Kilaboota sooreyyii addunyaa 20 keessaa walakkaa ol warra Ingilaandi ta'an

Akka dhaabbatni xiinxala hojjetu Deloitte jedhutti kilaboota addunyaa galii argatanii sooreyyii jedhaman 20 keessaa walakkaa ol kilaboota piriimiyeer Liigii Ingiliiz ta'an.

Qorannnoo bara 2021-22 godhameen kilabootni piriimiyeer Liigii 11 tarree kilaboota addunyaa 20 galii guddoo qaban keessaayi.

Seenaa qo'annoo kanaa waggaa 26 keessattis kilabootni Ingilaand walakkaa kilaboota dureeyyii ta'uun sadarkaa keessa yeroo galan kan jalqabaati.

Shaampiyoonaan bara darbee Maanchister Siitiin galii yuuroo miiliyoona 731 argachuun Riyaal Maadriid kan yuuroo miiliyoona 713.8 argate ofitti aansee tokkoffaadha.

Bara kana sadarkaa torbaffaarra kan ture Liivarpuul ammoo Maadriiditti aanee sadarkaa sadaffaarra taa'uu danda'eera.

Maanchistar Yunaayitiid , Chelsii, Totanhaamifi Arsenaal sadarkaa hanga 10 jiru keessa galaniiru.

Weestihaam, Liids, Leester Siitii, Eevertaniifi Niiwkaastiil ammoo hanga 20 keessa warra galaniidha.

Kilabootni dureeyyiin 20'n addunyaa kanaa bara darbe(2021-22) walumatti galii yuuroo biiliyoona 9.2 sassaaban. Galiin kun isa bara 2020-21 dhibbeentaa 13'n caala.

Sababoota ijoo galiin kun dabaleef keessaa adda dureen weerara Covid-19 booda dhorkaan ka'uufi deeggartootni dirrree kubbaa miilaa seenuudha. Galiin guyyaa taphaatti sassaabamu duraan yuuroo miiliyoona 111 ture gara Yuuroo biiliyoona 1.4 ol guddateera.

Kilboota Ingilaand gurguddo jaha jedhaman keessaa shan- Chelsii, Liivarpuul, Maanchister Siitii, Maanchister Yunaayitid fi Tootenhaam Hootspeer galiin isaanii dhibbeentaa 15'n dabaluu beeksisaniiru. Kuni waliigalatti yuuroo miiliyoona 226 ta'a.

Galiin daldalarraa argamu dhibbeentaa 8'n dabalee kan duraan biiliyoona 3.5 ture gara 3.8 ol guddateera. Galiin tamsaasa taphootaa irraa argamu garuu dhibbeentaa 11 gadi bu'uun gabaafameera.

Bara darbe sababa taphootni 2019-20 irraa as ce'an turaniif galiin gama kanaan argamu dabalee ture.

'Olaantummaan galii Liigii Ingiliz baroota dhufanis kan irraa fudhatamu hin fakkaatu'

Maanchistar Siitiin bara 2015-16 yeroo duraaf kilaboota jalqabaa shanitti erga makamee bara kana yeroo duraaf sadarkaa tokkoffaa qabate. Walitti aansanii shaampiyoonaa ta'uu isaanii hordofees bara 2021-22 keessa galiin daldala irraa argatan yuuroon miiliyoona 373 riikardii piriimiyeer liigii cabseera.

Galii argatuun fooyyee guddaa kan agarsiise ammoo Liivarpuuli. Sadarkaa torbaffaarraa gara sadaffaatti ol dhufuun bakka Maanchistar Yunaayitiid duraaniis gadhiisisuun bakka amma dura qabatanii hin beekne gahan.

Chaampiyoons Liigiin xumuraaf gahanii 1-0 Maadriidiin mo'amuun isaanii galii tamsasa irraa argamu hedduu argamsiiseef.

Guyyaa taphaatti galii yuuroo miiliyoona 100 sassaabuunis seenaa haaraa hojjetan. kanaanis kilabootaaddunyaa seenaa kana hojjetan keessaa tokko ta'aniiru.

Arsenaal erga bara 2018-19 yeroo duraaf kilaboota hanga 10 jiran keessa gale. Leeds ammoo erga bara 2002-03 yeroo jalqabaaf warra 20 keessaa tokko ta'e. Niiwkaastilis bara tokko keessaa bahee itti deebi'e.

Kilabotni sooreyyiin addunyaa hanga 30'tti saarkaan hin bahaaf yoo ta'e gareeewwaan piriimiyeer liigii sadarkaa keessa galan gara 16 ol guddatu. Laa Liigaa keessaa shan, Seeriyaa A keessaa sadii Bondosliigaa fi Liig waan keessaas tokko tokko itti makamu.

Daayirektarri Deloitte's Sports Business Group Sam Boor ''Olaantummaan priimiyeer Liigiin galii argachuun qabu baraoota dhufan keessattis waan dorgomaa qabaatu hin ta'u'' jedha.

Kilabootni Ingilaand inveestimentii idila addunyaa hawwachaa bu'aa maallaqaa argamsiisuu akkasumas milkaahina dirree irrattis xiyyeefataniiru jedha.