiru.
Paarlaamaan Israa'el bara 2018tti 'seeraa biyyaaleessaa' wal falmisiisaa tokko raggaasisee ture.
Innis Afaan Arabaa afaan Hibirootaa waliin afaan biyyaaleessaa ta'uu kan dhabsiise ture. Kana malees, mirgi ofiin of bulchuu 'ummata Yihudootaa qofaaf kan kenname,'' jechuun labse.
Aymaan Odeh Araba Israa'el kan ta'eefi miseensi paarlaamaa akka jedhaniitti, wayita biyyattiin seera 'olaantummaa Yihudootaa' mirkanneessuu raggaasifteetti, Araboota Israa'elitti dubbiin 'lammii lammaffaa biyya tokkoo' ta'a.
Haaluma walfakkaatun, Ministirri Mummee duraanii Israa'el Beniyaamiin Netaniyaahuun mirga sivilii mirkanneessuuf waadaa galanii ture, haata'u malee garuu ''kan caalutu murteessa'' jedhan.