Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammeechaa fi Gudaaf Itoophiyaaf medaaliyaa dabalataa fidan
Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa Ameerikaatti dorgomamaa jiruun Lammeechaa Girmaafi Gudaaf Tsaggaay medaaliyaa meetii biyya gonfataniiru.
Atileetonni lamaanuu atileetota Olompikarratti fageenyichaan injifataniin warqii dhaban.
Keeniyaan warqii jalqabaa dorgommii argatteerratti atileet Gudaaf Tasaggaay 1500m dubartootaan Itoophiyaaf medaaliyaa meetii fiddeetti.
Dorgommii kana atileetiin Keeniyaa Feeyiz Kipyegoon 3:52:96’n injifatte. Atileetiin UK Laawuraa Muwiir immoo nahaasa argatte.
Atileetiin Itoophiyaa biroo Firewaynii Hayiluu immoo afraffaan yoo xumurtu, Hiruut Mashashaanis hirmaatteetti.
Lammeechaa Girmaan immoo 3000m gufachiisaa dhiiraan lammaffaa bahuun medaaliyaa shaampiyoonaa Dohaatti argate lammeeffateera.
Bara 2019’tti Lammeechaan fageenya atileetonni Keeniyaa ittiin beekaman kanaan medaaliyaa meetii argatee ture. Olompika Riyoo gubbaas meetii gonfate.
Dorgommicha atileetiin Morookoo Olompikarrattis injifatee ture, Soufiane El Bakkali, injifannoon xumuree shaampiyoonaa addunyaa ta’eera.
Atileetiin Keeniyaa Conseslus Kipruto sadaffaa bahuun nahaasa argate.
Atileetota Itoophiyaa biraa Geetinnat Waala afraffaa yoo bahu, Haayilmaariyaam Amaara 10ffaan xumure.
Dorgommiiwwan lamaan akka sa’aatii Itoophiyaatti Wiixata obboroo kan Kibxatatti bari’utti gaggeeffaman.
Itoophiyaan dorgommii hanga ammaa taasifameen warqii sadiifi meetii sadiin Ameerikaatti aantee sadarkaa lammaffaarra jirti.
Guyyaa har’aa dorgommiin tokko atileetiin Itoophiyaa keessatti hirmaatu ni taasifama.
Akka sa’aatii Oregan galgala sa’aatii tokkoofi walakkaatti 1500m dhiiraan atileet Taaddasa Lammii ni dorgoma.
Atileetii Noorway fageenyichaan Olompikii irratti warqii mo’ate JakobIngebrigtsen, akkasumas atileetota Keeniyaafi kaanirraa morkiin cimaa isa eeggata.