Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaardiyoolaa waliin morkachuun hiriyummaa keenya hin miidhu - Arteettaa
Leenjisaan Kilaba kubbaa miilaa Arsenaal Maayikil Arteettaa dursaan Maanchistar Siitii Peep Gaardiyoolaan oolmaa guddaa akka ooleef dubbate.
Tapha dorgommii waancaa FA Jimaata galgala Siitii waliin taphatan ilaalchisuun kan dubbate Arteettaan, ''dorgommiin kun michummaa keenya hin jijjiiru,'' jedhe.
''Peep Gaardiyoolaa irratti olaantummaa argadhee tapha Piriimiyer Liigii Ingiliiz osoon xumuruu baadhee wayya,'' jechuunis dubbate Arteettaan.
Leenjistoonni dorgommii keessatti adeemsa milkiirra jiran lameen lammii Ispeen yoo ta'an, lamaanuu Maanchistar Siitii keessatti leenjistoota ta'anii waliin hojjetaniiru.
Arteettaan gargaaraa leenjisaa yeroo ammaa Maanchistar Siitii kan ta'e Peep Gaardiyoolaa ta'uun takka erga hojjetee booda bara 2019 leenjisummaan mataasaa danda'ee Arsenaal seene.
Arsenaal yeroo ammaa taphni tokko osoo isa hafuu, lammaffaarra kan jiru Siitii qabxii shaniin caalee tokkoffaarra jira.
Bara 2004 osoo hin mo'amin erga waancaa nyaatanii booda yeroo jalqabaaf bara kana liigicha dursuun abdii waancaa horatan.
''Miira keessummaa ta'etu natti dhagahama,'' jedhe Arteettaan haala Arsenaal bara kanaarratti.
Arteettaan wayita Siitii keessatti gargaaraa leenjisaa ture waancaa Piriimer Liigii lama, FA tokkoo fi EFL lama nyaateera.
''Carraa gaariin akka isa mudatun hawwa, dhugaadhumaan. Nama akkasii waliin wayita walmorkattu miira addaa namatti uuma,'' jedhe Arteettaan.
Arteettaan michuusaa waliin morkachuun akka itti ulfaatu haa ibsuyyuu malee, akkaataa kilabiin isaa- Arsenaal waancaa harka galfachuuf Maanchistar Siitiidhaan dorgomaa jirutti guddoo boonuu himeera.
''Taateen kun akka mudatu abdiidhaan eegaan ture, amma bara kana kunoo ta'aa jira,'' jedhe taphataan sarara gidduu duraanii Arsenaal, namni umrii waggaa 40 Arteettaan.
''Kunimmoo hiriyummaa keenya hin jijjiiru. Taateewwan waliin dabarsine, qoodi olaanaan inni jiruu kiyya keessatti qabu yoomuu hin geeddaramu,'' jedhe.
Tapha jalqabaarraa eegallee lamaan keenyayyuu kilabicha dursuuf morkanna kan jedhe Arteettaan, ''dhugaa dubbachuuf osoon morkii akkanaa isa waliin taasisuu baadhee natti tola,'' jedhe.
Arsenaal Jimaata galgala tapha waancaa FA marsaa Afuraffaaf Siitii waliin walarguuf jira, taphoota Piriimer Liigii waliin qaban lama dabalatee yeroo sadi walarguuf jiru jechuudha.
Arsenaal tapha qormaata itti ta'a jedhamu Siitii waliin yeroo lama gaafa Guraandhala 15 fi Ebla 26, 2023 qaba.
Arteettaan Arsenaal hoogganuu erga eegalee bara 2019-20tti waancaa FA 14ffaa Arsenaal waliin argateera.
Dirree Itihaad irratti Siitii waliin walarguun ammoo seena qabeessa jedhe.
''Dorgommiin kun nuuf akkaan bu'a qabeessa. Seenaa hedduun walitti hidhata. Egeree keenya murteessuu keessatti qooda guddaa qaba,'' jedhe Arteettaan.