Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphattoonni murteessaa reebuusaaniitiin taphoonni PL hundi haqamaniiru
Murteeessaan xaba kubbaa miilaa Itoophiyaa erga murtee wal mormisiisaa taasiseen booda xabattootaan reebameera.
Gareewwan Ittisa biyyaafi Walwaaloo Yunivarsiitii Addigraat qabxii walqixa 1-1 turan wayita murteessaan kuphaa sarara dabartee garee warra ittiisaatiif wayita kennetti.
Xabattoonni garee Walwaalloo Yunivarsitii Adigraat dursaa gareesaani waliin ta'uun murteessaa harii'achuun lafatti kufiisuun reebaniiru.
Dursaan garee hojiirraa kan harii'atame yoo ta'u, Federeshiniin Itoophiyaa xabawwan liigii hunda haqeera.
Viidiiyoon miyaa motummaa ETVn maxxanfame akka mul'isuutti murteessaan alaabaa qarqara tureen ofiissaa ittisuuf yaalaa turan.
Dhiheenya kana keessa xabawwan kubbaa miilaa Itoophiyaa irratti waldhabdeewwan hedduun mul'ataa kan jiran yoo ta'u, kan dhiheenyaa kunis haqamuu xabawwaniitiisa madda ta'u danda'eera.
Qondaaltoonni Federeshiin garee 16 qabuus Kemisa liigii waliin akka wal argan eegama.