Itoophiyaan warqee sadiin Shaampiyoonsii Atileetiksii Addunyaa 18ffan lammaffaarra jirti

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa Ameerikaa Oreganitti adeemsifamaa jiruun warqee sadiifi meetii tokko argachuun addunyaa irratti lamaffaarra jirti.

Itoophiyaan medaaliyaa ammatti qabduun Ameerikaatti aantee sadarkaa lammataarra jirti.

warqee Itoophityaan argatte fiigicha fageenya meetira 10,000 dubartootaa Lattasanbat Giday, maraatoonii dhiirotaan Taammiraat Tolaafi maraatoonii dubartootaa atileet Gotetoom Gabrasillaasee argamsiisaniinidha.

Kanneen keessaa fiigicha gufachiisaa 3000m’n seenaa kana dura hin turre kan galmeesse Lammeechaa Girmaa fi dorgomtoonni kaan ni hirmaatu.

Dorgommiin biroo Itoophiyaan warqii irraa eegdus ni jiru.

Cheptegeyiin seenaa Hayilee, Qananiisaa qooddate

Dorgommii 10,000m dhiiraa akka Itoophiyaatti Dilbata halkan sa'aatii shan irraa eegalee dorgomameen atileetonni Itoophiyaa hin milkaa’in hafaniiru.

Atileetiin Yugaandaafi abbaan rikardii addunyaa Jooshuwaa Cheptegeyi 27:27:43 dhaan xumuruun seenaa kana dura atileetonni Itoophiyaa dalagan galmesseera.

Kana dura Hayilee G/Sillaasee, Qananiisaa Baqqalaafi atileetii UK Mohaammad Faarahitu shaampiyoonaa lama walitti aansuun fageenyichaan kan injifatan.

Chepteegeyiin wagga sadii dura shaampiyoonaa atileetiksii Addunyaa Dohaa dorgomameerrattis Yoomiif Qajeelchaa of duuba aansuun injifatee ture.

Olompika bara darbe Tookiyootti dorgomameen garuu atileetii Itoophiyaa Salamoon Baaraggaan caalamee warqii dhabe. Amma isa deeffate.

Dorgommii kaleessaan Cheptegeetti aanee atileetiin Keeniyaa Sitaanilii Miburuu meetii argate. Atileetiin Yugaandaa biraa Jaakon Kiplimoo nahaasa argate.

Morkii cimaa taasisuus, atileet Salamoon Baaraggaa shanaffaan xumure.

‘’Ameerikaatti deebi’anii dhufanii dorgomuun anaaf miira addaa qaba,’’ jechuun Atileetiksii Addunyaaf hime.

Bara 2014 dorgommii isaa idil-addunyaa Ameerikaatti isa eegale yaadachiisuun.

‘’Kuni anaaf waan guddaadha. Fiigicha fageenya dheeraa irratti olaantummaakoo itti fufsiisuun barbaada,’’ jechuun hime.

Atileetiin Itoophiyaa yeroo xumuraaf Shaampiyoonaa Addunyaa irratti 10,000m warqii injifate Ibraahim Jeeyilaanidha. Kunis waggoota 11 dura bara 2011 ture.

Eegasii atileetiin Itoophiyaa fageenya 10,000m'n shaampiyoonaa ta’e hin jiru.

Fiigicha 5000m fi 10,000m’n abbaan rikardii addunyaa Chepteegeyiin akkuma Salamoon Baaraggaa fiigichaa 5000m irrattis akka hirmaatu hime.

Har’a maaltu eegama?

Gulaallii 1,500m dhiiraan gulaallii lammataa adeemsifameen Atileet Saamu’el Tafarraa fiigicha xumuraaf osoo hin darbiin hafeera.

Saamu’el Shaampiyoonaa Atileetiksii Mana Keessaa Beelgireeditti barana taasifameen shaampiyoonaa addunyaa ture.

Ramaddii lammataa keessaa garuu Atileet Taaddasaa Lammii dorgommii Kibxata boru taasifamuuf darbeera.

Shaampiyoonaa 17ffaa Dohaa dorgomameerratti shaampiyoonaa kan turte atileetiin Keeniyaa Ruth Chepngetich ni dorgomti.

Atileetonni Itoophiyaa atileetota Keeniyaafi kaanirraa morkiin cimaan isaan eeggata. Dhiirotaan atileetonni Itoophiyaa shaampiyoonaa Dohaattis, Oreganittiis milkaa’aniiru.

Fiigichi xumuraa 3000m gufachiisaa dhiiraas ni taasifama. Itoophiyaarraa Lammeechaa Girmaa, Geetinnat Waalefi Haayilamaariyaam Amaara ni hirmaatu.

Sadanuu gulaallii darbanii xumuraaf gahan.

Lammeechaan shaampiyoonaa bara 2019 Dohaa dorgomameerratti medaaliyaa meetii argatee ture.

Eegasii Olompikii Tookiyoo gubbaas waggoota 41 booda fageenyichaan medaaliyaa argamsiisuun biyyaaf seenaa dalage.

Fageenyichaan atileetiin Morokoo Olompika Riyootti Lammeechaa dursuun xumure SoufianeEl Bakkali fi atileetota Keeniyaa dabalatee morkiin cimaa ni taasifama.

Dorgommiin 1500m dubartootaas har’a dorgomama. Atileet Gudaaf Tsaggaay, Firewaynii Hayiluufi Hiruut Mashashaa ni hirmaatu.

Sadanuu gulaallii ga'umsaan darbanii xumuraaf gahan.

Atileetiin Keeniyaa Feeyiz Kipyegoon Olompika irratti warqii gonfatte morkattuu cimtu warra ta'an keessaati.

Abbaan rikardii 1500m mana keessaa Atileet Gudaaf Tsaggaay Olompikii Tookiyootti 5000m dubartootaan medaaliyaa maaldaa [nahaasii] biyyaaf argamsiistee turte.

Dorgommiiwwan 1500m dubartootaafi 3000m gufachiisaa dhiiraan akka sa’aatii Itoophiyaatti halkan Wiixataa kan Kibxataaf bari’utti dorgomama. Ameerikaatti garuu Wiixata galgala ta’a.

Yeroon Oregan Itoophiyaarraa sa’aatii 10 duubatti hafa.

Itoophiyaan medaaliyaan lammaffaarra jirti

Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 18ffaa gaafa Jimaata darbe eegale. Dorgommii hanga ammaa dorgomameen medaaliyaa argatteen Ameerikaan dursaa jirti.

Itoophiyaan Warqii lamaafi meetii tokkoon lammaffaadha. Sadarkaan biyyoonni argatan kan tokkoo hanga sadii bahan qofaan miti.

Hanga saddeet xumuruun qabxii argamsiisu qaba. Kanatu walitti ida’amee dorgomii hanga ammaa jiruun Itoophiyaan sadarkaa lammaffaa akka qabattu taasise.