Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Virgil van Daayik: Ittisaan Liiverpul tajaajila baqaqsanii yaaluun yeroo dheeraaf taphaan ala taha jedhame
Taphataan sarara Ittisaa Liiverpuul Virjil Van Daayik miidhama jilba isaarra mudateen tajaajila baqaqsanii yaaluu taasifachuuf jedha.
Vaan Daayik tapha Darbii Mersiisayid, Evertan waliin taasisan irratti miidhamee dirreedhaa bahe.
Taphichi qixa 2 fi 2'n kan xumurame yoo tahu, karra eegaa Evertan Yoordan Piikfordi waliin walitti bu'uun ture kan miidhame.
Miidhamni kun yeroo hammamiif tapharraa akka isa tursiisu hin baramne. Vaan Daayik miidiyaa hawaasaa irratti ''falmii fuuldurakoo jiruuf qophiidha'' jedhe.
Taphataan duraanii Seltikii fi Saawuzampitan kun, jalqaba qorannoo gaggeessuun booda hakiimonni miidhamicha mirkaneessan.
Amma miidhamicha irraa bayyaannachuu irratti guutummaan xiyyeeffadheera. Hamma danda'ametti dafee deebi'uuf waanan danda'e hundaa nan taasisa jedhe taphatichi.
Waan nama gaddisiisu akkuma jirutti tahee, waan ulfaataa keessa waan gaariinis akka jiru cimseen amana. Gargaarsa waaqaa waliin dhiyootti isa duraa caalaa cimee, gahumsa qaamaa gaariin nan deebi'a,'' jedhe Vaan Daayik.
''Akkuma jireenya kaanii kubba miilaa keessaswaan hundinuu sababaaf taha. Bakka fuuldura koo jiru sana bira gahuuf bu'a bahii jiru keessatti yaalii taasisuun gaariidha.''
Tajaajila baqaqsanii yaaluu Miidhama jilbarraa [ACL] bayyaannachuuf yeroo dheeraa barbaada. Garuu hoggantootni Liiverpuul yeroo itti deebi'uu danda'u ibsuu hin barbaanne.
Baqaqsanii yaaluun kun ammuma kan hin gaggeeffamne yoo tahu qophiin taasifamaa jira.
Bara 2018 erga Liiverpuul Paawundii miliyoona 75niin galee Vaan Daayik taphataa murteessaa kilabichaa taheera.
Ergasii taphoota hunda irratti hiriiruun taphachaa kan ture Vaan Daayik, bara 2018/19 Liiverpuul sadarkaa 2ffaan xumuruun bara 2019/20 ammoo Shaampiyoonaa tahuun xumure.
Bara 2019 yeroo Shaampiyoonsi Liigii injifatanis taphataa murteessaa ture. Bara kanas osoo hin miidhamiin dura taphoota torba irratti hiriireera.
Shaampiyoona isaanii eegsisuuf gufuudha
Miidhamni kun Liiverpuuliif hiika guddaa qaba jedhan xinxalaan BBC Kiriis Suuton, kan bara 1994 Bilaakbarni waliin waancaa Piriimer Liigii mo'atan.
Taphatichi ittisa irraan dhagaa utubaa isaaniiti. Ni qindeessa, nama bakka buufamu miti jedhan.
Kilooppi ittisa irratti Joy Gomez, Yo'el Maatip kan taphachiisan yoo tahu, kaan ammoo muuxannoo kan hin qabne Natina'el Filipsi, Riis Wiiliyaamsi fi Seepi Van den Bergi qabu.
Faabiniyoon akka taphataa sarara ittisaatti dorgommii Cheelsii waliin taaisan irratti taphateera.
Gomezii fi Maatip waliin hiriiranii kan taphatan bara 2017 keessa tapha tokko irratti qofa. Kun ittisa Liiverpuul dadhabsiisuu danda'a jedhu xiinxaltootni kubbaa miilaa.