Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waancaa Addunyaa: Liyoneel Mesiin abjuu Arjantiinaatti abdii horuu itti fufe
Tapha 1,000ffaa pirofeeshinaalaa taphateen, akkasumas Arjantinaaf ammoo tapha 100’ffaa isaa taphaterratti Liyoneel Mesiin Waancaa Addunyaa millanaa kanaan biyya isaaf abdii horeera.
Waancaa Addunyaa shanaffaa isaa kanaan tapha mo’anii darbuu Waancaa Addunyaa irratti yeroo jalqabaaf galcheera.
Guyyaa Sambataa Arjantiinaan Awustiraaliyaatiin 2fi 1’n injifachuun gara hirboo maayii ykn nuusa xumuraa dabarteetti.
Morkiin isaanii itti aanuus biyya Nezerlaand kan Ameerikaa 3fi 1’n mootee dabarte waliin ta'a.
Erga kubbaa taphachuu eegalee Mesiin wal morkiirratti galchii 789 galcheera.
‘’Galma biraa milkeeffachuu kiyyaan baay’een gammade. Tapha cimaafi rakkisaa ture,’’ jechuun dubbate.
Taphataan ittisaa duraanii Ingilaand Riyoo Ferdinaand tapha irratti ga’umsa Mesiin agarsiiseen akkaan ajaa’ibamuu BBC One gubbaa akkanaan dubbate:
‘’Akkamiin kana gochaa jira? Mataa isaa ol qabee taphattooti kaan akka qaana’an taasise. Taphattoota morkataa dirree guutuu arguu danda’a. Inni waan ajaa’ibaati,’’ jechuun ibse.
Deeggartoonni Arjantiinaas gammachuun "Muchachos, ahora nos volvimo' a ilusionar’’ jechuun sirbaa turan intarneeta gubbaa nama hedduu bira waliin gaheera.
Hiiki isaa ‘’ijoollee dhiiraa ammallee gammadne’’ kan jedhudha.
Yeroo kubbaan xumuramuus dirree keessa deeggartoonni ‘’Mesii, Mesii, Mesii’’ jechuun waamaa turan.
‘’Kuni miira nama ajaa’ibudha. Gammachuu kana deeggartoota waliin qooddachuu kiyyaan baay’een gammade. As dhufuuf waan meeqa keessa darban nan beeka. Tokkummaan qabnu cimaadha.
‘’Deeggartoonnis akkuma lammiilee Arjentiinaa hunduu gammadanii jiru,’’ jechuun dubbate Mesiin.
Dursaan taphattootaa duraanii Ingilaand Alan Shiirar ‘’Yeroo Mesiin kubbaa qabatu dirreen guutuu miila tokkoon dhaabatti,’’ jechuun BBC One irratti dubbate.
Galchiin Mesiin Awustiraaliyaa irratti galche isaaf tapha mo’anii darbuu Waancaa Addunyaa irratti kan jalqabaa ta’us walumaa gala waancaawwan addunyaa irratti isa sagalaffaadha.
Seenaa Gabri’eel Baatistutaa qooddachuuf galchiin tokko qofa isa hafu jechuudha. Galchiiwwan Baatistutaa Arjantiinaaf rikoordiidha.
Maraadoonaan wal fakkaataa?
Arjantiinaan Liyoneel Mesii jalatti Waancaa Addunyaa sadaffaa faana dhahaa jirti.
Yeroo xumuraaf Arjantiinaan kan waancaa ol kaafte bara 1986 bara Diyaagoo Maaraadoonaa yeroo ammaa lubbuun hin jirre sanadha.
Dirree kubbaa miilaa biyya Kataar waancaa Addunyaa baranaa qopheessite alatti uffata taphattootaa Arjantinaa lakkoofsa 10 of duubaa qabuufi maqaan Mesiifi Maraadoonaa irratti barraa’e danuudha.
Qopheessaan BBC fi jifataan duraanii Ingilaand Gaari Linkar ‘’Mo’uf baay’ee rakkisoodha. Wanti walfakkaatu ni jira. Yeroos Maraadoonaan ga’umsa isaa isa olaanaarra ture, amma Mesiin bara kubbaa miilaa xumuraa isaarra jira.
‘’Lamaanuu miila bitaan taphatu, lamaanuu biyya tokkorraa, lamaanuu gabaaboo. Bara garagaraatti taphatu garuu tapha isaanii lamaanuu ittan gammada,’’ jechuun ibse.