Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waancaa Addunyaarratti Neyimaar irratti badii raawwachuun 'haa dhaabatu' jette Biraazil
Neeyimaar miidhuudhaaf badiin heddu irratti dalagamu "dhaabbachuu qaba" jedhan leenjisaan garee kubbaa miilaa Biraazil Titen.
Leenjisaan garee Biraazil kana dubbachuun isaanii taphataa cimaa fi jifataa sarara duraa kan ta'e Neeyimaar erga miidhamee boodadha.
Tapha Kamisa darbe Biraazil fi Sarbiyaan taphatan irratti Biraazil 2-0 dhaan ijifatte. Taphicha irratti Neeyimar daqiiqaa 80ffaa irraatti miidhamaan dirree keessaa bahee ture.
Erga jijjiiramee baheen booda miidhama koroonyoo gubbaa isa mudateen taa'ee osoo boo'uu mul'ate.
Taphataa cimaan umurii 30 kun taphataa biyya Sarbiyaa Nikolaa Milenkovich jedhamuun miidhamni irra gahe.
"Tapha kubbaa miilaan gammaduu yoo barbaadde, badii [taphattoota] irra gahan irratti xiyyeeffachuu qabda," jedhan leenjisaan garee Biraazil Tiiten.
Neeyimar bara 2014 irraa kaasee tapha Waancaa Addunyaa irratti hirmaaten si'a 53 badiin irratti dalagameera.
Kana jechuun taphataa kaan caalaa yoo xiqqaate caalmaa si'a 11'n badiin irratti hojjatame.
Tapha Biraazil Sarbiyaa waliin taasifte irratti taphataa kamiyyuu caalaa badiin si'a sagal Neeyimaar irratti raawwatame.
Neyimaar Waancaa Addunyaa kana irratti sababa miidhamaan taphoota ramaddii lama irratti Biraazilif akka hin taphanne beekamee jira.
Leenjisaan garichaa Titen taphataan kilaba Paris Seent Jermeenif taphatu kun gara fuulduraatti Waancaa Addunyaa irratti Biraazil bakka bu'ee akka taphatu abdii qabaachuu dubbatan.
"Neyimaar fi Daaneellon (miidhamaa biraa) Waancaa Addunyaa irratti ni taphatu jedheen amana. Waa'ee odeeffannoo fayyaa isaanii dubbachuu hin danda'u," jedhan.
Itti dabaluunis, "Waa'ee Neyimaar qofa osoo hin taane Daaneeloonis, lamaan isaanituu ...Waancaa Addunyaa irratti ni hirmaatu jedheen abdadha" jedhe.
Ittisaa kilaba Paaris Seent Jermeen kan ta'ee fi garee biyaalessa Biraazilitti makamuun Biraazilif kan tapahate Daaneloon tapha Biraazil Sarbiyaa wajjiin taphatte irratti akkuma Neeyimaar koroonyoo isaa miidhamee bahe.
Ramaddii Garee G keessa jiran keessaa har'a Biraaziliifi Siwiizarlaand galgala sa'aatii tokkotti taphatu.