Arsenal imala waancaa olaantummaan akka dursuuf maaltu onnee ta'eef?

Haala amma jiruun waancaa Piriimiye Liigii Ingiliiz nyaachuuf Arsenaal caalaa kilabiin eeramu hin jiru. Gubbaa gabatee liigichaarra akka turan gaaffii hin qabu.

Kan nuti hin beekne yoo jiraate, gareen Maayikil Arteettaa taphoota hafan olaantummaan dursuu itti fufuu fi dhiisuu isaaniiti.

Piriimiye Liigii dursuu irraa waggootaaf fagaachuun isaanii ammaaf isaan danqaa waan jiru hin fakkaatu.

Olaantummaan isaan Dilbata darbe darbii Landan Kaabaa Tootanhaam irratti argatan kana mirkaneessa.

Boqonnaa dura gama hundaan dhiibbaa uumuun warra Sparsi dadhabsiisuun olaantummaan xumuran.

Boqonnaa booda irra jireessaan ittisa irratti xiyyeeffatan. Carraa kana fayyadamuun warri Tootanhaam hubuu eegalanis, gooli eegaan Arsenal Aaron Ramsdale dandeettiisaa ajaayibsiisaa sanaan morkattootasaatti gufuu ta'e.

Tapha kanarratti gareen Arsenal iddoo hundatti cimina agarsiisaniin guddoo jajamaniiru.

Dandeettii fi ogummaa dirree kubbaa miilaa keessatti eegamu hunda agarsiisan.

Kanarratti dabalataan hawwii fi kutannoon isaan sadarkaa tokkoffaarra turuuf qaban duubatti akka hin deebine isaan utubeera.

Arteettaan waan hundaaf qophii fakkaata

Taphoota 18 taphachuun qabxii saddeetiin liigicha dursuun itti fufuun Arsenbaliif milkii guddaadha. Hojii isaan hojjetan yoo ilaalamu kun isaaniif mala.

Taphattoonni Arsenal yeroo ammaa waan irratti waliigalanii fi itti cichan tokko qabu. Innis saffisaan taphatanii dafanii haala jijjiiruudha.

Dogoggora bara darbeerraas waan baratan fakkaatu. Osoon carraan harkasaanii jiruu Chaampiyoonsi Liigii keessaa baaafaman.

Erga taphi bara kanaa eegalee garuu Arsenal haala hunda jijjiireera. Garechi akka bara darbee miti. Arteettaa fi gareen isaa hundi waan turerraa muuxannoo argataniiru.

Arteettaan garee qaroo ta'an ijaaree jira. Ijoollee yaada qajeelaa qaban, kan waan inni milkeessuuf deemutti gammadanii fi tokkummaa qaban waliin jira.

Mo'uuf fedhii qabaachuu qofa osoo hin taane dandeettiisaas qabu.

Taphataa duraa miidhame, kan akkaan abdatamu Gaabreel Jesuus dabalatee, bakka buufachuun garecha cimsuu ittuma fufaniiru. Edii Nikeetiyaa bakka qabatetti ga'umsa gaarii agarsiiseera.

Qormaati gurguddaan fuuldurasaa akka jirus beekamaadha. Maanchistar Siitii waliin tapha lama qaba. Sana dura garuu yeroo ammaa saffisaan gara fuulduraatti dhufaa kan jiru Maanchistar Yunaayitid waliin Dilbata dhufu kana taphata.

Haalonni kunneen garuu waan Arsenal dhaaban hin fakkaatan. Arsenal tapha kamuu xiyyeeffannaa addaatiin taphataa jira. Hundarrattuu qabxii argachuuf carraaqa.

Maan Yunaayitid morkataa Arsenaal yaaddessu ta'aa?

Xumurri torbee darbee kun gama hundan Arsenaliif gaarii ture. Ofiisaatii mo'achuun gammachuu guddaa ture.

Gama kaaniin morkataasaa ta'ee qabxii harkaa fudhachuuf kan ture Maanchistar Siitiin darbiisaa Maanchistar Yunaayitidiin mo'ameera. Kunis isaaf gammachuu ture. Garuu yunaayitid ol dhufuunis yaaddoo biraadha.

Amma kilabiin Arsenal qoruuf deemu Siitii qofa miti.

Warri yunaayitid akka malee bararaa jiru. Kanaaf namoonni waa'ee kilaba kanaa sodaadhaan dubbatu.

Erik Ten Hag gareesaa bifa haaraan qindeessee anniisaa haaraadhaan yeroo gabaabaa keessatti fooyya'iinsa ajaa'ibaa argamsiisaa jira.

Dhuma torbee kanaatti yunaayitid gara mana Arsenal- Isteediyeemii Imireetis deemuuf jira.

Achitti yoo irra aane Arsenal qormaata keessa gala, yoo booji'ame ammoo sadarkaa tokkoffaa akka dharra'etti hafa.

Akkuma yunaayitid, Niwu Kasilis fuulduratti saffisaa jira.

Qabxii takkittiidhaan maanchistar Siitii booda jira, garuu tapha tokko Siitii caalaa taphateera malee.

Niwu Kasil garuu akka Siitii fi Yunaayitid kilabicha dursuun xumuruuf waan fagoo deemu miti.

Sadarkaa tokkoo hanga afuriin yoo xumuraniyyuu nama ajaa'iba, kilaboonni isaa gadi jiraniiyyuu dogoggora yookiin/fi rakkoo ofii uumaniin gadi bu'an.

Duubasaan kan isa gussaa jiru Tootanhaam mo'amuun ammoo Niwu Kasiliif hamilee guddaa ta'eera.

Tootanhaam bara darbe akkamiin Arsenal kuffisee akka bira darbe waan dagatamu miti.