Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
BBCn namticha summii du’a namoota 100 olii gurguruu irra qaqabe
Lammiin Yukireen summii yoo xinnaate UK'tti namoonni 130 ta’an ittiin of ajjeessan jedhame gurgure BBC'n irra qaqqabe.
Namni maqaansaa Liiyooniid Zaakutaankoo jedhamu kunis, marsariitii of ajjeessuu ittiin jajjabeessuufi tajaajilasaa ittiin beeksiisu qaba.
Namni kunis gabaasaa BBC iccitiin torbaniitti summii saamsame shan gara UKtti akka ergu dubbateera.
Namni kunis summii lammii Kaanaadaa Keeneet Loow kan bara darbe to‘annoo jala oolfameefi yakka ajjeechaa 14'n himatameen waliin walfakkaatu dhiyeessaa ture.
BBC'n summicha ilaalchisuun gaaffii dhiyeesseef shakkamaan kun ni kuffise.
BBC mana jireenyaa namni kun jiraatu magaala guddoo Yukireen- Kiiyeev’tti imaluun, summii nama ajjeessuu kana gurguruusaa gaafatulleen amanu dide. BBCn maqaa summii kanaa hin eeru.
Namtichi kun amanu baatulleen garuu BBC qorannoo gaggeesseen namtichi summii kana waggootaaf dhiyeessa turu mirkanneesse.
Kemikaalichis UK keessatti karaa seeraatiin gurgamu danda’a. garuu ammo kun kan ta’u dhaabbilee tajaajiloota amansiisaa ta’eef fayyadaman qofaadhaaf.
Dhiyeessitoonni sakkata’insaafi qorannoo bu’uuraa tajaajila maaliif akka oolfamu qorannoo gaggeessan malee maamiltootatti gurguruu hin qabaatan.
Qabiyyeen summii kanaa xiqqoon fudhatamulleen du’aaf nama saaxilu danda’a.
‘Kan gara jabiinaan guutame’
Namni kunis bara darbe obbolaa lakkuu Landan jiraatan Liindaa fi Saaraatti erga summicha gurgureen booda lachuu du’an.
Maatiin obboollaa kanneenitis waa’ee nama kanaa yoo dubbatan ‘nama hamaafi hammeenyaan guutamedha’ jechuun ibsu.
Obbolaa kanneen keessaa Lindaa odeeffannoo nama summii gurguru kanaa kan dhaggeesse waltajjii marii of balleessuu beekamtii qaburratti akka ta’e obbooleettiinishee Helan Kiiti dubbateetti. Obboleetteen ishees paawudii xiqqoon du’a dhandhamachu dubbatti.
Waa’ee obboleettiishee of ajjeefte kan wagga 54 yoo dubbattus ‘‘kan namaaf yaaddu, beektuufi cimtu turte’’ jetti.
Obbolaashees ta’an namoonni kaan of balleessa kamikaalicha akka hin arganneef aanga’oonni tarkaanfiin fudhata dhabamuutti qeequun, ‘‘salphina biyyaaleessaati’’ jette Heelan.
Keemikaalli namni kun gurguruus marsariitii Liindaa fai fayyadaman irratti mariin ifatti kan irratti gaggeeffamu yoo ta’u, miseensoonnis attamiin akka bitaniifi itti fayyadaman irratti gorsa wal jijjiru.
Landaniitti pirofessa Yunivarsitii Saayinsii Kiwiin Meerii kan ta’an Amiriitaa Ahiluwaaliiyaa gamasaanitiin keemikaalichi bara 2019 kaasee of ajjeechaa 130 UKtti mudataniin kan wal qabate ta’u akka danda’u ibsan.
Pirofeessaritiin kunis dhiiga pooliisiifi laaboraatoriin ergameefif saamudawwan gara biraa qorachuudhaan yaada kanarra gahu kan danda’an.
Saamudawwan 187 qoratan keessaa 71 keemikaalli kun jiraachu kan agarsiise yoo ta’u, waliigalattis yoo xinnaate namoonni 133 kemikaala kanaan akka du’an agarsiisa jedhame.
'‘Wanti tokko raawwatamu qabaata’’ jechuun ture pirofessarri tun kan akeekkachiisan.
“Faayidaa maaliitiif akka ooluu qorannoo guutuun raawwatamu qabaata. Kaayyoo barbaadameef qofaa oolfamusaarratti to’annoon taasifamu qabaata,’’ jedhan.
Himannaawwan ajjeechaa
Bara darbe keessa lammiin Kaanaadaa ogeessa nyaataa qopheessuu ta’e Keeneet Loowu erga to’annaa jala oolfameen booda, himannaan ajjeechaa 14 fi namoonni akka of ajjeessaniif deeggaruun irratti dhiyaate.
Namni kunis keemikaalicha biyyoota addunyaa 40tti gurgure. Namni kemikaalicha 1,200 gurgureera jedhame kunis, namoota UK keessatti of ajjeessan 93 keessaa harka qaba jedhameera.
BBC'n qorannoo taasiseen, namni Liiyooniid Zaakutankoo jedhamu bara 2020 irraa kaasuun kemikaalaa walfakkaataa guguraa turu mirkaneesse.
Kana malees qorichoota kan qajeelfama ofiin lubbuu ofii balleessuu keessatti hamatamuun ogeessoota fayyaatiin ajajaman garaa garaa sadis marsariitii irratti ni dhiyeessa.
Lammii Kaanaadaa kan ta’e Keeneet Loowu waltajjii marsariitii irratti ofiin of ajjeessuu beeksiisuurratti namni kunis yeroo gabaabduuf tajaajilasaa ni beeksiisa ture.
Yeroo sanaa kaasee teessoo isaa fayyadamtoota waltajji sanaa waliin karaa ergaatiin waljijjiru ture.
BBCn Liiyooniid Zaakutankoo kan argate magaala guddoo Yukireen Keeyeev keessatti gamoo bara Gamtaa Sooviyeetiitti ijaarame irratti mana jireenyaa waloo tokko keessatti.
Namni kunis saamsamawwan kemikaala summii ta’ee kanaa karaa mana poositaa naannichaatiin osoo erguuf jedhuu BBCn walitti kan bahe.
Maaliif namoota ofi ajjeessuu barbaadaniif summii kana akka ergu gaafatame. Harkasaatiin kaameeraa BBC haguuguuf yaalaa, ‘‘kun sobadha’’ jechuun haaluuf yaale.
BBCnis guyyaa sanatti keemikaalicha akka erguuf gaafachu hordofee yoo xinnaate keemilaala saamsame tokko qabatee akka ture mirkanneessu danda’eera.
Maatiiwwan summii kanaan miseensoota saanii dhabaniif deebii maalii qabada? Jedhamuun gaaffii BBC dhiyaateef, ‘‘waa’ee maalii akka dubbattan naaf hin gallee’’ jechuun deebiise.
Tarkaanfii cimaa
Namni Deeviid Parfeekti jedhame tokko, ilmisaa Toom kan wagga 22 waggaa sadiin dura keemikaala walfakkaatu Keeneet Luuwu irraa bituun of ajjeesseera.
Aab Parfeekti yeroo ammaatti waltajjiiwwan marii of ajjeessuun wal qabatan qopheessuufi namoota akka Zaakuteekoon summii gurguran dhaabsiisuuf duula gaggeessaa jira.
Akeekkachiifni oggeessi madda du’a dargaggoo wagga 23 kan ta’e Joo Niihiil jedhamee qorate tokko aanga’oota Birittaaniyaa qaqabuunsaa hordofee waa’ee keemikaala kanaas ta’e waa’ee daldala summii marsariiti irratti raawwatamanii Fulbaana 2020 irraa kaasee akka barani fa ta’eera.
Poolisiin qorannoos, ittigaafatamaa qorannoo reeffaa akkasumas dhiyeessitoota keemikaala balaafamaa kanaaf daldala isaarratti akeekkachiise kennee ture.
Yeroo sanaa kaasee, qorannoowwan reeffaa UK keessatti raawwataman waa’ee keemikaala kanaaf waltajjiiwwan marii marsariitii irratti of ajjeessuu ilaalchisuun taasifama ilaalchise yeroo shan dhaabbilee mootummaa adda addaatiif akeekkachisa barreesseera.
Deeviid Parfeekti aanga’oonni summicha dhaabsiisuu akka danda’an ilaaluufi sirnicha shakatta’uuf Zaakutankoo irraa keemikaala summii sana biteera.
Erga summicha bituuf ajajee guyyoota muraasaan booda nageenyaasaa ilaaluuf poolisiin isa dowwatanii ture. Haata’u malee isaan booda poolisiin isatti hin deebiine.
‘‘Namoonni hangamii akka du’an osoo beeknu ammalleen waan akkasii raawwatamaa jiraachuun amanuudhaaf ni ulfaata’’ jechuun dubbatan.
Keeneeti Loowu Kaanaadaatti erga to’atameen booda UK keessatti akkasumas dowwannaan mirkanneessuu nageenyaa walfakkaataan namoota summicha bitanii UK keessatti gaggeeffamee ture.
Ejjansiin Nageenya Biyyaaleessa UK, kemikaalicha Keeneeti Loowu irraa bitanii erga poolsiin dowwannaa nageenyaa taasiseen boda namoonni du’an jiraachu mirkanneesseera.
‘‘Dhimmoonni akkasii kan keessuumeeffaman miseensoota poolisiitiin imaamataasaaniifi qajeelfama biyyaaleessaa hordofuudhaan’’ jedha dubbi himaan.
Namoota jaalatan keemikaalichaan kan dhaban Deeviid Parfeektiifi Heelan, waltajjiiwwan of balleessuu kanneen irratti tarkaanfii cimaan akka fudhatamu gaafataa jiru.
Mootummaan UK gamasaatiin seerri nageenya marsarii haaraan bara darbe raggaassiifame mariiwwan waltajjii akkasii kana dhorkuudhaaf gumaataa akka qabaatu dubbateera.