Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Atileet Taammiraat Tolaa maaraatooniin shaampiyoonaa addunyaa ta’e
Atileetiin Itoophiyaa Taammiraat Tolaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa dorgomamaa jiruun maaraatoonii dhiiraan riikardii cabsuun injifate.
Atileetiin kuni atileetota kaanirraa 32km irratti adda bahuun sa’aatii 2:05:36’n xumuruun mo’ate.
Kana dura fageenyichaan shaampiyoonaarratti abbaa rikardii kan ture atileetii Keeniyaa Abeel Kiruuyiidha. Innis bara 2009’tti ture 2:06:54 kan galmeesse.
Taammiraatitti aanee atileetiin Itoophiyaa biraa Moosinnat Garramaw lammaffaa bahuun meetii argate.
Atileetiin Belejiyeemiif fiigu Bashiir Abdii sadaffaan xumure.
Itoophiyaan yeroo lammaaffaafi walitti aansuun Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti maaraatooniin 1- 2 bahuun kan injifatte.
‘’Warqii argachuukootiin baay’ee gammadeera,’’ jechuun dorgommii booda BBC’tti hime. ‘’Baay’ee gammadeera. Ummannikoos naaf gammadeera.’’
Kana dura Taammiraat shaampiyoonaa bara 2017 Landan qophaa’erratti maaraatooniin lammaffaa bahee ture.
‘’Yeroo sanatti teknikiin koo gaarii hin turre. Amma jijjiireera,’’ jechuun hime.
Olompikii 2016 Riyoo dorgomameerrattimmoo 10,000m’n nahaasa argateera.
Morkattuun Itoophiyaafi atileetiin ishee tokko qoricha si'eessuun dorgommiirraa haqame, Keeniyaan, dorgommii kana irratti medaaliyaa hin arganne.
Dorgommii maraatoonii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa kana irratti Atileet Leellisaa Deesisaa, Atileet Mossinnat Garramaw, Atileet Sayifuu Turaafi Taammiraat Tolaa turan Itoophiyaarraa kan hirmaatan.
Sayifuun jahaffaan yoo xumuru, Leellisaan 29km irratti dorgommii adda kutee bahe.
Leellisaan bara 2019 dorgommii Dohaa qilleensa ho'aa qabdu keessatti dorgomameen shaampiyoonaa addunyaa ture.
Mosinnat kana duras shaampiyoonaa 17ffaarratti Leellisaatti aanuun lammaffaa bahuun xumuree ture.
Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa Ameerikaa, Oreeganitti gaggeeffamaa jiruun hanga ammaatti warqee lama argatteetti.
Dorgommii dubartootaa fiigicha fageenya meetira 10,000tiin gaafa Sambataa Atileet Lattasanbat Giday daqiiqaa 30.09.94'tiin xumuruun medaaliyaa Warqee Itoophiyaaf argamsiifteetti.
Dilbata galgala dorgommii 10,000m dhiiraan dorgomameen garuu atileetonni Itoophiyaa hin milkoofne.
Dorgommii kanarratti Salamoon Baaraggaa, Barrihuu Aragaawwiifi Taaddasaa Warquutu hirmaate.
Atileetiin Yugaandaafi abbaan rikardii addunyaa Jooshuwaa Cheptegeyi 27:27:43 dhaan xumuruun seenaa kana dura atileetonni Itoophiyaa dalagan galmesseera.
Kana dura Hayilee G/Sillaasee, Qananiisaa Baqqalaafi atileetii UK Mohaammad Faarahitu shaampiyoonaa lama walitti aansuun fageenyichaan kan injifatan.
Dorgommii kaleessaan Cheptegeetti aanee atileetiin Keeniyaa Sitaanilii Miburuu meetii argate.
Atileetiin Yugaandaa biraa Jaakon Kiplimoo nahaasa argate. Morkii cimaa taasisuus, atileet Salamoon Baaraggaa shanaffaan xumure.
Salamoon atileetii waggaa darbe Olompikii irratti fageenyichaan warqii takkittii Itoophiyaan argatte kan galmeessisedha.