Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ronaaldoo, Neymaar, Mesii, Mbaappee fi kaan gameessa kubbaa miilaa - Peelee akkamiin ibsu?
Du'aan boqachuu gameessa kubbaa miilaa lammii Biraaziil- Peelee booda taphattoonni bebbeekamoon addunyaa gaddasaanii akkasumas dinqisiifannaa taphataa kanaaf qaban ibsaa jiru.
Taphataan sarara fuulduraa (jifataa) Biraaziil Neymaar, Peeleedhaan ''Mootiin kun waan hunda jijjiire'' jedhe.
''Peelee dura, kubbaan miilaa calliseema ispoortii qofa ture,'' jechuun Peeleen kubbaa miilaa miira ispoortiin gamatti hubachiisuu ibse.
''Peeleen kubbaa miilaa keessatti waan huda jijjiire. Kubbaa miilaa gara aartii, bashannanaatti geeddare. Harka qalleeyyiif sagalee ta'e, gurraachotaaf dhageettii ta'e,'' jechuun Inistagiraamii irratti barreesse Neymaar.
Keessattuu jedhe Neymaar: ''Biraaziil akka olkaatee mul'attu taasise. Biraaziil fi kubbaan miilaa waliin addunyaarratti akka beekaman gumaacheera. Inni kuteera, garuu dandeettiin ajaayibsiisaan isaa ammallee nu faana jira.''
Neymaar waliin kilaba PSG kan taphatan taphataan sarara fuulduraa Firaansi, Kiliyaan Mbaappeenis ''Peeleen mootii kubbaa miilaati. Duudhaan inni addunyaa kubbaa miilaa keessatti gadi dhaabe yoomuu nu waliin jiraata,'' jechuun ibse.
Peeleen jiruu kubbaa miilaa keessatti dabarse waggoota 21 keessatti taphoota 1,363 taphaterratti gooliiwwan 1,281 galchuun rikardii addunyaa qaba. Taphoota 92 biyyasaaf taphaterratti gooliiwwan 77 galcheera.
Taphataa colleen addunyaa kanaa lammiin Arjantiinaa kan waancaa addunyaa 2022 Qataar qopheessite dhiheenyuma kana fudhatee gale Liyoneel Mesiin, du'a Peeleen gadda itti dhagahame ibsuun suuraa waliin ka'anii turan Inistagiraamii isaarratti maxxanse.
Taphataa beekamaan addunyaa lammii Poorchugaal ta'e Kiristaanoo Ronaaldoo, ‘'Peleen hin dagatamu’' jedhe.
Ronaaldoon suuraa isaa Pelee irraa badhaasa yoo fudhatu agarsiisu qoodee ‘’nagaatti Peelee’’ jedheera.
Namoota miiliyoona hedduuf ‘’kaka’umsadha’’ jechuun kan ibse Ronaaldoon, ‘’bara baraan ni hin dagatamu’’ jechuun katabe.
''Kunuunsi inni naaf godhe, yeroon nuti waliin dabarsinee haala kam keessattuu kan an hin dagannedha. Wayita adda baanettillee isa dagadhee hin beeku,'' jedhe.
Taphataa beekamaa addunyaa kan ta'ee fi garee Biraaziil waliin waancaa addunyaa aragatee kan beeku Roonaaldoon, ''Peeleen nama addaati, nama cimaa, qaroo, gameessa, hundaan guutuu fi dorgomaa hin qabnedha. Peeleen bakka deeme hundatti iddoosaa gadi hin dhiisne. Yeroo hunda gubbaarra. Mootiin kubbaa miilaa yeroo maraa har'a nu dhiisee deemeera,'' jechuun gaddasaa ibsate.
Taphattoota yeroo ammaa Biraaziil keessaa ba'anii addunyaarratti beekamaa jiran keessaa kan ta'e Richaarlisan, ''Barri Peelee bara boqonnaa kubbaa miilaa bareedaa turedha,'' jedhe.
''Seenaa kubbaa miilaa bara keenyaa jijjiire,'' jedhe.
Peeleen waggaa 60 dura waan baayyeen keenya har'a milkeessuu hin dandeenye milkeesseera kan jedhe Richaarlisan, ''kanaaf Peeleen yeroo kamuu qixa hin qabu,'' jedhe.
Bara 1958 fi 1962 Peelee waliin taphachuun waancaa kan argatan hiriyaansaa Maariyoo Zagalloo, ''Hiriyaa koo abbaa injifannoo hedduu, seenaa bareedaa fi gonfoo hedduu- seenaan kee yoomuu hin dagatamu,'' jedhe.
Ingilaand waliin waancaa addunyaa kan nyaate Sir Geoff Hurst, Shaampiyoonaan bara 1966 Sir Bobby Charlton, jifataan duraanii Ingilaand Gary Lineker, Atiletiin beekamaa addunyaa Usain Bolt fi namoonni bebbeekamoon addunyaas du'a Peeleen gaddasaanii ibsataniiru.
Hanga ammaa taphataan yeroo sadi waancaa addunyaa injifate Peelee qofa: bara 1958, 1962, 1970.
Kananis bara 2000 Fifan taphataa gameessa jaarraa kanaa jechuun beekamtii fi badhaasa kenneeraaf.