Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kiristiyaanoo Ronaaldoo seenaa kubbaa miilaa keessatti taphataa miindaa qaalii argatu ta'e
Kiritiyaanoo Ronaaldoon waliigaltee hanga bara 2025 turuun kilaba Saa'udii Arabiyaa Al-Naasir jedhamuuf mallatteesse.
Taphataan collee lammii Poorchugaal af-gaaffii kenne irratti kilabasaa duraanii Maanchistar Yunaayitid qeequun booda kilabicha gadhiise.
Ronaaldoon seenaa keessatti mindaa olaanaa tahe, doolaara miiliyoon 214 waggaatti kaffalmuufif jira jedhameera.
Taphataan ganna 37 kuni,''liigii kubbaa miilaa haaraa keessatti taphachuuf haawwiidhaan eegaan jira,'' jedheera.
Ronaaldoon dabaluunis,''Kubbaa miilaa Awurooppaa keessatti waanin injifachuuf karoorse hunda irraa aanuu kootti carraa qabeessa dha. Amma immoo muuxannoo koo Eeshiyaa keessatti qooduuf yeroonsaa dhufeera,'' jedheera.
Al Naasiir Liigii Saa'udii keessatti shaampiyoonaa yeroo sagalii yoo tahu-waliigaltee taphatichaa waliin mallatteesseen,''seenaatu raawwatamaa jira,'' jedhe.
Kilabichi, kuni ''liigii keenya, sabaa fi dubartootaa fi dhiirota labata egeree hojii gaariif ni kakaasa,'' jedhe.
Kanaan dura Ronaaldoon doolaara miiliyoonni 369 kilaba Saa'udii biraa Al Hilaal jedhamurraa dhiyaatuufis, Yunaayitiditti gammadaa gatii tureef otoo hin fudhatiin hafeera.
Ronaaldoon jifataa lammii Kameruun Waancaa addunyaa irratti goolii bareeda garee Sarbiyaa irratti galche achiis tapha Biraaziiliin injifatan irratti goolii takkittii lakkoofsisee dirreedhaa ar'ime Viinseent Abubakar waliin michooma.
Jalqaba baatii Sadaasaa irratti, jifataan af-gaaffii 'TalkTV' irratti Piirs Morgaan waliin taasiseen, Yunaayitidiin ''ganameera'' kilabicha keessaa akkaan bahu dirqameera jedhe.
Ronaaldoon tapha Yuunaayitid 346 irratti hirmaatee galchii 145 kan lakkoofsise yoo tahu, Hagayya 2021 Juuveentuusiin gadhiisee Old Tiraafoord deebi'ee galee ture. Kunis Riyaal Maadriid galuuf kilabicha erga gadhiiseen waggaa 11 booda ture.
Waliigaltee Yuunaayitiidiin torbeetti doolaara 600,000 kaffalamuuffiitti yeroo ji'a torbaa qabaatus, battalaan kilabicha gadhiisuunsaa garuu ''waliigaltee waloo'' ture.
Kilabicha gadhiisuun guyyaa tokko booda deeggaraaa kilaba Evartan harkaa bilbila darbachuusaan tapha biyya keessaa irratti akka hin hirmaanneef dhorkameera.
Dhorkaan kuni kilaba biyya keessaa Ingilaand hundarratti hojiirra oola, tahus kilaba sadarkaa ardiittii jiru Chaampiyoons Liigii fa'irratti hojiirra hin oolu.
Ronaaldoon dhihoo kana Waancaa Addunyaa Qaataar qopheessite irratti biyyasaa Poorchugaaliif taphateera. Kanaanis Waancaa Addunyaa FIFA'n qopheesse shan irratti galchii lakkoofsisuun nama jalqabaa taheera.