Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arsenal waggaa saddeet booda darbii Landan dirreen ala injifatee deeggartoota waancaa abdachiise
Taphni darbii Landan bara kana Arsenaal liigichi torbanoota hedduuf osoo wal-irraa hin citiin wayita dursaa jirutti ta'uun isaa masaanuu isaa Tootanhaamiin dirree isaatti injifachuutti ida'amee miira addaa deeggartootatti uumeera.
Daqiiqaa 14'ffaa irratti kubbaa Saakaan dhiite goolii eegaan Tootenhaam Looriis nan qoladhaatti ofirratti lakkoofsise fi gooliin bareedduun Odegaard daqiiqaa 36'ffaatti gafeenyarraa lakkoofsise Arsenaal goolii 2-0 akka injifatu gargaare.
Kana jechuun Arsenaal garaagartummaa qabxii saddeetiin liigichi akka dursu hiree uuma.
Injifannoo darbii dirree masaanuutti waggaa saddeet booda argameedhas.
Walakkeessa bara dorgommii kanaatti gahumsa agarsiisaa jiruufi qabxii sassaabbateen gareen Maayikil Arteettaa waancicha akka injifatu amantaa guutuu qabaachaa hin jiru yoo ta'e yoomuu hin injifatu jedhu xiinxaltootni Phil McNulty.
Injifannoo Ispaars irratti goonfatan taphni xumuramee gammachuun ibsuu dura jifataan Isparsiifi goolii eegaan Arsenaal Raamsdeel walitti bu'uu booda Raamsdeel deeggartoota masaanuun lolamee jeequmsi xiqqaan dhalatee ture.
Arteettaan akkuma ta'ettii taphattootaa isaanii iddoo jeeqamee baasanii qarqara deeggartootni isaanii jiranitti guuruun injifannoo isaanii ibsaniiru.
Gochaa deeggaraan karra eegaa Arsenaal kana irratti raawwates Tootenhaam balaaleffachuun qoratee akka tarkaanfii irratti fudhatus beeksiseera.
Waldaan Taphattootaas dhimicha ilaalchisuun ibsa baaseen, gochi kun faallaa ispoortiidha jechuun tarkaanfiin barbaachisu akka fudhatamuuf gaafateera.
Gahumsiifi qabxiin Arsenaal dorgommiiwwan 18 daraban irratti agarsiise ofitti amanamummaan garee Arsenaal dabalaa adeemuu agarsiisa jedha Phil McNulty.
Gahumsa walqabataa itti fufiinsa qabu agarsiisaa kan jiru Arsenaal torbee dhuftummoo akkasuma torbanoota darban of barbaadee gahumsa isaa sirriitti kan deebi'e Maanchistar Yunaayitidiin keessummeessa.
Hiree liigii Ingiliz bara kanaa murteessuuf ammallee tapha walakkaa ol ta'utu hafa, kana gidduuttii wanti hin ta'u jedhamu hin jiru. garuu ammoo haala amma jiruun shaampiyoonaan bara darbee Siitiin gahumsa isaa dhabee jira, Liivarpuul akka hin taane ta'eera, Chelsiin ce'uumsa guufuun guute keessa jira.
Siitiin dafee gahumsa isaatti yoo deebi'e, Yunaayitiid akka amma of ijaaraa jirutti yoo itti fufee fi gahumsi addaa bara kanaa Niiwkaastil yoo hammaatte Arsenaal xiqqo yaaddahuun isaa hin oolu.
Kanaan achi garuu bara 2003/04 booda yeroo duraaf Piriimiyeer Liigicha injifachuuf abdii guddaatu jira.
Arsenaal Abdii guddaa kana galmaan gahuuf wantoota gochuu qabu keessaa tokko tibba jijjiirraa taphattootaa kanatti jifataa fi taphataa sarara gidduu jabaa barbaaddachudha.
Taphataan kilaba Shaaktaar Doneesk Mykhailo Mudryk, Kaaba Landan qubachuufi osoo jedhamuu harkaa bahee Istaanfoord Biriij gale.
Siitii irraa gara Landan kan dhufe Jiisas miidhama yeroo dheeraarra jiraachuun Arsenaal jifataa bakka isaa bu'u atattamatti akka barbaadu sababa ta'a.