Kubbaa miilaa keessa kaardiin adii maali? Eenyuf kennama?

Yoo tapha kubbaa miilaa ilaaltu ta’e murteessitoonni kubbaa miilaa kaardii keelloo yookiin diimaa yeroo taphattoota yookiin leenjisaaf kennan ni agarra.

Kaardii adiwoo yeroo kennan agartanii beektuu?

Kaardiin diimaafi keelloo yeroo jalqabaaf waggoota 50 ol dura Waancaa Addunyaa bara 1970 Meksikoo qophaa’e irratti hojiirra oole.

Kaayyoon isaas dogongora tapha keessatti raawwatuufi tapha irra-deddeebiin dhaabatu xiqqeessuufi.

Seenaa kubbaa miilaa keessatti yeroo jalqabaaf kaardiin adii barana Awurooppaa keessatti hojiirra ooleera. Garuu akka guutuu addunyaatti miti.

Taateen kuni Amajjii 21 tapha kilaboota dubartoota Ispoorting Liizbaniifi Benefikaan Porchugaal keessatti taasisan irratti mul’ate.

Tapha Benefikaan 5fi 0’n injifate irratti kaardiin hin baramne mul’achuun isaa ijoo dubbii ta’eera.

Murteessitoonni kubbaa miilaa keelloo seerri gaafa cabe akeekkachiisaaf kennu, diimaa immoo amala badaa mul’ateef adabbiif ol qabanii agarsiisu.

Hiiki kaardii adii maali?

Kaardiin kuni Federeeshinii Kubbaa Miilaa Porchugaaliin ifa taasifame. Kaardiin adii kuni ‘fair play card’ jedhama.

Wal morkii ispoortii keessatti ispoorteessitoota amala gaarii morkataa isaaniif agarsiisanif kennama.

Kan inni kennamu adabbiif waan hin taaneef kaardiiwwan kaanirraa adda isa taasisa. Haa ta’u malee, yeroo ammaa Porchugaal keessa qofa hojiirra oolaa jira.

Kaardii kana bal'inaan arguuf jirraa?

Biyyi Porchugaal kaardii kana kan ifa taasifte ispoortii keessa ‘naamusa fooyyessuufi'. Sochiiwwan kaan naamusa foyyeessuuf yaadamaniis jiru.

Murteen kunis Federeeshinii Kubbaa Miilaa Porchugaaliin hojiirra oolaa jira.

Murteessaan jalqabaa kaardii kana ol kaasanii mul’isan Kataariinaa Kaampos jedhamu

Kaardichi kan kenname erga deeggaraan tokko of wallaalee kufee booda ogeeyyiin fayyaa kilaboota lamaanirraa fiiganii gargaaruf sosso’an boodadha.

Deeggartoonni dirree Estadio da Luz, Liizban keessa turan murtee kanaan gammachuu ibsan, jajanis.

Ammatti biyyoonni kaan kaardii kana itti fayyadamuuf jechuun isaanii hin beekamu.

Kubbaa miilaa keessatti yeroo yerootti wantooti haaraa beeksifaman ni jiru.

Fakkeenyaaf Waancaa Addunyaa Kataar irratti yeroon dabalataa tapha idilee booda akka dheeratu ta’eera.

Kunis yeroo taphattoonni miidhaman, taphatoonni galchanii gammachuu yeroo ibsan, jijjiirraan yeroo taasifamu, kaardiin yeroo kennamuufi VAR ilaaluuf yeroo gubatu waliin wal qabateeti.