Manni-murtii Federaalaa ogeessota fayyaa himatamanirratti guyyaa 12 hayyame

Madda suuraa, Miidiyaa hawwaasaa
Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddacha ramaddii Araadaa guyyaa 21 ooleen yeroo dabalataa ogeeyyii fayyaa sagal irratti gaafatameen guyyoota 12 hayyame.
Dr. Maahileet dabalatee ogeeyyiin fayyaa sagal Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddacha ramaddii Araadaatti dhiyaatan irratti yeroon qorannaa guyyoota 12 hayyamamuu miseensi maatii Dr. Maahileet Guush BBC'tti himan.
Ogeeyyii fayyaa "humoota farreen nageenyaa irraa ergama fudhachuun magaalaa keessatti jeequmsaaf hokkora kaasuudhaan" shakkaman sagal kunnen: Dr. Maahileet Guush, Dr. Saamu'eel Hayiluu, Dr. Miikiyaas Alam, Dr. Ruut Amaaree, Dr. Hayilayesuus Nigaatuu, Dr. Mikaa'el Tasammaa, Jaafar Abdujilaal, Usmaan Awaayii fi Aallabbachaw Faqiiti.
Yakka "dhukkubsattoota hin waldhaannu jechuun, lagannaa hojii kakaasuu, humnoota farreen nageenyaa waliin qindoomuun jeequmsaa fi hokkora kaasuu; qabiyyee fi ergaa gara garaa miidiyaalee hawaasaa irratti gadhiisuun hawasaa fi saboota walitti buusuudhaan ummanni mootummaa irratti amantaa akka dhabuu fi akka fincilu" gochuu jedhuun akka shakkaman oolmaa dhaddachaarraa hubatameera.
Poolisiin "ragaalee namaa fi sanadaa hamma walitti qabnutti" akaksumas "hospitaalota isaan hojjechaa turan keessatti danqamuu yaalaatiin lubbuun namoota danuu du'uun hospitaalotarraa hamma mirkaaneessinutti" jechuun yeroo dabalataa guyyoota 14 kan gaafate yoo ta'u manni maurtii guyyaa dabalataa 12 hayyameera.
"Jalqabarra ogeeyyiin fayyaa salganiifuu himannaa tokkotu dhiyaate. Innis bakka hojii isaaniitti argamuu dhabuudhaan, waadaa galan raawwachuu dhabuu isaaniitiin miidhaa qaqqabetti itti gaafatamu kan jedhu ta'uu" ta'uu BBC'tti himan miseensi maatii Dr. Maahileet.
Dr. Maahileet ganna lamaa oliif hojii mootummaa irratti akka hin argamne kaasuun yakki isheen ittiin shakkamte akka ishee hin ilaallanne gama abukaatoo isheetiin ka'uu hima miseensi maatii Dr. Maahileet.
Dr. Maahileet daa'ima ganna tokkoof ji'a jahaarraa kan hidhamte yoo ta'u, hidhamuunsheen dura BBC Afaan Oromoo fi sagantaa BBC Focus on Africa irratti dhiyaachuun haala rakkisaa ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa keessa jiran irratti yaadashee kennitee turte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sochii lagannaa hojii ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa tibbana taasisaa jiran hordofee pirezidantii waldaa hakimootaa dabalatee ogeeyyii hidhaman keessaa 19 ol gadhiifamanis hidhaan ammallee itti fufuun ogeeyyiin 100 ol mana hidhaa jiraachuu qindeessitoonni sochii ogeeyyii fayyaa BBC'tti himaniiru.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa Caamsaa 21 baaseen ammoo "lagannaan hojii dhaabbilee fayyaa keessatti taasifamaa jiru dhiittaa mirga namoomaatiif balbala akka hin banne xiyyeeffannoon kennamuu qaba" kan jedhe yoo ta'u "furmaanni waaraan kennuufiin barbaachisaadha" jedheera.
Lagannaa taasifamaa jiruun hospitaalota gara garaa keessatti hanqina ogeeyyii fayyaa irraa kan ka'e waldhaansi danqamuu dabaluun ifoomseera ibsichi.
Lagannaa hojii hordofee "ogeeyyii fayyaa miidiyaalee hawaasaa irratti sochii taasisaniiru" jedhe poolisiin to'atamuu kaasuun, hala qabinsa mirga namoomaa ogeeyyii fayyaa to'annaa seeraa jala oolanii hordofaa jiraachuu hima ibsi Komishinichaa.












