Taphataan seena qabeessi Biraazil Peleen ganna 82'tti boqote

Taphataan seena qabeessi Biraazil Peleen umrii 82 du’aan boqote.

Namoonni baay’ee taphattoota kubbaa miilaa addunyaan agarte keessaa taphataa goota jedhanii waamun.

Bara turtii isaa seenaa taphattoonni kaan hin qooddannes dalageera.

Peleen taphoota 1,363 irratti galchiiwwan 1,281 galchuun riikardii addunyaa qabate.

Galchiiwwan kanneen waggoota 21’f yeroo taphateetti kan galmaa’anidha.

Lakoofsi kunneen taphoota 92 irratti galchiiwwan 77 biyya isaaf galmeessees dabalata.

Taphataan Waancaa Addunyaa si’a sadii ol kaase seenaa keessatti Pelee qofaadha.

Peleen bara 1958, 1962 akkasumas bara 1970 Waancaa Addunyaan irratti wal morkatu biyya isaa Biraazil waliin ol kaaseera.

Bara 2000’tti immoo Taphataa Jaarraa kanaa jedhamuun jaarmayaa kubbaa miilaa addunyaa hoogganu, FIFA’n badhaafameera.

Torban darbe Peleetti kaansariin hammaachuu hospitaalli inni ittti yaalamu kan magaalaa Saa'o Pooloo jiru ibsa baaseen beeksisee ture.

Peleen dhihoo erga hospitaala seenee torban sadii ol ta'ee ture.

Hospital Israelita Albert Einstein ibsa baaseen Peeleen ''kalee fi onnee isaa haalaan hojjeechuu didaniin walqabatee kunuunsa guddaa barbaada. Sababa kaansariin itti hammaateefi'' jedhee ture.