Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maarkas Raashford: UKn attamiin ijoollee iyyeessaaf nyaata bilisaa dhiyeessuu eegalte?
Taphataa kubbaa miilaa kilaba Maanchistar Yunaayitid kan ta'e Maarkas Raashford mo'ataa Liigii Shaampiyoonii goolii daqiiqaa 87ffaatti. Haa ta'u malee dhiheenya keessa qalbiinsaa kubbaarraa dhimma biraatiin kan hawwatame fakkaata.
Dargaggoon umurii 22 kun mo'icha gareensaa goolii 2-1n garee 'Paris Saint-Germain' irratti argate erga gammachusaa ibseen booda, karaa ergaa twitaraatiin waamicha dabarsuu eegale.
Innis akkas kan jedhu ture: ''Galgala kana waan naaf gochuu yoo dandessan, sagalee naaf mallatteessaa'' jechuun duula inni daa'imman umurii barnootaatiif nyaanni bilisaan akka dhiyaatuuf gaggeessuuf waamicha dabarse.
Wayita ammaa kanattis mallattoo gara 500,000 ta'u argateera.
Biyyi dhalootaasaa UKn guddina dinagdeetiin sadarkaa 6ffaarratti argamti. Garuu ammaan tanatti daa'imman miliyoona 4.2 ta'an hiyyuummaan jiraatu.
Jechuunis maatiinsaanii nyaata bu'uuraa guyyaafi uffataafi dahoo dhiyyeessuufii hindanda'an, akka ragaan motummaarraa argamu mul'isuutti.
Baayyinni ijoolleen kanneenis %30 baayyina daa'immannii biyyattiitti argaman kan waliigalaa ta'a. Bara 2022tti ammoo lakkoofsi kun miliyoona biraatiin akka dabalu tilmaama.
Daa'imman hiyyummaan rakkatan kunneenis irra caalaan, kan maatii hawaasa lakkoofsaan bicuu biyyatti keessaafi kanneen maatii tokkoon guddatan jedhameera.
Taphataan Maanchistar Yunaayitid kunis tibba daa'imummaa isaa garee kana lamaan keessa darbeera.
Taphataan amma torbaniitti dolaara 25,000 ol argatu kun, hiyyummaan Maanchistar guddittii keessatti guddate. Haatiisaa Melaniyeenis isa waliin ijoollee shan qofaashee guddifte.
''Beela'uu jechuun maal akka ta'ee sirriittan beeka'' jechuun jalqaba bara kanaa BBC'tti himee ture, haaluma qaama duula amma gaggeeffamaa jiru kanaatti.
Deeggarsi jiraachuu
Raashford sagantaaleen deeggarsa hawaasummaa akka jiraatan barbaada.
Raashford mana barnootaa sadarkaa tokkooffaa Maanchistar keessatti hordofe. Achittis daa'immanni %28.1 nyaata bilisaa mana barnootaa argatu ture.
Haatiisaa kan hojii maallaqa qabduummaan hojjattu, ijoollee ishee shan guddisuuf itti ulfaataa turulleen, ciminnishee garuu ogummaa ilmasheetiif gumaateera.
Isheetu akka Maanchistar Yunaayitid Raashford akkaadaamii dargaggootatti fudhataniif amansiise. Gaafas Raashford gannisaa 11 kan ture oggaa tahu, umuriin inni xinnaan itti galan garuu waggaa 12 ture.
Haala sanaanis Raashford dhiheenya lafa leenjiitti bakka dhiyaatuutti lafa bulmaataa akkasumas nyaata fooyya'aa argachuu danda'e.
Seenaan isaa hafee kubbaa miilaa taphachuu ta'ulleen garuu, haala cimaa jireenyasaa keessatti jalqabarratti dabarse gonkumaa hindagatu.
Yaada jijjiirrachuu mootummaa
Ingilaanditti bara 2019 keessa daa'imman miliyoona 1.3tu mana barnootaatiin nyaata bilisaa barbaadu ture. Isaan keessaa daa'imman %15 kanneen motummaan barsiisuudha.
Akkasumas bara kana baatii Waxabajjii keessa sababii Covid-19 fi rakkina maallaqaa isaan wal qabate mudateen, Ministirri Muummee Booris Joonsan, motummaan tibba boqonnaa gannaatti daa'iimman maatii hiyyeeyyiitiif deeggarsa nyaataa hintaasisuu jechuun labsanii turan.
Duulli midiyaa hawaasaa jifataa Maanchistar Yunaayitidiin ogganamu garuu akka yaada naanneeffatan dirqisiiseera.
Rashford tajaajilawwan isaa daa'imman balaaf saaxilamoo ta'an gargaaruuf taasiseen beekkamtii badhaasaa argatee ture.
Garuu Onkololeessa 21 irratti, paarlaamaan UK kan Paartiin Sabboontoota leellisanii caalmaa miseensa bakka bu'ootaa qabanii, sagantichi hanga Faasikaa bara 2021 akka dheereffamuuf yaada dhiyaateerratti mormiin sagalee kennan.
Torbaniin dura mootummaan akkas jedhee ture: ''Wayita manni barnootaa cufamaniitti daa'immaniif nyaata dhiyeessuun itti gaafatamummaa manneen barnootaa miti.''
Mootummaanis tibba weeraraatti maatii galii gadaanaa qabaniif waan gahuu dhiyeesseera jechuun ture ministiroonni kan waakkatan.
Raashifoord garuu murtee kana cimsee qeequuf battaluuma yaada kenne.
''Sababii yaada kennameetiin daa'imman hedduu har'a galgala beela'aa gara siree dhaquu qofa osoo hintaane, akka waan isaan hinbarbaadamne tokkotti akka ilaalaman itti dhagahama'' jechuun hordoftoota isaa miliyoona 3.5f qoode.
''Ani barnoota siyaasaa hinqabu, garuu barnoota hawaasummaa waanan qabuuf yeroo kiyya baayyee maatiifi daa'iimman miidhaman waliinan dabarsa. Daa'imman kunneenis ni barbaachisu,'' jedheera.
Indastirii nyaataa irraa gargaarsa
Haa ta'u amlee, murteen paarlaamaas beeksiisawwan mana maree magaalaa, manneen dhugaatiifi reesitoraantoota biyyattii guutuutti argamaniin hordofamuun, daa'iimman balaaf saaxilamtoota ta'aniif nyaata bilisaa akka dhiyeessan ibsan.
Fulbaana keessa Raashfoord suparmaarkeettiiwwan gurguddaa biyyattii keessatti argaman akka motummaan nyaata daa'imman hiyyeeyyii UK keessaa hiikuuf fandii dabaluuf dhiibbaa akka taasisaniif hiriirseera.
Akkasumas Raashford dula gaggeesseen walitti qabaa maallaqaas taasiseera. Jalqaba bara kanaattis dhiyeessii nyaataa saanii guyyaatiif daa'imman manneen barnootaa irratti hirkataniif mirkanneessuuf 'FareShare UK' waliin ta'uun doolaara miliyoona 25 walitti qabeera.
Akkasuma alkan Kibxata erga tapha 'PSG' booda irra deebiin daa'imman balaaf saaxilamaniif caalaa akka hojjataniif, namoota siyaasaatiif waamicha taasise.
''Yeroon kun kan itti imaammata paartii olkeenyee waliin ta'uun daa'imman hiyyeessa nyaataa UK keessaatiif fala walitti fufiinsa qabu argamsiisuuf waliin itti hojjatamuudha'' jechuun tiwiitiin barreesseera.