Gooliin Olisee Maan Yunaayitid sadarkaa lamaffaa hanqisuu, Kasemiiroon tapha Arsenaal qabanirraa hafuufi kaan...

Goolii taphataan Kiristaal Palaas Mikaa'el Olisee rukkuttaa adabbitiin fageenyarraa daqiiqaa dhumaarratti lakkoofsise carraa Maacnhester Yunaayitid Piriimer Liigii keessatti sadarkaa lammaffaa qabachuu hanqiste.

Maanchester Yunaayitid goolii Buruunoo Fernaandeez boqonnaa dura kubbaa Kiristiyaan Eriksan miidhagsee kenneef lakkoofsiseen dursaa ture.

Garuu gooliin ajaa'ibaa Olisee kubbaa golbeessee karra Daavid Deheyyaatti qaarisiisuun lakkoofsise Maan Yunaayitidiin carraa sadarkaa lammaffaa qabachuu qofa miti kan dhorkite, taphoota 10 darban walitti aansee mo'achuu ture karaatti hambiste.

Maanchester Yunaayitid Kiristaal Palaas waliin walqixxa bahuu isaatiin qabxii tokkoon Niiwukasiliin caalee sadarkaa sadaffaarra ta'eera.

Haata'u malee, kilaba masaanuu isaa ta'eefi Darbii yeroo darbeetiin 2-1n mo'ate Maanchester Siitii duuba taa'eera.

maanchester Siitiin ammoo har'a Tootenhaam waliin ni taphata. Mo'es mo'ames garuu Maanchester Siitiin qabxii saddetiin Arsenaaliin caalamee sadarkaa lammaffaa isaaa qabatee tura.

Amma Kiristaal Palaas Maanchester Yunaayitid waliin walqixa ba'uun isaa taphoota sadii walitti aansee mo'auu irraa isa oolcheera.

Gareen paatrik Veeyiraan leenjisu kun goolii taphataan isaa Odsonnee Ediwaard lakkoofsisuuf bareechee haleele karra eegaan Maan Yunaayitid Daavid Deheyyaa jalaa maseenee maolee carraa mo'atee ba'uus argatee ture.

Kana maless, Daavid Deheyyaa daqiiqaa 75ffaa irrattis kan goolii ta'uuf oolcheera.

Kasemiiroon tapha Arsenaal waliin taphatan keessaa hafe

Tapha Kiristaal Palaasiifi Maanchester Yunaayitid 1-1n walqixa bahan kanaan Kasemiiroon kaardii kelloon adabamuun tapha gareen isaa Dilbata dhufu Arsenaal waliin taphatu keessaa hafeera.

Leenjisaan Maanchester Yunaayitid Erik Teen Haag ammoo hafuun Kasemooraa rakkooo nurratti hin uumu jechaa jira.

"Yeroo darbe Kasemiiroo malee isaan mo'anne, kanaaf ammas akkasuma goona," jedhe Haag.

Qabxii saddetiin lamaffaarra kan jiru Maanchester Sittii caaluunh Piriimer Liigii dursaa kan jiru Arsenaal tapha bara kanaan hanaga ammaatti takkaa qofa mo'ame. Innis Maanchester Yunaayitidiin Old Tiraafoord irratti 3-1n ture kan mo'ame.

Yeroo sanatti Kasemiiroon daqiiqaa dhumaa 10 qofa taphatee kan ture yoo ta'u, gooliin hunduu osoo inni hin galiin dura lakkaa'aman.

Amma Kasemiiroon kaardii kelloo shanaffaa waan argateeruuf tapha Arsenaal dirree isaa Emiratis irratti simatee keessummeessu kana irratti hin hiriiru.

Taphataan lammii Biraazil umuriin isaa waggaa 30 ta'e Kasemiiroon, sarara ittisaa gara gidduu Maanchester Yunaayitid qabachuun kilabichi akka deebiyee cimu gochaa jira.

Yeroo jalqaba Riyaal Maadiriid irraa Poowondii miliyoona 70 baasuun fidan gatii itti bahe kana hin deebisu jechuun qeequmsi tureera. Amma garuu gatii kana akka baasuu jiru amansiisuutti jira jedhamaa jira.

"Inni nuuf taphataa baayyee murteessaa ta'aa jira; sadarkaa amma irra jirru knaafis isatu sababa tokkodha," jedhe Teen Haag.