'Maanchestar Siitii seenuf hamma xiqqootu na hafee ture'- Kiristiyaanoo Ronaaldoo

Kilaba isaa duraanii Manchestar Yunaayitiditti osoo hin makamin dura Manchestar Siitii galuuf fiixerra gahee akka ture hime.

Kirataanon miidiyaa Talk TV irratti dhiyaachun kilabichi akka isaa dhiibaa jiru dubbachuun isaa torbee kana mata dubbii ta'ee ture.

Kilaba Manchestar siitii seenuf akka ture kan himu, "Dhuguma achitti makamuuf baay'ee dhiyaadhen ture" jedhe.

Kiristaanoo Ronaaldoo Hagayya 2021 kilaba Juventus irraa waggaa 11 booda kilaba isaa duraanii Manchestar Yunaayitiditti deebi'e.

Yeroo sana leenjisaa Maanchestas Siitii kan ta'e Pep Gariyoolan qunnamee Kiritiyaanonis tole jedheenii akka turetu himame.

Boodarra leenjisaa Yunaayitid duraanii Aleeksi Fargusan waliin erga mariyatanii booda gara kilaba isaa duraanitti deebi'uu hime.

"Fargusan waliin dubbannee, Manchestar Siitiitti makamuun siif hin ta'u naan jedhe. Anis tolen jedheen," jedhe Kiritiyaanon.

'Taphattoonni dargaggoo ta'an hin dhimmani'

Waa'ee taphattoota dargaggoonni ilaalchanis ta'ee ogummaadhan baay'ee akka dhimmanii hin hojjanne dubbate. Namoota umuriin isaan dursaniif illee "kabaja hin qaban" jechuun komate.

"Fedhiin isaanii adda. Akka natti fakkaatutti waan hundumaa salphisanii ilaalu... dhimma hin qaban.

"Tapahattoota muraasa Manchestar Yunaayitid keessa jiran qofan osoo hin taane, kanneen liigii addunyaarra jiran maraadha, dargaggoonni amma jiran kan yeroo kiyyaa irraa adda.

"Garuu isaan komachuu hin dandeessu, sababni isaa qaamuma dhaloota ammaatti waan ta'eef, teekinolojiin ammayyaas isaan harkisa," jedhe.

Garuu ammoo dargaggota keessaa kan Kiritaanon jaju akkauma isaa dhalataa Portugaal kan ta'ee fi Manchestar Yunaayitidif tapahatu Diyaagoo Daalot dha. Lisaandiro martineez fi Kaasimiiron dargaggooota Kiristiyaanon jaju keessayi.

'Waa'ee Ranginik dhagahee hin beeku'

Kiristiyaanoo Ronaaldoo akkuma Yunaayitiditti deebi'een leenjisaa kilabichaa kan ture Olegonar Soolshayer kaafamee Raaf Rangnik bakka bu'e.

Leenjisaan haaran kun muudamuu isaa Kiristiyaanon hin jaalanne.

"Namni kun leenjisaa hin turre. Kilabni guddaan akka Maanchestar Yunayitid leenjisaa ispoortii [kana] fiduun isaa ana qofa osoo hin taane addunyaa maratti gaaffii ta'ee ture" jedhe.

Sana dura waa'ee leenjisaa kanaas homaa akka hin beekne dubbate.

Waa'ee leenjisaa kanas homaa akka hin beekne dubbate.

Kiristiyaanon taphattoota kilabichaa duraanii Waayinii Ruuni fi Gaari Neevil qeeqee ture. Sababni isaa ammoo taphattoonni kun amala Ronaaldon agarsiisu irratti qeeqa waan isa irratti dhiyeessaniifi.