Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphataan Kubbaa Miilaa ganna 80 soorama bahuuf
Dhalataa Biriiteen araada tapha kubbaa miilaa qabu Jimaata har’aa umuriisaa ganna 80’n soorama baha.
Piiter Webister jedhama. Jiraataa Awustiraaliyaa magaalaa Wolongoongi kan tahe amma akka kanaan duraaitti beekamuun kilebakoof gahumsaan taphachuu hin danda’u jedhe.
Yeroo muraasa darbaniif yaada koo keessa ture. Yeroo yaaddu carraa taphaa baay’ee argataama deemta. Ani amma maaliyaa koo kana akkanumaanin dhamaasa. Gahumsa kee beekta waan taheef,’’ jechuun BBCtti hime.
Mr Webister Ingilaandi magaalaa Piristen keessatti dhalate. Bara 1948 gara Weelsitti imale. Dorgommii kubba miilaa gahumsaan kan taphachuu eegale yeroo umuriinsaa ganna 15 tahe ture. Kunis mana barumsaa isaa dorgommiin Raagbii itti baay’atu keessatti.
Namni duraan warshaa sibiilaa keessa hojjetaa ture kun umuriisaa 20 fi 30 keessa jiruun kileboota baay’ee Weelsi keessa jiraataniif taphataa ture.
Bara 1981 haadha warraa isaa Moyiraa fi ijoollee isaanii sadii waliin gara Awustiraaliyaatti imalan.
Awustiraaliyaatti kubbi miilaa guddachuu yoo argus haalaan dinqisiifatee ‘’amma haala qilleensaa ho’i isaa digirii Seelsiyeesii 38 tahe keessatti taphachuu wayya isa duraan digirii Faraanaayitii 38 keessatti taphachaa ture caalaa’’ jedhee.
Amma tapha xumuraa isaa kileba isaa Figtirii [Figtree] jedhamuuf taphachuun soorama baha.
Tapha xumuraa har’a galgala dursaa liigichaa kan tahe Ruuzel Vaalee waliin qabaniif dafee dirree gahuun muka goolii ykn galchii dhaabuun akka eegu himeera.
Morkatoota isaafis yoo dhaamu akka salphaatti akka nah in ilaalle jedheera.
" Yeroon gara jalqabaa taphataa ture Dilbata raftee yoo kaatu qaamni kee hundi madaadha, garuu gaafa Wiixata hundumtu sirra hin jiru, ni bada ture. Amma Wiixata irra madaan qaama irraa natti dhagahame Sanbata isa torbee dhufuuti kan badu,’’ jechuun haala adeemsa tapha keessa darbe hima.
Mr WebIster dorgommii naannoo tahe irratti haalaan kan beekamu yoo tahu dorgommiin maqaa isaan moggaafame illee jira. Waancaa Piter Webister jedhama.
"Yeroo baayee taphni akkanaa gatii si baasisa ykn si ajjeesa jedhama. Amma gatiin baases hin qabu hin duunes. Mee akkan taphachuu danda’un ilaala jedheen yaada ture.’’
Icciitiin waggaa dheeraa akkanaa taphachuu walitti fufinsaan tapha irratti hirmaachuudha jedhe. Amma shaakkalli isaa duraan fiiguufi saayikilii oofuu ture sun gara saree intala isaa harkisee deemuun shaakaluutti dhufeera.
Ani fiigicha hin danda’u. Taphattoota garee biraatti gaafan fiigee seenu, har’aan guyyaa sadaffaa yeroo fiigdu si argine, Fiiguu qabda na jedhan. Ani garuu lakki kubba taphachuutu na gammachiisan jedhe.
Mr Webister erga tapha dhaabeen booda maaltu akka itti dhagahamu hin beeku jedhe. Garuu taphattoota kilebichaa waliin kubbaa dhiituu ittuman fufa jedheen yaada jedhan.
Irra caalaa ijoollen ilmaan isaa fi ijoollen dubartoota isaa yeroo kubba taphatan daawwachuu akka barbaadu himeera. Ofii kanaan dura taphachaa waan tureef yeroo isaan taphatan daawwachaa hin turre.
Haati warraa isaa ammo abbaan warraashee naannoo we’eeti hojii baay’ee yeroo hojjetu ilaaluu akka barbaaddu himteetti.
Pirezidaantiin Kileba Figtirii [Figtree] oolmaan Webister kilebichaaf oolan hamma hin qabu jedhan.