Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaarii Liniker erga tamsaasa kubba miilaa 'Match of the Day' irraa dhorkame deebi'uuf waliigale
Xiinxalaan kubba miilaa BBC Gaarii Liinker wal dhabdee BBC booda hojiisaatti deebi’uuf
Gaarii Liiniker sagantaa ‘Match of The Day’ jedhamu torbanirra tapha Piriimer Liigii irratti kan hojjetu yoo tahu yaada loogii qabu maxxansite jedhamuun sagantichis torban darbe kanarra hafuun hojiirra dhorkamee ture.
Daarikterri Waliigalaa BBC Tiim Deevii, qajeelfama itti fayyadama miidiyaa hawwaasaa irratti qorannoon qaama wallaba taheen gaggeeffama jedhan.
Liinker qorannicha akka deeggaru himuun gara tamsaasaatti deebi’uuf waliigale.
Liinker guyyootni darban kunneen ''ajaa’iba’’ turan jechuun deeggarsa namootni isaaf agarsiisanis galateeffateera.
Gaarii Liinker hojiirraa dhorkamnaan waayillan isa waliin hojjetaa turanis hojiirraa hafuu irraa kan ka’e sagantaan tamsaasa kallattii kubba miilaa ni hafe.
Toom Deevii ‘’yeroon kun hojjettoota hundaaf, kanneen sagantaa dhiyeessaniif, irra caalaa ammoo hordoftoota keenyaaf yeroo ulfaataa tahuu ni hubatama. Kanaaf dhiifaman gaafadha,’ jedhan.
Liinker turban darbe Tiwiitera isaa irratti tarkaanfii mootummaan dhimma godaantotaa irratti fudhatee fi dubbii ministerootni fayyadaman ''dubbii Jaraman bara 1930 keessa fayyadaman’’ waliin wal fakkeessee ibse.
Liinker imaammata mootumman gdaansa seeraan alaa irratti baase qeequu isaa ministeroota warra konservaatiiz dheekkamsiise.
Jimaata darbe dhiifama gaafadhu jedhamus eeyyamamaa waan hin taaneef tamsaasa irraa dhorkamee ture.
Amma BBC waliin marii gochuun hojiitti deebuuf waliigale.
Erga gara tamsaasa BBC Tvtti deebi’uuf waliigalee boda Tiwiitera isaa irratti ''Guyyootni darban baay’ee ulfaatoo tahanis, garuu ari’atama biyyakeetti si mudate ykn waraana biyyaa baqachuun fagoo deemtee kooluugaltummaa gaafachuu waliin wal hin madaalu’’ jedhe.
''Biyyi keenya kan wal danda’uun beekamtu, namoota simatuu fi arja taatee itti fufti,’’ jedhe.
Gaarii Leeniker erga bara 1999 as sagantaa Match of Day irra hojjechaa kn ture yoo tahu, hojjettoota miindaa laanaa argatan keessaati. Bara 2020-21 paawondii miliyoona 1.35tu kaffalameef.