Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waancaa Addunyaa 2022: Taphataan Kiristaanoo Ronaaldoo bakka bu'e Gonkaaloo Raamos eenyu?
Kibxata galgala dorgommii Waancaa Addunyaa 2022 mo'atanii darbuu Poorchugaal fi Siwiizarlaand walitti fideen Poorchugaal 6-1n mo'achuun gara marsaa itti aanu nuusa xumuraatti dabarteetti.
Nuusa xumuraa- biyyoota saddeet calalamanii darban jechuudha.
Biyyi taphataa collee addunyaa irratti gurra guddaa qabu Kiristaanoo Roonaaldoo, Poorchugaal, galchii hedduu akkasiitiin biyya Awurooppaa biraa Siwiizarlaand yeroo mo'attu namuu Roonaalduu kaasuu hin oolu.
Garuu Kiristaanoo Ronaaldoo daqiiqaa muraasa gara dhumaa jijjiiramee galee qofa taphate.
Taphni osoo hin jalqabamiin duras oduun jiru martinuu akka Kiristaanoo Ronaaldoo hiriiree hin taphanne ture. Bakka isaa taphataan Poorchugaal biraa Gonkaaloo Raamos jedhamu saatii guutuu akka taphatuudha.
Iji kaameraa isteediyoomii keessa ture yeroo kamiyyu, nama kamiyyu caalaa goolii kan lakkoofsise Ronaaldoo irratti walgahaa turan.
Kun ammoo tapha kaleessaan dura turerratti taphataa biraan jijjjiiramuu isaa ilaalchisuun waanta inni jedhe leenjisaa garee Fernaadoo Saantos waan mufachiisee tureefidha.
Bakki teessuma taphattoota warra suuraaniin marfamee yeroo Kiristaanoo Ronaaldoo faara badu ykn fuula dheekkame agarsiisu eeggataa oolan.
Ronaaldoon erga bara 2008 kaasee tapha Poorchugaal biyyi isaa taphattu jalqabarraa hafee hin beeku. Kan kaleessaa kun isa jalqabaati.
Haata'u malee, boodarra qalbiin daawwattootaas ta'e kaameraan Ronaaldoo duukaa turan gara dirree walakkaatti deebiye. Taphataa dargaggeessa umuriin isaa wggaa 21 kan bakka Kiristaanoo Ronaaldoo gale carraa argateen goolii sadii galchuun hatiriika hojjete.
Bakka taphataa cimaa addunyaa hiriiranii akkas milkaa'uun...
Raamos Kiristaanoo Ronaaldoo eeggataa taasisee hiriiree kana galmeessisuu isaatti hedduutu gammade.
Yeroo leenjisaan Poorchugaal Saantos Ronaaldootiin hambisee dargaggeessa kana hiriirsisutti, bu'aa guddaa hanga kana eegee hin turre ta'a.
Gareen isaa Waancaa Addunyaa irratti galchii ja'a lakkoofsisuun mo'achuu qofa miti, taphataan inni bakka Ronaaldoo galche sadii lakkoofsisuun isaa milkaa'ina addaa ta'eera.
Raamos erga bara 1961 taphtaan Hangaarii Filooriyaan Albert Waancaa Addunyaa irratti hatiriika hojjeteen as taphataa umurii xiqqaan seenaa hojjete ta'eera.
Kilaba Benefikaatiif kan taphatu Raamoos goolii sadan lakkoofsise keessaa kan jalqabaa galchuuf daqiiqaa 17 qofa isa fudhate.
Raamos boqonnaa dura goolii lamaffaa lakkoofsisuun, boqnnaarraa erga deebi'ee ammoo goolii sadeeffaa galchuun daqiiqaa 74ffaa irratti jijjiirmee bahe.
Taphataan kun gooliiwwan lakkoofsise sadan qofa osoo hin taane yaaliiwwan ciccimaa inni taasise shakkii tokko malee Ronaaldoo bakka bu'a abdii jedhu uumeera.
Raamos eenyudha?
Ronaaldoon taphawwan Waancaa Addunyaa mo'anii darbuu ja'a irratti gooliiwwan saddet lakkoofsise. Raamos ammoo tapha tokkicha kanarratti Poorchugaaliif sadii lakkoofsiseera.
Ijoollummaa irraa kaasee Benefikaa keessatti kan guddate Raamos, hanga kaleessa tapha Siwiizarland waliin gaggeeffamerratti ajaa'iba hojjeteetti taphoota sadiirratti dhiyaatee walumaagala daqiiqaawwan 33 qofa taphate.
Tapha michummaa Sadaasa keessa Naajeeriyaa waliin taphatan irratti biyya isaaf daqiiqaa 23 taphatee goolii tokko lakkoofsiseera.
Isaan booda dorgommii Waancaa Addunyaa 2022 Qaataar kana irratti tapha Gaanaa waliin taphatan irratti dhumuuf daqiiqaan lama yeroo hafutti, kan Yuraagaay waliin taasisan ammoo yeroo daqiiqaan saddet hafutti seenee taphateera.
Kilaba Benefikaa keessatti ammoo baruma kana keessa taphoota 21 taphatee gooliiwwan 14 galchee, kubbaa ja;a ammoo gooliif mijeessee kenneera.
Tapha bara darbeetiin ammoo taphawwan ja'a taphatee goolii torba lakkoofsiseera.
Dorgommii Waancaa Addunyaa 2022 Qaataaritti gaggeeffamaa jiru kana irratti taphataa jalqaba hatiriika hojjetes ta'eera Raamos.
Dorgommii Waancaa Addunyaa irratti hatiriika hojjechuun bara 2002 irratti taphataan Jarman Miroslaav Kiloos kan yaadatamu yoo ta'u, taphataa kamiyyu caalaa Waancaa Addunyaa irratti goolii hedduu galchuun kan beekamu Kiristaanoo Ronaaldoo ammoo bara 2006 umurii ijoollummaan hatiriika hojjeteera.