Deeggartootni naannoo mana dhugaatii Maanchisteritti wal loluun lubbuun darbe

Deeggartootni naannoo mana dhugaatii Maanchisteritti wal loluun lubbuun darbuu pooliisin hime.

Toonii Joonsan manguddoo ganna 55 kan tahan naannoo mana dhugaatii Maanchister Bilaakpuul jirutti deeggaraa biraa waliin wal dhabuun miidhaa isaarra gaheen lubbuun isaa darbe.

Kilabni Bilaakpuul du’a manguddoo Kanaa ‘’baay’ee rifaasisaa fi gaddiisisaadha’’ jechuun ibsa baasan.

Jaalalleen isaanii maatiin isaa guutuun ‘’akka malee gaddaniiru, onneetu nu cabe’’ jechuun dubbatan. Deeggartoonni kan walitti bu’an tapha Barnilee fi Bilaakpuul erga xumurameen booda.

Jaalalleen isaa ‘’hiriyaakoo gaarii dhabuukotti baay’ee gaddeera, miiltoo jireenyakoo haala suukaneessaan of biraa dhabe’’ jechuun barreesite.

‘’Hundi keenya akka maatiitti, onneen nu cabeera, jireenyi keenya kana booda takkaa akka duraa tahuu hin danda’u’’ jette.

Poolisiin magaalitti Obbo Joonsan eda hospitaalatti lubbuun isaanii darbe, maatiin isaanii hedduu gaddaniiru," jedhe.

Jaalalleen nama kanaa namni yeroo miidhaan kun irra gahe viidiyoo waraabe yoo jiraate qorannoo poolisiif akka gargaaruuf akka qoodaniif gaafatte. Garuu yeroo maatiin gadda irra jiru kanatti miidiyaa hawwaasaa irratti akka hin qoodneef gaafatte.

Poolisiin bulchiinsa Laankishaayer Obbo Joonsan addatti irratti xiyyeefatamuu ragaan mul’isu hin argamne jedhe.

Poolisiin kilaboota lameen Barnilee fi Bilaakpuul waliin tahuun qorannoo gaggeessaa akka jiru ibseera.

Kilabni Bilaakpuul deeggartootni kilabichaa deemuun gadda isaanii akka ibsataniif galmee guddaa qopheessaniiru.

Leenjisaan Bilaakpuul Miik Maakaartii, taphattootnii fi deeggartootni bakkicha deemuun gadda isaanii ibsuun habaaboo kaa’anii akka deebi’an himan.

Kilabni Barnilees gadda itti dhagahame ibsuun deeggarsa sirna awwaalcha isaaf akka ooluufis fandii walitti qabuun gara doolaara 10,000 argameera.

Dargaggeessi ganna 33 nama kana madeessuun shakkamuun erga to’annoo jala oolee boodoa mirga wabiin gadhiifameera. Qorannoon garuu itti fufee jira.

Bilaakpuulii fi Barnileen tapha gaggeessan qixa xumuran. Barnileen dorgommii shaampiyoonshippii dursaa jira.