Chelsiin akkamiin jijjiirraa taphattootaaf hangaa ol baasuu danda'e?

Chelsiin guyyaa dhumaa jijjiirraa tapahattootaa ji'a Amajjiin Benfikaa irraa taphataa sarara gidduu gatii riikardii liigichaan mallatteesifachuun, erga abbaan qabeenyaa haaraan kilabicha bitatee baasii isaa paawundii miiliyoona 550'n gaheera.

Akka marsariitiiin Transfermarkt jedhutti lammiin Arjantiinaa Eenzoo Fernaandeeziin paawundii miiliyoona 107 ta'uun mallatteessifachuu booda Chelsiin Ammajjii kana keessa qofa taphattoota saddeet irratti paawundii miiliyoona 288 baaseera.

Kuniis liigicha keessatti amma sadarkaa 10ffaa irra jirurraa akka seenaa haaraa dalaguuf gargaara jedhameera.

Chelsiin baasii bittaa taphattootaarratti bara kana baase kan Riyaal Maadriid bara 2019 baase paawundii miiliyoona 292 ta'utti aanee kilaba bara dorgommii tokkotti baasii hedduu baase ta'uun lammaffaa isa godha.

Sababa kanaattis Piriimiyeer Liigiin Ingiliz bara dorgommii kana bittaa taphattootaaf paawundii biiliyoona 2.5 baasuun riikardii haaraa galmeesseera.

Cheelsiin gabaa jijjiirra ataphatattootaa kana irratti bituun qofaa miti kan hirmaannaa godhe, Jorginho Arsenaalitti, Conor Gallagher ammoo Evartanitti gurgureera.

Cheelsiin jijjiirraawwan kanaaf harkaaf harkattii kaffalee danda'aa?

Gaaffii kanaaf deebiin isaa eyyee kan jedhuudha. Sababni ammoo Chelsiin taphattoota bitachuuf waliigaltee yeroo mallatteessu kaffaltii isaa marsaa marsaan qoodee kaffaluuf waliigala. Ammoo haalli faayinaansii amma kilabichi irratti argamuu baayyee gaariidha jedhamuu danda'a.

Yeroo taphataa tokko bittu gatii bittaa taphatichaa yeroo turtii taphataan sun kilabicha keessa turuuf qoodda.

Fakkeenyaaf Mykhailo Mudryk yoo fudhatte paawundii miiliyoona 89'n bitan. Kontiraatni inni mallatteesse ammoo wagga saddeetiifi walakkaadha. kana jechuun waggaa waggaan paawundii miiliyoona 10 caala hin ta'uu jechuudha.

Yeroo gurguranis akkusam akkaawuntii isaaniitti maallaqni marsaa marsaan galuuf jira. Fakkeenyaaf bu'aan gurgurtaa Tammy Abraham fi Fikayo Tomori irraa Chelsiin argate paawundii miiliyoona 77 dha.

Dabalataan Chelsiin Chaampiyoonsi Liigii nyaateera, suppar Kaappii injifateera, waancaa kilaboota Addunyaas fudhateera. Kuni hunduu maallaqa aragamsiisuuf qaba.

Kanaaf haalli baasii Cheelsiin bittaa taphattootaarratti agarsiisaa jiru akka ogeeyyiin kaan jedhan hedduu badaa miti jedha Kieran Maguire.

Tarsiimoon Cheelsii kun balaa qabaa?

Kieran Maguire eyyeen tarsiimoo baayyee balaa guddaa qabuudha jedha.

Taphattootni bitaman kun akka yaadame ta'uu baatee gahumsi isaanii yoo gadi bu'e waliigalteewwan waggoota torbaa fi saddeeti waan mallatteesseef yoo xiqqaate waggaatti miindaa paawundii miiliyoona torbaafi saddeet ta'u kaffaaafii baha jechuudha.

Kilabni biraan miindaa hammasaa kaffalee taphattoota kana sirraa ergifatus hin argamu ta'a.

Kanaaf taphattootni sadii afur ta'an miindaa isaanii kana nyaachaa teessoo jijjiirraa o'isaa bara waliigaltee isaanii xumuru.

Gahumsi isaanii gaarii ta'a taanaan garuu bareeda. Fakkeenyaaf Maadriid waggaa lama booda dhufee taphattoota kanan barbaada yoo jedhe, jarrii koniraata wagga shan jahaa waan qabaniif galii olaanaa irra argachuus mala.

Inni biraan Chelsiin bara dhuftu Chaampiyoons Liigiirratti milkaahuu hin danda'u yoo ta'eedha.

Cheelsiin bara dhuftu xumura Chaampiyoons Liigii ni qaqqaba yoo ta'e salpumatti badhaasa qarshii yuuroo miiliyoona 110 ni argata.

Kanaafi kilabootni hirmaannaa Chaampiyoonsi liigii kan argatan kanneen akka Riyaal Maadriid, Liivarpuuliifi Maanchistar Siitiin kan tarree kilaboota dureeyyii Deloitte irratti adda duree ta'an.