Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphaan booda leenjisaan Maan Yuunaayitid taphattoota isaaniin maal jedhan?
Maanchister Yuunaayitd waancaa Carabao Cup’ mo’atee aduu torban tokkoo keessatti kilabichaaf rikardii kan taheefi salphina guddaa taheen ammoo harka Liiverpuulitti mo’ame.
Leenjisaan Yuunaayitid kilabicha erga leenjisuu jalqabanii ji’ootni sagal darbaniiru. Qabxii kanaan booda garuu maal jedhan?
‘’Boqonnaa dura tapha gaarii taphanne. Boqonnaa dura dogogorri kubba mijeessanii taphachuu gidduutti mudate galchii tahe. Boqonnaa booda gonkuma nuuyi [Maanchister] miti jechuu dandeessa.
Akka gareetti hin taphanne. Kun waan nurraa eegamu hin ture,[unprofessional]. Baay’een aare,‘‘ jedhan.
Erik Ten Haag tapha salphinaan mo’aman booda yaada miidiyaaleef kennaniin jecha tokko irra dedebiin dubbatan. Baay’ees aaraniiru. ‚‘Unproffessional‘‘ kann jedhu ture.
Baay’ee na ajaa’ibeera. Torbanoota darban keessa gareen kun haalota ulfaataa dandamachuun keessa darbaa turan. Amantaa ni mo’anna jedhus qabu ture.’’
Booqonnaa booda ilaalchuma ni mo’anna jedhu dhaban. Karoora fudhannee galle hin hordofne. Hojii isaanitti kennames hin hojjenne’’ jechuun taphattoota isaanii qeeqan.
Tapha Bireentifoordii fi Maanchister Siitii booda garee mo’achi goonfataa turetu haala hin eegamneen mo’ame.
Xiinxalaa kubba miilaa, hayyuu ispoortii kamtu Liiverpuul garaagarummaa galchii hamma Kanaan Maanchister Yuunaayitiidiin mo’ata jedhee eegeera.
Baarseloonaa Awurooppaa Liigii keessaa bahefi Leesteriin injifate, West Haamiin dorgommii waancaa FA keeessaa baase, aduu guyyaa sadii keessatti ammo galchii hamma kanaan mo’amuun waan fudhatama qabu miti.
Teen Haag dadhabbiin taphattootaa akka jiru beekanis kun saffisa isaanii gadi buusuu mala, garuu hamma kana harka hin kennachiisu jechuun dubbatan.
Maanchister Yuunaayitid guyyaa 75 keessatti taphoota 21 taphate. Kun taphattootaaf dadhabbii guddaa tahuu mala.
"Deeggartoota keenya boquu buusisne. Baay’ee natti dhagahameera. Gahuumsa keenya kan itti ilaalledha. Nuuf ergaa guddaadha,’’ jedhan.
"Namuusa agarsiisuu qabnu hin argisiifne, keessumaa erga galchiin nurratti lakkaa’amee. Deeggartoota keenya baasii guddaa baasun nu deeggaruuf Anfiildi dhufan galateeffanna. Dirree dhiisanii bahu isaaniif isaaniin hin qeequ. Sababni isaa qabxii baay’ee gadhee tahe waan galmeessineef,’’ jedhan.
Yuunaayitid ammas sadarkaa sadaffaa irra jira. Garuu Arsenaal irraa qabxii 14n boodatti hafeera.
Maan Siitiin ammo qabxii sagaliin isaan caala. Maan Yuunaayitid tapha itti aanuun dorgommii Awurooppaa Liigiin kilaba biyya Ispeen Riyaal Beetis waliin taphata.
Yeroo achii deebi’an ammo liigicha keessaa gadi bu’uuf dhama’aa kan jiru Saawuzhampitan keessumeessu.
"Fooyya’insa guddaa fidneerra. Garuu yero sadarkaa irra geese sana eeguu dadhabdu maaltu akka tahu ilaaluu dandeessa’’ jedhan.
‘’Kutaa uffannaatti waan taphattootatti dubbadhe qabxiin kun fudhatama hin qabu, waanuma isinirraa eegamu miti kan jedhudha,’’ jedhan.
Gareen kun garee cimaadha, ammas deebinee ni kaana jechuun abdii akka qabanis dubbataniiru.
Arsenaal waancaa Piriimer Liigii waggoota 19 booda injifachuuf sadarkaa gaarii irratti argama. Maan Siitiin shaampiyoonummaa isaa kabachiifachuuf morkachaa jira. Liiverpuul, Maan Yuunaayitid, Tootenahaam, Niwkaastil faa'n ammoo sadarkaa 4ffaa keessa galanii xumuruuf falmiitti jiru.
Kana qofa osoo hin taane kileboota kamti liigicha keessaa gadi bu'a kan jedhu baruunis baay'ee ulfaata. Gara xumuraa irra kanneen jiran qabxii wal fakkaataa waan qabaniif.