Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waancaa Adunyaa 2022: Tapha Mesii, Ronaaldoo, Mbappe, Neymaar, Modirichiifi bebbeekamoo kaan walitti fidu
Waancaa Addunyaa 2022 irratti injiffannoo Muddee 18 argachuuf dorgommii keessatti kan hafan garee saddeet qofa.
Dorgommii sadarkaa ramaddiifi mo'atanii darbuu keessatti waan ajaa’ibsiisoo adda addaan guuteen booda, amma nuusa xumuraa irra gaheera.
Garee hafan keessaa ja’a kanaan dura injifattoota waancaa addunyaa ykn ammo dorgommii xumuraarra kanneen ga’anidha.
Gartuuleen ja’an kun walummatti dorgommii 10 injifataniiru.
Haala hin yaadamneen ammoo, Morookoon biyya Afrikaa yeroo jalqabaaf xumura walakkaa geessu ta’uuf xiyyeeffachaa jirti.
Morokoon Waancaa Addunyaa irratti sadarkaa nuusa xumuraaf yeroo geessu kun jalqabaa isheedha.
Sagantaan Ispoortii BBC taphoota hafan akkanaan ilaaleera.
Jimaata: Kirooshiyaa v Biraazil, Neezarlaandis v Arjantiinaa
Sanbata: Morookoo v Poorchugaal, Ingilaand v Firaans
Liyoonel Meesi fi Kiristaano Roonaldo maqaa babbeekamo eegaman yoo ta’u, ta’us garuu taphatootti akka Neeymaar, Harii Keen, Kiiliyaan Mbaappee fi luuk Moodrich kanneen eegamanidha.
Taphooti gartuulee afran jiddutti taasifaman ciccimoo waan ta’aniif bu’aan akkamii akka argamu tilmaamun ni cima ta’us garuu tapha bareedaa ta’uu mala.
Lola Ingiliizii fi Firaans
Waggaa 10 boodafi yeroo jalqabaaf tapha wal kuffisuu isaaniin Ingilaand fi Firaans dorgomuuf jiru.
Tapha Euro 2012 irratti gartuuleen lamaan gooli 1-1’n xumuraniiru, ta’us garuu Waancaa Addunyaa irratti kan yeroo dhumaaf wal morkatan bara 1982 irratti ture.
“Taphni Sanbataa baayyee cimaa ta’a,” jedha kaapteeniin gartuu Inglaand Keen. “Firaans gartuu cimoodha, injifattoota waancaa addunyaadhas, kanaaf galgala baayyee cimaa akka ta’u beekna.”
“Yoo Waancaa Addunyaa injifatta ta’e morkataa cimaa addunyaa dorgomuu wayya jedheen yaada, Firaans ammo kunneen keessaa tokkodha.”
Xumura Mesii fi Ronaaldoo?
Dilbata, Mudde 18 irratti Dohaa Itaadiyeemii Lusayiil keessatti morkii cimaatu gaggeeffamuuf jira. Tahattoonni ciccimoo lamaan carraa Waancaa Addunyaa isaanii dhumaaf dorgomuuf jiru.
Taphataan Arjantiinaa Messii fi Taphaataan Poorchugaal Ronaaldoon, waggootii dheeraaf rikordii addunyaa adda addaa irratti wal dhiibaa turaniiru.
Dorgommii Waancaa Addunyaa kanaratti qofa Messiin goolii 1,000ffaa isaa galmeessiseera, Ronaaldoon ammoo Waancaa Addunyaa shan irratti nama yeroo jalqabaaf goolii galche ta’eera.
Taphi dhumaa taphattoota kana jiddutti uumamu ajaa’ibsiiaa ta’a.
Morkii biyyootii Ameerikaa Kibbaa lamaan
Isa dura garuu, taphi cimaan biraa jiraachuu mala.
Yoo tapha Kirooshiyaa fi Neezarlaand waliin qaban injifatan, gartuuleen Afrikaa Kibbaa ciccimoo lamaan Biraazil fi Arjantiinaan istaadiyeemii Lusaayil keessatti wal morkachuu danda’u.
Waancaa Addunyaa yeroo shank an injifatani fi gartuu jaallatamoo kan ta’an Biraazil tapha Kooriyaa Kibbaa waliinii injifachuun dandeetti isaanii ka agarsiisan yoo ta’u, Arjantiinaan ammo Awutraaliyaa mo’achuun sadarkaa kanarra ga’aniiru.
Gartuuleen laamaan waancaa Addunyaa irratti sa’a afur wal morkataniiru, ta’us erga 1990 as wal hin morkanne.
Ta’us garuu taphataan Kirooshiyaa Luka Moodrik fi tahataan Neezarlaand Virjiil van Daayik, taphi Biraazil fi Arjantinaa giddutti argamuu danda’aamoo hin danda’u kan jedhuu irratti dhiibbaa uumuu malu.
Dandeettii addaa Beriigkaamp
Neezarlaandii fi Arjentiinaanis sadarkaa walakkaa xumurraarra ga’uuf yeroo ja’affaa wal morkachuuf jiru.
Tapha bara 1978 irratti Arjaantinaan ijifannoon dabarteetti, tapha dhiyeenya wagga saddeet dura taasifame irrattis Arjantiinaan mo’attee turte.
Ta’us garuu yeroon Waancaa Addunyaa irratti hedduu biratti yaadatamu bara 1998’tti yeroo daqiiqaa dhumaa irratti deenis Beerigkaamp goolii galchuun Neezarlaandiif injifannoo kennedha.
Tapha baranaa irratti Koodii Gakpoo waan wal fakkataa hojjechuu danda’aa laata…?
Ajaa’iba Morookoo
Gooliin injifannoo Achraaf Hakimii galmeessise baayyee ciimaa kan biyyootii hedduu keessatti gammachuu uumedha.
Moorokoon Ispeeniin injifachuun ruubii dhumaa Waancaa Addunyaa irra ga’uun isaanii, maatii mootota birrattis gammachuu uumeera. Taphi erga xumuramee boodaa mootiin Morokoo Mohaammad VI hogganaa gartuu kanaa Waliid Regraguwiif bilbilaan dubbisanii turani.
Taphaa garii fi injifachuuf rakkisoo kan ta’an Moorokoon, Waancaa Addunyaa kana irratti hin takkallee utuu hin injifatamiin kan jiran yoo ta’u, taphoota torban darban keessatti goolii tokko qofatu itti gale.
Moorokoon sadarkaa gartuulee xumuraa saddeet ga’uun biyyootii Afrikaa afur keessaa tokkodha.
Sadarkaa gartulee xumuraa afran irra ga’uufis kan kutatanii jiran fakkaata.
Ta’us garuu, biyyaa yeroo jalqabaaf sadarkaa xumuraa irra ga’uuf kutattee jirtu Poorchugaal waliin morkii cimaatu isaan eeggata.