Maanchister Siitiin seera faayinaansii cabsuun himatame

Bulchiinsi Piriimer Liigii Ingilizii Maanchister Siitiin seera faayinaansii isaa 100 ol cabse jechuun himate.

Piriimer Liigiin dhimma kana waggoota afuriif qorachaa ture.

Maanchister Siitiin bara 2009 hanga 2018 gidduu seera faayinaansii cabse jechuun qaamni walabaa akka qoratuuf kennamee ture.

Qaamni Piriimer Liigii bulchi Maanchister Siitiin erga bara 2018 qorannichi jalqabee deeggarsa gochaa hin turre jechuunis himateera.

Erga bara 2008 aabbootiin qabeneyaa Abu Daabii [Abu Dhabi United Group] jedhaman Maanchister Siitii bitanii as waancaa Piriimer Liigii jaha mo’ataniiru.

Komishinichi balleessaa yoo irratti argate kilabicha maallaqaan, qabxii irraa hir’isuu fi dorgommii Piriimer Liigii keessaa baasuutiin adabauu danda’a.

Piriimer Liigiin Ibsa baaseen Maanchister Siitiin odeeffanno faayinaansii sirrii tahee fi human faayinaansii kilabichaa sirrii tahe agarsiisu’’ kennuu irratti seera cabseera jedhe.

Odeeffannoon kun galii ispoonseraa fi baasii isaa dabalatee galii kilabichaa waliigalaa kana garsiisudha.

Seerri kilabichi cabse kan biraan ammoo kaffaaltii leenjisaf kaffalaaa ture ilaalchiseeti.

Kunis kan bara 2009-10 fi 2012-13 yeroo Roobertoo Maanchiiniin leenjisaa kilabichaa turanii fi kaffaltii taphattootaaf bara 2010-11 fi 2015-16 kaffalamaa ture waliin wal qabata.

Akkasumas Maan Siitiin ittiin bulmaata Federeeshinii Kubba Miilaa Awurooppaa [Uefa] cabsuun himatameera.

Bara 2020 qaamni kubba miilaa Awurooppaa bulchu Maanchister Siitiin seera baasii fi galii [Financial Fair Play] cabseera jedhe.

Haa tahu malee, dhorkaan wagga lamaaf dorgommii waancaa Awurooppaa keessaa akka bahu murtaa’e Mana Murtii Ijibbaataa Ispoortii [Court of Arbitration for Sport (Cas)] kufaa gochuun Maan Siitiin dorgommicha keessatti hirmaataa jira.

Uefa’n qorannoo kana kan jalqabe erga gaazexaan biyya Jarman Der Spiegel raqaawwan dhoksaan bahan argadhe jechuun kilabichi galii ispoonsera isaa olkaaseera jechuun maxxanseeti.

Bu’aan qorannoo komishinichaa nama Muuree Roozen jedhamuun kan durfamu yoo tahu, icciitiin kan qabamuu fi balbala cufaatti kan dhagahamu taha.

Kilabichi garuu himata kana irratti ammatti deebii hin kennine.