Olaantummaa Manchistar Yunaayid Ronaaldoo booda, yaaddoo Liivarpuul fi kaan

Onkoloolessa darbe wayita Chaampiyoonaa bara darbee Manchistar Siitiidhaan guddoo reebaman ijoolleensaanii akka waan mana barumsaa galteetti fudhatanii turan, leenjisaan Manchistar Yunaayitid Erik Ten Hag.

Alana garuu ofiis baratanii Siitiis barsiisan.

Piriimiyer Liigii bara kanaa keessatti Manchistar Yunaayitid kilaboota jajjaboo akka Arsenaal, Tootanhaam fi Liivarpuul injifateera.

Hunda caalaa Darbiisaa kan ta'e Manchistar Siitii mo'achuunsaa ammoo hamilee kilabichaa guddoo kan olkaasee fi milkaa'ina bara Erik Ten Hag argame isa murteessaadha.

Onkoloolessa darbe Siitiin 6 fi 3n Yunaayitidiin mo'ate, amma dubbiin garagalee gareen taphattoota fagootti sodaataman- Erliingi Halaand fi Keviin Diburuuyinaa of keessaa qabu 2 fi 1n injifatameera.

Gareen Piriimiyer Liigii ingilizii keessatti maqaa guddaa qabu dhabee yeroo dheeraaf ture Manchistar Yunaayitid amma waan iddoosaatti deebi'aa jiru fakkaata.

Injifannoo kaleessa galgalaa booda gammachuun turee fi miirri Erik Ten Hag irraa mul'atu, garecha iddoosaa duraatti deebisuuf kutannoo jiru agarsiisa.

Leenjisaan kun akkuma gara Yunaayitid dhufaniin garechi Biraayitaniin isa booda Bireentifoordiin injifatamee hamileen isa bu'e.

Erik Ten Hag taphattoota leenjisaniinillee guddoo qoramaniiru. Taphataa gameessi addunyaa Kiristaanoo Ronaaldoon Madriid irraa gara kilabasaa ganamaatti wayita deebi'u akkaan abdatamee ture.

Garuu faallaa sanaa kilabichi irruma caalaa dadhabaa deeme. Wayita inni ajajamuu didee boodarras osoo taphi hin xumuramin dirreedhaa ba'ee deeme Erik Ten Hag eenyu akka itti gaafatamu bareechanii beeku turan.

Taphataa saafila garechi abdatu Maarkus Raashfoordi waliinis walitti bu'aniiru.

Leenjisichi Raashfoordi adabuurraa garuu taphatichuma mataasaatu fayyadame.

Kaleessa galgala goolii mo'icha gareesaaf gumaache dabalatee hanga ammaatti taphoota torba darban hirmaaterratti walumaa galatti goolii saddeet qaba.

Taphoota dirree Ooldi Tiraafoord irratti taphata sagal darban hundarrattis goolii galchuun erga bara 2000 Teddy Sheringham seenaa hojjetee as nama jalqabaa ta'eera.

Taphataan Manchistar Siitiin goolii hedduu lakkoofsisa jedhee abdatu Erliing Halaand kaleessa goolii galchuun hafee, naannawa manii Manchistar Yunaayitiditti yeroo shan qofa kubbaa tuqe.

Guyyaan kun isaaf guyyaa carraan irraa fagaate jedhameera.

Liivarpuul erga bara 2015 Yargan Kiloop argatee as akkana ta'ee hin beeku. Tapha bara kanaarratti muraasa mo'ate, hedduu mo'ame, qabxii xiqqoo qaba, kilaboonni ciccimoon isa waliin toora tokko turan guddoo irraa fagaataniiru.

Bara kana hanga yoonaa qabxii 26 gataniiru, kunimmoo kan bara 2021/22 tapha guutuurraatti dhaban ammumaan qabxii afuriin caaleera.

Tapha 18ffaarratti qabxii hanga kana gatuun kilabichaaf yaaddoo guddaadha.

Liivarpuul taphataa gameessa Koodii Gaakpoo Mohammad Saalaa faana fuuldura hiriirsisee Chaambarliiniin duubaan kaa'us homaa of fooyyessuu hin dandeenye.

Warri Biraayitan qaawwa argametti fayyadamuun baayyee huban.

Deeggartoonni Liivarpuul Varjil Vaandaayik, Luyiiz Diyaaz fi Diyoogoo Jootaa miidhamuun kilabicha kanaaf akka saaxile yaada dhiyeessu.

Liivarpuul torbee lama duras Bireentifoordiin 3 fi 1n mo'ame, dogoggorri sun ammas dabalamee Biraayitaniin 3 fi 0 dhaan mo'aman.

Dursaan garee Liivarpuul Joordaan Hendersan, ''Wanti hundinuu sirrii hinnturre. Kana hunduu ni hubata. Waan hunduu of ilaaluu qabnuudha,'' jedhe.

''Ofitti amanummaan nutti hir'ata. Hamilee dhabneerra. Humna godhannee ofitti amanummaan fuulduratti tattaafachuu nu gaafata. Haala kanaan waan keessa jirru jijjiiruu dandeenya,'' jedhe.

Bara darbe waancaa Piriimiyer Liigii fi Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa harkaan ga'achuuf kilaboota ciccimoo addunyaa waliin morma walqabaa kan ture Liivarpuul amma tokkoffaarra kan jiru Arsenaaliin qabxii 26'n caalamee jira.

Sanuu Arsenaal ammallee tapha tokko qaba. Liivarpuul taphoota 18 taphateen qabxii 28qofa qaba.