Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yunaayitiid 7-0 Liivapuuliin injifatamuurratti leenjistootni fi xiinxaltootni maal jedhan?
Leenjisaan Maanchistar Yunaaytiid Eeriik Teen Haag tapha 7-0 Liivarpuuliin injifataman irratti yaada kennaniin keessumaa boqonnaa booda ''nuti of hin turre. Akka gareettis hin taphanne'' jedhe.
Gareen isaa gahumsa boqonnaa booda agarsiisetti aarii qabaachuu kan gaafatame leenjisichi, ''eeyyen gaaffi hin qabu, na dinqeera, torbanoota fi ji'oota darban miirri cichoominaa fi injifachuu akkas hin turre'' jedhe.
''Karoora baheen hin deemne, sammuutu nu naanna'e. Hojii keenya hin hojjenne... gonkumaa proofeeshinaala miti.''
Waayee deeggartoota isaanii Anfiilditti imalanii isaan deeggaraa turaanii kan dubbate Teen Haag ''boquu deeggartootaa cabsine waayee kanaa baayyee aareen jira'' jedhe.
Gahumsa sanaan deeggartootni dirree turanii isaan deeggaruu isaaniif galateeffamuu qabu kan jedhu Teen Haag ''dirree dhiisanii bahuu isaaniif hin qeequ maqaa deeggartootaan qaana'eera'' jedhe.
Agarsiistuu gahumsa isaanii ta'uu kan hime lammiin Dach kun ''ergaa jabaa arganne'' jedhe.
Tapha kanaan Yunaatiid boqonnaan gahuuf dhiyaachuu duraafi boqonnaa booda hiree taphicha to'achuu dhabuu kaasee ta'uus amala kubbaa miilaa gaariin taphatti deebi'uu mallee jedhee taphattoota isaa qeeqe.
Gahumsa isa badaa bara dorgommii kanaati jechuunis ibse.
Faallaa kanaan leenjisaan Liivarpuul Yaargan Kiloop gahumsi isaanii kaleessaa kan bara dorgommii biraa malee bara kanaa hin fakkatu jedhee garee isaa jaje.
''Tapha bara dorgommii biroo keessaa mul'ate fakkaata, tapha bara dorgommii kanaan wal hin fakkaatu'' jechuun gahumsa badaa bara dogommi kana gareen isaa agarsiisaa tureen adda ta'uu dubbate.
Amanuuf ni rakkisaa kan jedhu Kiloop qabxiin argatan adda ta'uus gahuumsi agarsiisan baayyee gaarii akka ta'e dubbatan.
''Ji'oota muraasa dura Liivapuul waliin taphachuuf yeroon amma aisaaniif akka mijate amanu turan, kana ifatti dubbachuun narra hin turre garuu dhugaatti hunduu akkas yaada- sababa nuti rakkachaa turreef, amma garuu badaa yeroo gaarii hin ta'uuf. Amma of ta'aa jirra.''
Qabxiin kun ni jirra ammallee ni jirra ergaa jedhu dhaama jechuun jabaatanii itti fufuu akka qaban dubbate.
Maanchistar Yunaayitid dirree Liivarpuul Anfiildi irratti haala amanuuf nama dhibuun goolii 7 fi 0 dhaan erga injifatamee booda, taphataan duraanii Maanchistar Yunaayitid Gaarii Neeviil haala taphichaa akkanaan ibse.
Maanchistar Yunaayitid, ''nama keessaa xiqqaate, ni harca'e, akkaan qaanessaadha,'' jedhe.
Dura bu'aa garee Maanchistar Yunaayitid kan ture Gaarii Neeviil, garechi haala kanaan mo'amuusaaf itti gaafatamummaa guddaa fudhachuu kan qabu dursaa garechaa kan ta'e Biruunoo Fernaandeez ta'uu qaba jedhe.
Yunaayitid goolii 7 fi 0 dhaan Liivarpuuliin wayita mo'amu kun seenaa keessatti kan jalqabaati.
Ta'us garuu 7 fi 0 dhaan mo'amuun Yunaayitidiif haaraa miti.
Kanaan dura bara 1926 Bilaakbarn Rooversiin, bara 1930 Aston Viilaadhaan, 1931 ammoo Woolvisiin goolii 7 fi 0 dhaan mo'amee beeka.
Tapha kaleessa galgalaarratti Yunaayitid gara jalqabaarratti sochii gaarii agarsiisee ture.
Boqonnaa dura goolii tokko qofatu itti gale. Boqonnaa bood agaruu haalonni jijjiiraman. Liivarpuulii goolii ja'a galche, waliigalatti goolii torbaan dirree keessaa baase.
''Boqonnaa booda haalli Maanchistar Yunaayitid baayyee kan nama qaanessu ture,'' jechuun Neeviil Sky Sport'tti hime.
''Morkiin taasifame kun balaa hamaa qabaachuu jarri hin hubanne. Taphattoonni Maanchistar Yunaayitid dhaabbiitti nyaataman,'' jedhe.
Mo'amuu Maanchistar Yunaayitid booda guddoo kan qeeqamaa jiru Biruunoo Fernaadeez, battala tokko taphataan Liivarpuul kan jijjiiramee seene kubbaa harkaa butee wayita isa bira darbu dhaabbatee akka kolfuu ta'e.
Amalli badaan irraa mullate kana qofaa miti, leenjisaa gargaaraas wayita aariidhaan darbatu mul'ateera.
Daqiiqaa 85ffaarratti Maarkas Raashfoordi jijjiiramee wayita ba'u, jijjiirraan sun raawwachuusaa ilaalchisee miirri gaaffii Biruunoo irratti mul'achuunsaa sirrii hin turre jechuun qeeqe Neeviil.
''Harkasaa olkaasee bifa aariitiin, 'An maaliifan jijjiiramee hin baane?' jedhee gaafata,'' jechuun waa'ee Biruunoo dubbate Neeviuil.
''Kun dura-bu'aa garee Maanchistar Yunaayitid irraa kan eegamu miti. Teen Haag kana ni soroorsu jedheen amana.''
Biruunoon gamasaan taphicha booda gaazexeessitootaaf wayita ibsa kennu, ''baayyee nama aarsa. abdii nama kutachiisa. Qabxii badaa waan ta'eef nama gaddisiisa,'' jedhee callise.
Rakkoon ture maali?
Taphataan duraanii kan biraa Maanchistra Yunaayitid Rooy Kiin waanumti rakkoo hin turre hin jiru jedhee Yunaayitid qeeqe.
Yunaatitid Piriimiyer Liigii baranaa keessatti jalqabbiinsaa gaarii ta'uu baatus, adeemsa keessatti fooyya'iinsa guddaa agarsiisuun taphoota 22 darban irratti qabxii 49 argateera.
Tapha kaleessa galgalaa irrattis taanaan Yunaayitid gara jalqabaa sochii gaariirra ture. Carraa gooliis hedduu argatanii turan.
Taphaan ala ta'eeti jalaa haqame malee taphataan sarara gidduu isaanii Kaasemiiroon goolii galchee ture.
Boqonnaa boodadha haalonni saffisaan kan geeddaraman. ''Haalonni wayita babbadan taphattoonni ijoo ta'an dhabaman,'' jedha Rooy Kiin.
''Daaloot fi Antooniin waliigalaa hin turre. Antooniin dirqamasaa raawwachuu dhabuurraa kan ka'e Yunaayitid waan taphattoota 10niin taphatu fakkaata ture. Fakkeennummaasaa hojiin mul'isuun kan irra ture Biruunoon akkanumaan aariidhaan harkasaa facaasaa ture,'' jechuun kan dubbate ammoo taphataa duraanii Maanchistar Siitii Miikaah Richaardis dha.