'Wanti hundi nagaa ta'ee, abbaafi haatikoos ni gammadu jedheen amana' - Atileet Goyitatoom

Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa Ameerikaa, Origanitti adeemsifamaa jiru irratti fiigicha maaratooniin shaampiyoonaa addunyaa kan taate atileet Goyitetoom Gabrasillaasee nagaan akka jiraatu hawwii qabdu ibsatte.

Atileet Goyitetoom maratoonii kana sa’aatii 2:18:11 xumuruun rikoordii dorgomichaa kan fooyyissite yoo ta'u, Itoophiyaaf warqee sadaffaa argamsiisteetti.

Atileetiin Keeniyaa Judiit Koriir lamaffaa, atileetiin Israa'el dhalattuu Keeniyaa taate Loonaa Saalpeter ammoo sadaffaa bahuun xumuraniiru.

Atileet Goyitetoom injifannoo ishee booda yaada BBCf kenniteen hedduu gammaduu himte.

"Dorgommichi baay'ee gaarii ture, morkii cimaatu nu lamaan jidduu ture. Ani kiiloomeetira 40 irratti bahuuf ture yaadni koo, sanuman raawwadhe," jette.

Atileetonni Keeniyaa cimoo ta'uu isaanii kan himte Goyitetoom, cimtee hojjachuu ishiitiin irra aanuu akka dandeesse himteetti.

Shaampiyoonshiippii Addunyaa irratti hirmaachuun ishiif "waan guddaa" ta'uu kan himte atileet Gooyitetoom, "wanti hundi nagaa ta'ee akkuman ani gammade haatii fi abbaan koos ni gammadu jedheen abdadha" jette.

Dhalattuu naannoo Itoophiyaa baatilee 20f waraanaan hunkuraamaa turte Tigraay kan taate atileetitiin kun wayita haadhaa fi abbaa ishii kaaftu miira ishii to'achuu dadhabuun boosse.

Dorgommiiwwan biroo Wiixata obboroo adeemsifamaniin Lammeechaa Girmaafi Gudaaf Tsaggaay medaaliyaa meetii lama biyyaaf gonfataniiru.

Lammeechaa Girmaa fiigicha gufachiisaa meetira 3000n lammaffaa yoo bahu, Gudaaf Tsaggaaf ammoo fiigicha meetira 1500n lammaffaa baate.

Lammeechaa Girmaan immoo 3000m gufachiisaa dhiiraan lammaffaa bahuun medaaliyaa shaampiyoonaa Dohaatti argate lammeeffateera.

Itoophiyaan Shaampiyoonii atileetiksii Addunyaa 18ffaa Ameerikaa Oregoonitti gaggeeffamaa jiru irratti walumaagalatti meedaaliyaa warqee sadii fi meetii sadiin Ameerikaatti aanuun sadarkaa lammaffaarra jirti.

Meedaaliyaawwan Warqee lama maraatoonii dhiirotaan Taammiraat Tolaa fi fiigicha meetira 10,000 dubartootaan atileet Lattasanbat Giidayitu argamsiise.

Meetii tokko ammoo Maaraatoonii dhiirootaan lammaffaa bahuun biyyaaf kan fide atileet Moosinnat Garramawudha.

Guyyaa har’aa dorgommiin tokko atileetiin Itoophiyaa keessatti hirmaatu ni taasifama.

Akka sa’aatii Oregan galgala sa’aatii tokkoofi walakkaatti 1500m dhiiraan atileet Taaddasa Lammii ni dorgoma.

Atileetii Noorway fageenyichaan Olompikii irratti warqii mo’ate Jakob Ingebrigtsen, akkasumas atileetota Keeniyaafi kaanirraa morkiin cimaa isa eeggata.