Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biiliyanarri Naayijeeriyaa kilaba Ingiliiz bituuf fiixeerra gahan
Biiliyanarri lammii Naayijeeriyaa Doozii Maamoboowusii kilaba kubbaa miilaa Ingiliiz liigii lammaffaa irratti taphachaa jiru Shefiild Yuunaayitid bituuf fiixeerra gahaniiru.
Abbaa qabeenyaa kilaba kanaa kan tahan lammiin Saa'udii, Ilmi Mootii Abdullaa gurgurtaa kilaba kanaa irratti tujaara Naayijeeriyaa Doozii wajjin marii isa dhumaa gochaa akka jiran maddeen BBC'tti himaniiru.
Dooziin hundeessaafi hogganaa olaanaa dhaabbata teekinolojii Tiingoo jedhamuu yoo ta'an kilaba kana bituuf gara xumuraarra kan gahan, daldalaan lammii Ameerikaa kilabicha bituuf ji'a saddeetiin dura tattaaffiin taasisan hin milkaa'in hafuun boodadha.
Dureessi Naayijeeriyaa kuni hojii teeknolojii qonnaa fi faayinaansii irratti kan bobba'an yoo tahu, qabeenyi isaanis doolaara biiliyoona 7.6tti tilmaamama.
Namni ganna 43 kun Shefiild Yuunaayitid bituuf abbaa qabeenyaafi daarektara irraa kilabicharraa eeyyama yoo argatan doolaara miiliyoona 108 baasuun kilabicha kan ofii godhatu.
Lammiilee Afrikaa fi kilaboota Ingiliiz
Dooziin Sheefiild bituun yoo milkaa'eef lammiilee Afrikaa kilaba Ingiliiz bitan tarree hiriiru.
Afrikaa irraa kilaboota Ingiliiz bituunis tahe bulchuun lammiilee Masriitu dursa.
Lammiin Masrii Naziif Saawiiriis pireezidantii kilaba Astan Viilaa yoo ta'an abbootii qabeenyaa kilabichaa keessaa tokko dha.
Akkasuma lammii Morokoo kan tahan Abdallaa Leemsaagaanis bara 2018 hanga 2022tti abbaa qabeenyaa kilaba Aldihaam Atileetiik kan liigii shanaffaa keessatti taphatuu turan.
Afrikaa Kibbaarraa immoo Geerii Osoo abbootii qabeenyaa Istoon Yuunaayitid keessaa tokko dha.
Lammiin Masrii baatii muraasa dura lubbuun isaanii darbe Aseem Alaamis Haal Siitii dhaan bara 2010tti bitanii turan.
Aseem kilabicha gara piriimiyar liigiitti guddisuun dura tapha waancaa FA Cup dhaaf qaqqabsiisanii turan.
Mohaammad Al-fayiid kan jedhaman lammiin Masrii biraa ammoo bara 1997 Fuulhaamiin doolaara miiliyoona 30'n bitanii turan.
Kilabichis baasii isa barbaachisu guuttatee gara piriimiyarliigiitti akka guddatuu godhaniitu turan.