Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphataan seena qabeessi Biraazil Peleen hospitaala seene
Taphataan Biraazil seena qabeessi Peleen hospitaala seene.
Haa ta’u malee, dhimmi mana yaalaa isa geesse ‘’arifachiisaa’’ miti jechuun intalli isaa himte.
Dhiitoo qaama isaarratti baheen Peleen Hospitaala Albart Ayinistaayin Saa’o Poloo jiru geeffamuu gaafa Roobii ESPN Biraazil gabaasee ture.
Intalli isaa Keeli Naasimento fuula Inistaagiraama ishee irratti barreessiteen waan hamaatu isa qunname miti jechuun ibsite.
Fulbaana keessa mar’umaan isaa keessaa xannachi akka bahu taasifamee ture. Eegasii hospitaalatti yaala irra deddeebiin hordofu qaba.
‘’Miidiyaan har’a waa’ee fayyaa abbaa kiyya ibsu,’’ gabaasa baasaa jiru jechuun himte intalli isaa kuni.
Haa ta’u malee, inni ''wal’aansa fayyaa idilee hordofuutti jira.''
''Waggaa haaraaf [kan faranjootaa] achi nan deema. Suuraa isiniifan qooda,'' jette.
Akka gabaasa ESPN Biraaziilitti taphataan ganna 82 rakkoo fayyaa onnees qaba. Wal’aansi taasisu furmaata argamsiisaa hin jiru jechuunis gabaase.
Peleen taphataa Biraazil galchii hedduu galchuun dursuudha.
Taphoota 92 irratti galchiiwwan 77 kan galche yoo ta’u taphattoota biyyattii 4 Waancaa Addunyaa afur irratti galchii lakkoofsisan keessaa tokkodha.