Goota kubbaa miilaa Biraaziil Peeleetti kaansariin hammaachuu hospitaalli beeksise

Goota Kubbaa miilaa Biraaziil Peeleetti kaansariin hammaachuu hospitaalli inni ittti yaalamu kan magaalaa Saa'o Pooloo jiru ibsa baaseen beeksise.

Biraaziil waliin waancaa addunyaa sadii kan injifate ogeessi kubbaa miilaa ganna 82 Peeleen erga hospitaala seenee torbee sadii ta'eera.

Mucaan isaa dubaraa inistaagiraam gubbaatti yaada maxxansiteen abbaan ishee ayyaana qillee(Kiriismasii) hospitaaluma keessatti akka dabarsu ibsite.

Hospital Israelita Albert Einstein ibsa baaseen Peeleen ''kalee fi onnee isaa haalaan hojjeechuu didaniin walqabatee kunuunsa guddaa barbaada. Sababa kaansariin itti hammaateefi'' jedheera.

Peeleen bara 2021 garaacha isaarraa xannachi kan kaafamef yeroo ta'u, ergasii waldhaansa wal irraa hin cinne argachaa jira.

''Ayyaana qillee manatti dabarsuun haqameera'' jette intalli isaa Keelii Naasimeentoo.

''Dooktaroota waliin yoo murteessinu sababoota adda addaan maatiin isaa haaraan Einstein kunuunsa kennaafii as turuutu wayya jenne.''

Torban sadii dura akkuma hospitaala galeen Peeleen waldhaansa sirna hargansuu isaaf kennamaafii jiruuf deebii gaarii laachaa akka jiru fi waldhaansa Keemoteeraapii(chemotherapy) ilaalaa jiraachuu hospitaalichi ibsee ture.

Peeleen tapha Biraaziiliif hiriiree taphate 92 keessatti gooliiwwan 77 lakkoofsisuun biyya isaaf jifataa goolii hedduu galche ta'uun tokkoffaa dha.

Biyyi isaa Biraaziil hanga ammaatti waancaa addunyaa injifatte shan keessaa sadii akka injifattu gahee olaanaa tapahateera.

Bara 1958, 1962 fi 1970'tti waancaa addunyaa garee isaa waliin injifateera.

Waancaa addunyaa Kataar keessummeesite irratti gareen biyyaalessaa Biraaziil tapha mo'anii darbuu irratti rippaablika Kooriyaa waliin morkachuuf dirreetti yoo galan suuraa fi maqaa Peelee qabachuun isa yaadataniiru.