Jilli atileetota dhalattoota Tigraay Atileet Daraartuu Tulluun durfamu Maqalee seene

Jilli atileetota dhalattoota Tigraay ta’an keessatti argaman Pirezidantii Atileetiksii Federeeshinii Itoophiyaa Gargaartuu Komishinaraa Daraartuu Tulluutiin dufamu Maqalee gale.

Kaayyoon jilli kun gara magaalaa guddoo Tigraay, Maqaleetti imaleef atileetotaafi leenjistoota sadarkaa waltajjii idil-addunyaatti biyya bakka bu’uun dorgomaa turan, sababa waraana Kaaba Itoophiyaa tureen maatii isaaniirraa addaan citanii turan waliin walitti fiduuf akka ta’e, Atileetiksii Federeeshinii Itoophiyaa beeksiseera.

Atileetotaafi leenjistoota naannoo Tigraayiin alatti miseensonni hoji-raawwachiistuu Atileetiksii Federeeshinii Itoophiyaafi itti-gaafatamtoonni qajeelcha gara garaa jila kana keessatti akka argaman gabaafameera.

Jilli kun guyyaa tokkoof Maqalee akka turu kan himame yoo ta’u, atileetonni achi turanis ni jiraatu jedhameera.

Pireezidantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Daraartuu Tulluu kanaan duraatileetota 'Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa18ffaa' irratti Itoophiyaan olaantummaan akka xumurtuuf ga'ee olaanaa gumaachaniif badhaasa qophaa'erratti waraanni akka dhaabbatu cimsitee gaafattee turte.

"Tigraay kaleessas, har'as, boris qaamuma Itoophiyaati. Adaraa keessan yaa hooggantoota keenyaa! Fayyadamtanii osoo hin taane miidhamaatii Itoophiyaa tokko godhaa!'' jechuun dhaamsa dabarsite.

Daraartuun dabaluun, ''Abbootii fi harmootiin Tigraay, abbootii fi harmootii keenya. Bor guyyaa biraa akka ta'u ammoo mirkana. Itoophiyaan araaramtee tokko taatee ni dhaabbatti,'' jette.

Atileetonni dorgommii kanarratti hirmaatanii qabxii boonsaa galmeessan sababa waraana Tigraay qormaata keessa galuu kan himte Daraartuun, atileetotaannis, ''jabaadhaa, isinitti hin dhagahamin, borimmoo guyyaa biraadha,'' jetteen.

''Qormaata hedduu keessa darbuun alaabaa Itoophiyaa olkaasuu keessaniif hedduu galatoomaa!'' jechuun jajjabeessite.

Dorgommii kana irratti atileetota Itoophiyaaf meedaaliyaa warqee dabalatee kaanis injifatan keessa atileetotni dhalattoota Tigraay hedduu turan.

Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 2022 Ameerikaa Oregoonitti taasifame irratti warqee 4, meetii 4 fi nahaasa 2 walumaagalatti meedaaliya 10 argachuun Ameerikaatti aantee sadarkaa lammataan xumurte.

Seenaa dorgommichaa keessatti Itoophiyaan qabxii olaanaa akkanaa yoo argattu kun yeroo jalqabaatiifi.

Warqee Itoophiyaan argatte afur keessa sadi kan fidan atileetota dhalattoota Tigraay ta'anidha.

Atileetonni kunneen maatii isaanii arguu akka danda'an bulchiinsi Tigraay akkasumas mootummaan federaalaa haala akka mijeessan gaafattee turte Daraartuun.

Pireezidantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Gargaartuu Komishinaraa Daraartuu Tulluu atileetonni Tigraayitti hafan dorgommii itti aanurrattu hirmaachuu akka danda'an haalli akka mijatuufis cimstee gaafatte.

Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa Ameerikaa, Oreegonitti adeemsifame irratti shaampiyoonaa addunyaa kan ta’an atileetonni dhalattoota naannoo Tigraayis nagaan bu’ee maatii isaanii waliin wal arguu akka hawwan ibsaa turan.