Roonaaldiinihoon ji'a tokko booda mana hidhaa Paaraaguwaayirraa gadhiifame

Taphataan lammii Biraazil Roonaaldiinoon Paraguwayiitti erga ji'a tokkoof hidhamaa turee gadhiifame

Roonaaldiinoon Paraguwayitti paaspoortii sobaa qabatee osoo socho’uu to’annoo jala oolee ture.

Taphataan Waancaa Adunyaa yeroo tokko mo’ateefi dandeettii tapha kubbaa miilaan maqaa guddaa qabu Roonaaldiinoon obboleessa isaa fi namoota biro afur waliin hoteela sadarkaan isaa guddaa tahe tokko keessatti ji’a tokkoof hidhamanii ture.

Amma obboleessa isaa waliin mirgi wabii eegameefii gadhiifamaniiru. Garuu beenyaa $200,000 tahu gidduu isaaniitti kaffalu.

Bara 2015 osoo soorama hin bahiin dura Roonaaldiinoon tapha kubba miilaan gahumsa ol aanaa qabu agarsiisee ture.

Bara 2002 Biraazil Waancaa Adunyaa 5ffaa akka mo’attuuf kan gargaare yoo tahu Baarseloonaa waliin waancaa Shaampiyoonsi Liigii tokkoo fi Laaliigaa lama mo’ateera. Sana booda kileboota akka PSG fi Inter Miilaaniif taphateera.

Ji’a Caamsaa keessa obboleessa isaa Roobertoo de Asis Morera kan hogganaa biizinasii isaa tahe waliin paasporrii sobaan qabamanii hidhaman.

Roonaaldiinoon kan gara Paraguwayitti imaleef ijoollee hiyyeeyyii fi miidhaan irra gahuuf duula gaggeessuuf ture.

Roonaaldiinoon guyyaa dhalootaa waggaa 40ffaa isaa manuma hidhaatti kan dabarse yoo tahu gara hoteela hidhamaniitti kan dabarsaman ammo erga mirgi wabii eegameefi kaffalaniiti.

Tahus sochii gochuun hin eeyyamamuuf ture. Abukaatoon isaa Roonaaldiinoon paaspoortii sobaa qopheessuu sana keessaa waan qooda qabu miti. Obboleessi isaa beekuu danda’a jedhe.

Amma lamaan isaaniiyyuu bilisaan socho’uu danda’u.